Pirezidantin duraanii US Jiimii Kaartar umurii koo hafte manattan dabarsa jechuun waldhaansa dhiisuufi

Jiimii Kaartar

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantin duraanii US Jiimii Kaartar waldhaansa hospitaalatti godhamaafii jiru dhiisun manatti deebi'uuf murteessuu faawundeeshiniin isaanii beeksise.

Dhaabbatichi akka beeksisetti Kaartar waldhaansa taasifamaafi jiru dhiisanii mana isaanii Joorjiyaatti argamutti maatii isaanii waliin bara isaan hafte dabarsuu akka barbaadan dubbatan.

Jiimii Kaartar manguddoo ganna 98 yoo ta'an, dhibee kaansarii 'melanoma' jedhamuun qabamanii rakkataa jiru.

Jiimii Kaartar pirezidantii Ameerikaa umurii dheeraa lubbuun jiran yoo ta'an bara 1977-81'tti marsaa tokko qofaaf pirezidantii US ta'uun tajaajilan.

Dorgommii marsaa lammaffaa irratti garuu Roonald Reeganiin mo'amanii ture.

Jiimii Kaartar amma dhibeen rakkataa jiraniis waldhaansa caalaa manatti kunuunsaafi nama isaan jajjabeessu akka barbaadan ibsuu faawundeeshiniin The Carter Center Sanbata darbe beeksiseera.

Kaartar akaakayuutti kan ooluf Jeeson Kaartar, senaatara Joorjiyaa kan turan, fuula tiwiitara isaanii irratti akaakayyuufi akkawoo isaanii mana deemun dubbisanii akka turaniifi nagaa akka qaban ibsan.

"Akkuma yeroo kaanii manni isaanii jaalalaan kan guutedha. Waan gaarii hawwuun jajjabeessuu keessaniifis galatoomaa," jechuun barreessan.

Bara 2021'tti Jiimii Kaartariifi haati warraa isaanii Rozaalin waggaa 75ffaa gaa'ela isaanii kabajatanii turan. Ijoollee afur horataniis qabu.

Dilbata Guraandhala 19 pirezidantin US Joo Baayidan haadha warraa isaanii Jill Baayidan wajjiin ta'uun "michoota keenya Jiimii [Kaartarii]fi Rozaalinif" kadhataa jirra jechuun barreessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiimii Kaartar bara 1924 Joorjiyaatti kan dhalatan yoo ta'u bara 1960 keessa seenaatara ta'un filatamuun siyaasatti makaman.

Waggaa shan booda pirezidantii yeroo sanaa Geraald Foord mo'achuun pirezidantii Ameerikaa 39ffaa ta'uun filataman.

Baay'ee osoo hin turin bulchiinsi isaanii rakkoon raafamuu eegale.

Hojii guddaan Kaartar ittiin yaadataman walii galtee Masiriin ifatti Israa'el biyya ta'uu ishee itti simatte Camp David Accords jedhamu akka mallataa'u dhiibbaa gochuu isaaniiti.

Akkasumas bo'oon bishaan Panaamaa abbummaan isaa Panaamaadhaaf akka deebi'u walii galtee mallatteessudhaanis milkaa'inatti lakkaa'amaaf.

Garuu bara 1979tti mootummaan Iraan aangoo irraa kaafamuun lammiilen Iraan 66 magaala Tehraan keessatti ugguramuu hordofee Kaartar walitti dhufeenya dippiloomasii Ameerikaan Iraan waliin qabdu addaan kutuun qoqqobbii daldalaa irra kaa'an.

Lammiileen guyyoota 444 ugguramuu isaanii hordofee dhageettin Jiimii Kaartar US keessatti qaban akka malee gadi bu'e.

Roonald Reegan hanga pirezidantii ta'anii dhufanitti Iraan lammiilee Ameerikaa uggurte gadi hin lakkisin turte.

Jiimii Kaartar

Madda suuraa, Getty Images

Erga pirezidaantummaa irraa bu'an booda dhaabbata tola ooltummaa Carter Center jedhamu hundeessuun hojii namoomaafi tola ooltummaa irratti ciminaan hojjataa turan.

Hojii mirgoota namoomaa irratti hojjateef bara 2002'tti badhaasa Nobel Peace Prize argatanii ture.

Neelsan Mandeellaa wajjiinis nagaafi mirgoota namaa irratti hojjachuu kan danda'an garee jaarsolii hundeessanii turan.

Boodarra garuu dhukkubsatee mana yaalaatti deddeebi'uu eegalan.

Amma immoo mana kootti umrii koo hafte dabarsuu naaf wayya jechuun mana isaaniitti deebi'uu filatan.