Arsiitti milishaan nama rifeensa muraa ture 'maaf walgahii hinbaane' jechuun kilaashiin ajjeese akkamiin adabame?

Madda suuraa, Getty Images
Taateen Godina Arsii Aanaa Jajuutti mudate kun waan amanuuf nama rakkisuudha jedhu jiraattoonni.
Innis, miseensi milishaa meeshaa waraanaa nagaa ummataa akka ittiin eeguuf itti kennameen lubbuu namoota nagaa lama haala rifaasisaa ta'en galaafate.
Abbaa alangaa godina Arsiitti abbaa adeemsa qorannaa yakkoota adda addaa kan ta'an Obbo Aschaaloo Alamaayyoo waa'ee taatee kanaa BBC'tti himan.
Himatamaan maqaan isaa Mohaammad Amiin Kadir jedhamu kun Godina Arsii aanaa Jajuutti milishaa gandaati.
Milishaan kun aanaa jajuu ganda Alaagaa Duree jedhamutti ALI gaafa 13/04/207 meeshaa waraanaa kilaashii jedhamu hojii nageenyaatiif hidhateen lubbuu namoota lamaa galaafate.
Miidhamaan dhuunfaa Hasan Nuuruu jedhamu gandicha bakka Gabaayaa Harawaa jedhamutti rifeensa sirreessaa ture.
Milishaan kunis bakka hojii miidhamaa kanaa deemuun 'maaliif walgahii hin baane?' jechuun haalduree tokko malee kilaashii qabatee jiru nyaachifachuun utuma miidhamaan kun rifeensa sirreessaa jiruu dhukaasee ajjeese.
"Miidhamaan rifeensa sirreessaa ture battalumatti du'e. Manicha keessa kan ture namni biraa kan Gannaa Abdurroo jedhamu ammoo rasaasuma milishaan dhukaase kanaan miidhaan irra gahee mana yaalaatti erga geeffameen booda lubbuun isaa darbe" jechuun waa'ee taatee kanaa BBCtti himan Obbo Aschaaloon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Milishaan kun tarii miidhamaa kana waliin haaloo fi lola qabu turee? jennee kan gaafanne Obbo Aschaaloon, ''galmeen qorannoo yakkamaa kanaa sababa 'walgahii maaliif hin baane' jedhuun alatti dhibdeen taatee sanaatiin dura namoota kanneen gidduu ture hin jiru,'' jedhan.
Waajjirri poolisii Aanaa Jajuus milishaa sababa 'walgahii maaliif hin baane' jedhuun nama osoo hojiirra jiruu ajjeese kana to'achuun galmee qulqulleessee abbaa alangaa Godina Arsiif dabarse jedhan dabaluun Obbo Aschaaloon.
Isaan boodas, abbaan alangaa Godina Arsii nama kanarratti galmeewwan himataa lama banuun mana murtii olaanaa Godina Arsiitti dhimmichi ilaalamaa ture.
Himatamaan kunis ragaa ittisaa nama tokko dhiheeffatus ragaan kun irraa ittisuu waan hin dandeenyee fi abbaan alangaa ragaa namaa fi mana yaalaa dhiheeffachuun himatamaan kun yakka ittiin himatame lamaaniinuu balleessaan irratti murtaa'eera jedhu.
Haaluma kanaan galmee himannaa kana ilaalaa kan ture manni murtii olaanaa Godina Arsii, falmii gama lamaaniitu bu'uura godhachuun dhaddacha ALI gaafa 18/07/2017 ooleen, miseensi milishaa kilaashiidhaan lubbuu namoota lamaa galaafate kun hidhaa cimaa waggaa 21n akka adabamuuf murteessuu himan Obbo Aschaaloon.












