Bara ittaanu sadiif lammaffaan xumuruu booda Artettaan bara dhufu dhiibbaa jala galaa?

Arsenaal leenjisaa Mikel Artettaa jalatti waggoota shan darban waancaa injifachuu hin dandeenye. Bara walitti aanu sadaffaafis liigicha sadarkaa lammaffaa qabachuun xumuraa jira.
Dilbata darbe dirreesaa Emireetsitti tapha bara kanaa isa xumuraa Niiwkaasil waliin taphate 1-0n injifateera. Injifannoon isaa kun bara kanas lammaffaa ta'ee xumuruu mirkaneessituu fakkaata.
Tapha kana booda deeggartootaaf dhaamsa dhaameen abjuunsaanii barri dorgommii yoo dhumu waancaa qabatanii deeggartoota dura dhaabachuu akka ta'e dubbate.
''Waancaa gurguddaa qabannee isin dura dhaabbachuu ture abjuun keenya, sababa adda addaatiin sana gochuu hin dandeenye. Abjuu keenya galmaan gahuun gonkumaa akka nutti hin dimismisne mirkaneessuu qabna. Bara dhufus abjuu kana galmaan gahuuf miira gaariifi fedhii guddaan itti fufuu mirkaneessuu qabna.''
Artettaan istaadiyoomii Emireetistitti ''seenaa mataa keenyaa uumuu qabna'' jedhe. Sana gochuu akka jalqaban himuun, kan dhufu guddaa ta'uu fi salphaa akka hin taanes dubbate. Taphattootnisaa gahumsa qabaachuus hime.
Ofii Mikeel Artettaan bara dhuftu waancaa injifachuu irratti dhiibbaa jala jiraa?
Jifataan Piriimiyeer Liigichaa duraanii Kiliintan Morisan baroota sadan darban waancaatti dhiyaatus injifachuu dhabuun barri waancaa itti nyaatan 20 gahuu booda amma Artettaan dhiibbaa jala jira jedhe.
Qabxii baroota darban sassaabbatan gaafa ilaaltu bara kana badaa gaarii mitii jedha.
''Maanchister Siitii hanga dhumaatti muddanii ture, bara kana garuu akkas miti. Liiverpuul gahumsa walfakkaataarra waan tureef nan dinqsiifadha.'' Ammoo hireen guddaa uumuu danda'anii turan jedha.
''Jifataa lakkoofsa sagalirra taphatu osoo hin qabaatiin akkamiin liigicha injifatta?'' kan jedhu Morisan, Artettaan jalqaba bara dhufuurraa eegalee dhiibbaa keessa gala'' jedheera. Taphataa lakkoofsa sagalii fiduun of jabeessuu qabas jedhe.
Kilabnisaa Artettaa deeggaruun taphattoota akka mallatteesisu ni godha jedhee amana. Achiimmoo keessumaa waancaa Piriimiyeer Liigii akka injifatu eegama jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaaliin abbaa waancaa gochuun gaafatama leenjisaa qofa miti kan jedhu ammoo ittisa duraanii kilabichaa Martiin Kiwooni.
Waancaatti dhiyaatee habuu isaa kanaaf gaafatamaan Artettaa qofa miti taphattootarras gaafatamni jira jedha.
''Yeroo mara addooyyee misirroo ta'uun kubbaa miilaa keessatti miira akkaan badaadha. Ta'ii irra deddeebiin mudatu kana irraa bayyanachuun injifachuuf gree jabaa ta'uu qabda.''
''Bara 2001 Arsen Wenger ogeessa xiinsammuu fidee dhufe, nuti garee cimaa lammaaffaa ta'uu nutti hime. Sababni isaas gabaasni lakkoofsaa jiru isa agarsiisa. Waayee kanaa nuti baayyee gammadoo hin turre. Achii akkas nuun jedhe, lakkoofsi jiru dhugaa jiru ni agarsiisa jedhee hin yaadu jedhe.
''Kutaa huccuu itti jijjiirratan keessa ilaalee as keessa kanneen waancaa addunyaa injifatan jiru jedhe, amma dura waancaa hunda injifattaniittu jedhe. Ergaansaa wanti hanga ammaa hin basne akka qabnuufi isa baasuu akka qabnudha.''
Wenger waan garii godhee ture jechuun, Artettaanis akkasuma gochuu akka qabu hime. Ammoo yeroo mara leenjisaarraa qofa eegamuu hin qabu jedhe. ''Taphattootnis karaa sirrii ta'een deebii kennuu qabu'' jedha.
Bara 2001 garee isa homaa hin injifanne irratti jijjiiramne goone guddaan hin jiru. Garuu bara itti aanu waancaa lama injifanne.''
Akka taphataan duraanii kilabichaa kun jedhutti tarii Arsenaal taphataa sarara duraa isa barbaachisa.
Isaaf wanti ijoon Artettaan gochuu qabu xiinsammuu jabaa ijaaruudha.
''Dhugaatti milkii argachuuf wanti isaan barbaachisu xiinsammuu asii olitti ani ibseedha- garee cimaa injifachuuf fedhii guddaa qabu, yeroo injifachuu dhaban dhukkubbiinsaa kan akkaan itti dhagaahamu ijaaruudha.''












