Tiishartiin Mesii Waancaa Aunyaa 2022 irratti uffate jaha doolaara mil 6.1n gurgurame

Madda suuraa, Getty Images
Tiishartiin Liyonel Meesii yeroo tapha Waancaa Adunyaa 2022 uffate jaha caal baasii Sotheby irratti doolaara miliyoona 7.8 tahutti gurgurame.
Caal-baasiin kun Ameerikaa magaalaa Niw Yoorkitti gaggeeffame.
Mesiin Waancaa Adunyaa biyyi isaa Arjentiinaan Faransaayiin mo'achuun fudhatte irratti dursaa taphattootaa ture.
Tiishartiin amma gurgurame kun tapha boqonnaa duraa xumura waancaa, walakkaa xumuraa, nuusa xumuraa fi tapha xumuraa gara 16tti makamuuf taphatan irratti kan uffatee fi taphoota lama garee irraa darbuuf uffatedha.
Gurgurtaan Tishartii rikardii qabatee jiru kan Deegoo Maraadoonaa yoo tahu, innis kan Waancaa Adunyaa irratti uffachuun taphatee galchii lakkoofsisedha.
Tiishartiin Maraadoonaa doolaara miliyoona 7.1 kan baase yoo tahu,galchii isaa 'Hand of God' jedhamtu irratti kan uffatedha.
Maraadoonaan tapha Waancaa Adunyaa bara 1986 irratti osoo biyyi isaa Ingilaandi wlaiin taphattuu harkaan tuquun galchii lakkoofsisee ittiin mo'atan.
Akka ammaa VAR waan hin jirreef irra deebiin waan ihin ilaalamneef malee silaa galchiin sun ni haqamti ture.
Tiishartiin Maraadoonaa taphicha irratti uffate kunis bara 2022 keessa gurgurame.
Mesiin badhaasa Ballon d'Or yeroo saddet mo'achuun rikardii qabateera.
Mesiin taphataa Waancaa Adunyaa tokkicha irratti tapha garee keessaa darbuuf taasisan, 16 keessatti nuusa xumuraa, walakkaa xumuraa fi xumura waancaa irratti lakkoofsise jalqabaa tahe.
Galiin gurgurtaa kana irraa argame hospitaala daa'immanii Baarseloonaa kan Faawondeeshinii Mesiin deeggaramuuf oola jedhe dhaabbanni caal-baasicha baase.
Hospitaalichatti daa'imman dhukkuba hin baramneen miidhamaniif yaaliin kennama.















