Dirree keenya irratti 'waan nu dhaabsisan miti' - Jaak Giriilish

Vinishiyes Juuner fi Kaayil Wooker

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Maanchister Siitii Jaak Giriilish yeroo dirree isaanii irratti Riyaal Maadirid simatan, Maanchister Siitiin "waan dhaabsifamu’’ natti hin fakkaatu jedhe.

Taphni deebii walakkaa xumura Shaampiyoonsi Liigii kilaboota lamaan gidduutti gaggeeffamu kilabota lamaaniif carraa qixa tahe kenna. Tapha jalqabaan qixa 1 fi 1’n xumuran.

Waggaa darbe yeroo akkasiitti daqiiqaa xumuraa irratti Riyaal Maadirid galchii lama lakkoofsisuun yeroo dabalataa irratti Maan Siitii mo’atee darbe.

"Erga bara darbee waan baay’ee baranneerra,’’ jedhe Giriilish.

"Bara kana garee haaraa, taphattoota adda tahan qabna. Kun waan bara darbeeti. Muuxannoo gaarii tahee fi dargaggoota gahumsi isaanii guddaa tahe qabna. Taphattoota na waliin jiran kanneen waliin dirree seenuun caalaa ofitti amanamummaan natti dhaga'amee hin beeku," jedhe.

Bara darbe Maan Siitiin galchii lamaan caalee gara Saantiyaagoo Bernaabootti imale. Hanga daqiiqaa 90tti dursaa turus daqiiqota muraasa dhumaa keessatti garuu ni kufe.

Roodiriigoon galchiiwwan lama lakkoofsise. Kaarim Beenzeemaan ammoo rukuttaa peenaaliitii daqiiqaa dabalataatti argatan lakkoofsise.

Galchii waliigalaa 6 fi 5’niin Riyaal Maadirid xumuraaf darbuun shaampiyoonaa tahe.

Bara kana garuu taphni deebii Etihaad irratti gaggeeffama. Gareen Peep Gaardiyoolaa walitti aansuun taphoota 14 mo’ataniiru.

Qabxiin amma jiru Maan Siitiin darbuu akka danda’u akeeka.

"Etihaad irratti waan nu dhaabsisan miti,’’ jedhe Jaak Giriilish.

"Mo’achuuf ture dirree kana kan dhufne. Dhumarratti qabxii gaarii natti fakkaata. Isaanis carraa argataniiru. Nuyis akkasuma."

‘Tapha xumuraa mo’achuun beekamna’

Karra eegaan Riyaal Maadirid, Tiiboo Koortohaa shaampiyoonaan bara darbee waan tuffataman miti jedhe.

Dorgommii bara kanaatti Cheelsii fi Liiverpuuliin dirree keenyaan ala amansiifnee mo’anneerra jedhe.

"Torban dhufu akka tapha xumuraa taha. Tapha xumuraa irratti mo’achuudhaan beekamna,’’ jedhe.

Riyaal Maadirid taphoota sagal dirree isaa irratti osoo hin mo’atiin hafe keessaa tapha deebiin mo’atee kan darbe yeroo lama qofaadha. Innis Maanchister Yuunaayitid waliin bara 1999 fi 2012-13 ture.

Lamaan isaanii keessaa mo’atee kan darbu AC Miilaan Ykn Inter Miilaan keessaa kan mo’atu waliin xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif Istaanbulitti taphatu.

Taphni darbii miilaan guyyaa Roobii AC Miilaanii fi Inter Miilaan gidduutti gaggeeffamu haalaan eegamaa jira.

Taphni kun darbii kana dura beekamuun ol taha. Kilabootni lameen taphicha injifachuf carraa qixa tahe qabu.