Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaanitti haleellaa diroonii Masjiida irratti raawwatameen 78 ajjeefaman
Sudaan bulchiisna Daarfuur keessatti haleellaa diroonii Masjiida irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni 78 ajjeefamuu maddi wallaansa fayyaa onaanoon tokko BBCtti himan.
Haleellaan guyyaa Jimaata har'aa magaalaa el-Faashar keessatti raawwatame kanaaf himannaan Humnoota Deeggarsa Saffiisaa (RSF) irratti kan dhiyaate yoo ta'u, garichi garuu itti gaafatamummaa hin fudhanne.
RSF fi waraanni biyyattii erga wal waraanuu eegalanii amma waggaa lamaa ol lakkoofsiiseera.
Gareen RSF wayita magaalaa el-Faashar guutummaan to'achuuf waraana gaggeessaa jiran kanatti eddoowwan dabalataa qabataa jiraachuun himameera.
Magaalaan kunis waraana biyyattiitiif Daarfuur keessatti bakka itti deeggara cimaa qabuufi bakka lammiileen nagaa 300,000 ol sababii waraanaatiin itti danqamaniidha.
Jiraatoonni tokko BBCtti akka himeetti haleellaa sa'aatii salaataatti raawwatameen battalumatti namoota hedduu ajjeesse.
Maddi wallaansa fayyaa tokkoo ammoo namoonni 78 ajjeeffamanii 20 miidhaaan irra gahuu dubbachuun, ammalleen reeffa jijjigaa gamoo jalaa baafamaa jiraachuu dabaluun himan.
BBC Verify ammoo suuraa reeffa namoota 30 uffataan maramee dhiheenya masjiidichaa kan lixa magaalatiitti argamu mirkanneeffachu danda'eera.
RSF torban kana haleellaa El-Faashar kan waggaadhaan oliif marsee ture irratti akka haaraatti haleellaa bane. Gabaasaaleenis haleellaan kunis kaampii bakka ummanni buqqa'e keessa dahatu Abu Shouk dabalate akka raawwatamu himan.
Akka Yunivarsitiin Yaaleetti Laaboraatoorii Qorannoo Namoomaa (HRL) kan waraanaa to'atuutti, suuraaleen saataalaayiti gareen RSF amma kaampp irra caalaa akka to'ate akka agarsiisu.
Akka kutaa kanaatti suuraaleen saatalaayitii akkasumas Waajira Mummee Humna Walii, kan gareewwan hidhaattoota waraanaa Sudaan waliin hiriiranii seeneera.
Waajirri mummeen kunis dallaa UN duraanii keessatti kan argamu yoo ta'u, innis sarara murteessaa ittiisaa akka ta'etti yaadama ture.
BBC Verify suuraalee loltoonni RSF gamoo sana keessa jiraachuu agarsiisuu kan mirkanneesse yoo ta'u, garuu guutummaan to'achuufi hiisuun ifa miti.
Gareen kun tobana cimaa dhufuun isaanii buufata xiyyaara el-Faashar fi waajira mummee kutaa waraanaa akka kallattiin haleellaa RFS keessa galu taasisan.
Akka Laaboraatorii Qorannoo Namoomaa kanatti waraanni biyyatti deebiisee yoo humnasaa hin cimfanne magaalaan el-Faashar harka RSF galu dandeessi.
RSF guutuun magaalattii qabachuun isaa ammoo gareen kun kutaa lixa biyyattii to'achuudhaan addan bahuu qabatamaan kan cimsuufi, waraanni biyyattii kaabaa fi bahaa qofaatti akka hafu mirkaneessa.
Xiinxaltoonni fi aktivistoonni Sudaan gareen kun namoota nagaa ammallee magaalattii keessatti argaman kanneen irra caalaan isaanii saba gareewwan isaan akka diinaatti ilaalanii t'an irratti xiyyeeffachu mala jechuun yaaddoo ibsu.
Jimaata darbe gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baaseen, ''waldhabdeen kun sabummaan dabalaa dhufuu'' akeekkachiisee ture. Gama lamaaninu namoota paartilee mormitootaa waliin tumsan jedhan irratti haaloo ba'aa akka jiran ibseera.
Haata'u malee, dhaabbanni UN fi dhaabbileen idil-addunyaa biroon garee RSF imaammatasaa sirnaawaa ta'een saboota hawaasa Arabaa hin taane naannawa to'ate keessaa qulqulleessuu galmeessaniiru.
Gabaasa dhiheenya kana dhaabbanni tola ooltummaa yaalaa 'Doctors Without Borders' baaseen, loltoonni RSF ''karoora El Faashar hawaasa ishee Arabaa hin taane irraa...qulqulleessuuf' qaban dubbataniiru'' jedheera.
RSF kanaan dura himannaa akkanaa ''waldhabdee gosaa'' waliin hidhata hin qabu jechuun haaluunsaa ni yaadatama.