Shamarree osoo digirii jalqabaa barataa jirtuu kalaqaan maqaa biyyaa waamsiste

Madda suuraa, Hermela
Hermeellaa Hayilagoorgis jedhamti. Magaalaa Ambotti dhalattee guddatte. Barnootashee sadarkaa tokkoffaas achuma Ambotti goolabde.
Barnootasheetti qaxalee waan turteef mana barnoota bultii addaa Oromiyaa Adaamaatti hordofte. Yunivarsiitii Jimmaatti ammoo barattuu Sooftiweer Injinariingiiti.
Kaadhimamtuu eebbifamtoota bara 2025 kan taate, Hermeellaan barnootashee yunivarsiitii goolabdee eebbifamuuf guyyaa lakkaa'aa jirti.
Shamarreen kun osoo barattuu yunivarsiitii waggaa arfaffaa turterraa kaastee hojiilee kalaqaa gara garaatiin biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomaa turteetti.
Pirejeektiin ittiin eebbifamuuf hiriyootashee afur waliin hojjetanis sadarkaa tokkoffaatti filatame. Badhaasaa fi beekamtiis ittiin argatteetti. Shamarreen kun haala keessa dabartee fi waa'ee kalaqashee irratti BBC waliin turtii taasisteetti.
Maatiin Hermeellaa dubaroota afur qabu. Hermeellaan maatiisheetiif intala qixisuudha. Kalaqa waan jaalattuuf gosa barnoota Sooftiweer Injinariingii akka galte dubbatti.
Abbaafi haatishee waan hunda gochuu akka danda'anitti akka isaan guddisan himti. Barnootashee sadarkaa tokkoffaa erga xumurteen booda maatiirraa adda baatee Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamaatti barnootashee sadarkaa lammaffaa hordofte.
'Waanan kalaqa jaaladhuufan Sooftiweer Injinariingii gale'
"Barattoota sirriitti qopheessa. Barattoota qaxalee ta'antu barata. Namni [M/B WMA] galee barate tokko yaadama cimanii waliin hojjechuu sirriitti fudhatee baha. Namoota qaxaleetu walitti qabama waan ta'eef, hojjechuufis mijataadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Barattoonni maatiirraa adda bahanii doormii waan jiraataniif, jireenya yunivarsiitiitti jiraatamu dursinee sadarkaa lammaffatti argine jechuudha" jechuun turtiishee Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa ibsiti Hermallaan.
"Kalaqa waanan jaaladhuufan Sooftiweer Injinariingii filadhee gale" kan jettu Hermeellaan, barattuu yunivarsiitii waggaa afaffaa taatee dorgommii wiirtuun gabbina kalaqaa Yunivarsiitii Jimmaa qopheesse irratti hirmaachuun jalqabde.
Ammatti sadarkaa istaartaappiitti kalaqa lama of harkaa qabaachuu himuun, kalaqa qulqullina qorichaa qorachuun qorichoota sadarkaa gadaanaa ykn sirrii hin taane adda baasuuf kan oolu [drug classifier] kan jedhamu yoo ta'u, kan lammaffaa ammoo oomisha qonnaa fooyyessuuf kan ooludha 'Fertigation kit' jedhama.
Kalaqni lameenuu hubannoo namtolchee (AI) kan deeggarame waan ta'eef humnaa fi qabeenya akka qusatus ibsiti.
Kalaqanihsee lammataa haala itti qotee bultoonni xaa'oofi jallisii fayyadaman fooyyessuun gosa biyyee fi haala qilleensaa achi jiruun walsimatu fayyadamuun akkaataa itti oomishni dabalu kan taasisudha jechuun ibsiti Hermeellaan.
Adeemsa qonnarratti sirriitti fayyadamuu dhabauun gatii guddaa nama kafalchiisa" jetti. Itti dabalunis, "akaakuufi hamma xaa'oo gosa biyyeefi haala qabatamaan wal hin simanne hammuma fayyadamnu, oomishni hir'ataa adeema" jetti.
"Jireenyi Itoophiyaa harki caalu qonnarratti waan bu'uureffateef, rakkoo kana karaa teeknolojiin yoo furre jijjiirama guddaa finna jennee amanna" jechuun dubbatti.
Kalaqa kanas hanga yoonaattii laabiraatoorii keessatti qofa yaalaa turuu kan kaastu Hermeellaan ammatti deeggarsa argachaa jiraniin gara qabatamaadhaan yaalii gochuu [beta testing] irra jiraachuu dubbatti.
Maashina kana namoonni akka itti fayyadaman taasisuun galtee isaanirraa argamu ammoo foyyeessuun gara gabaatti baasuudhaaf karoora qabaachuus dubbatti shamarreen kun.
Yaada kalaqaa dorgommii wiirtuu gabbina kalaqaa Yunivarsiitii Jimmaa irratti bara 2024 dhiyeessiteen sadarkaa lammaffaa bahuun badhaasa qarshii kuma torbaatamii shanii mo'atteetti.
Dorgommii idil-addunyaa akka Global Entrepreneurship Festival (GEF) fi dorgommii 'Huawei ICT Competition 2023-2024 National Final Cloud Track' irrattis jila miseensa 9 qabu kan Itoophiyaa bakka bu'uun dorgoman keessaa dubartiin ishee qofa ture. Dorgommicha irrattis lammaffaa bahuudhaan injifatte.
Bifuma walfakkaatuun dorgommii Global Entrepreneurship Festival (GEF) jedhamu Sadaasa 2024 Naayijeeriyaatti qophaa'e kan yaanni kalaqaa kuma sadii irratti dhiyaaterratti dorgomuun sadarkaa digdammaffaa keessa galuun beekamtii argatteetti.
Dorgommiilee idil-addunyaa kanneeniinis carraa ogeeyyii sooftiweer injinaroota biyyoota gara garaa irraa dhufan waliin walbaruu akka argattee fi muuxannoo bal'aa waltajjicharraa argachuu dubbatti.
JCrafts- pirojeektii eebbaa sadarkaa tokkooffaa bahuun badhaafame
Dorgommiiwwan kalaqa teeknolojii biroo sadarkaa biyyaatti taasifaman irrattis hirmaachuun beekamtii fi badhaasa gara garaa argatteetti.
Bara kanas dorgommii pirojeektii eebbaa barattoonni waggaa dhumarratti hojjetan keessaa hojii Hermeellaan hiriyootashee biroo afur (Firaa'ol Tasfaayee, Tokkummaa Abdiisaa, Lalisaa Bulaa fi Naa'ol Fissaa) waliin ta'uun hojjetan sadarkaa tokkoffatti mo'achuun badhaafameera.
Jaataniin eebbaa kunis JCrafts jedhama. Namoonni bu'aalee hojii mukaa gurguran salphaatti oomisha isaanii beeksisuu fi gurgurachuu akka danda'an kan taasisu ta'uu himti Hermeellaan.
JCrafts pilaatfoormii e-commerce yoo ta'u teeknolojii 3D fi AR'tiin deeggaramuun boca oomisha mukaa tokko guutummaasaa kan agarsiisudha. Namni bitatus salphaatti odeeffannoo argachuun cinaatti mijaa'ina yookaan miidhagina meeshaan sun manasaa keessatti qabaatu ilaaluu dandeessisa jechuun waa'ee pirojeektii isaanii tokkoffaa bahee ibsiti.
Dabalataan haala kafaltii fi geejibaallee achumarratti xumurachuun salphaatti meeshaa mukaa naannoo Jimmaatti bal'inaan oomishaman bituu fi gurguruuf kan oolu ta'uu dubbatti Hermeellaan.
Hermeellaa fi barataa Firaa'ol ammoo maqaa yunivarsiitii Jimmaa waltajjii idil-addunyaa irratti waamsisuudhaan addatti carraa barnootaa digirii lammaffaa itti baratanii fi adda beekamtiin argataniiru.
Barataa Firaa'olis pirojeektii eebbaa kanaan alattis biyya Chiinaa deemee dorgomuun mo'atee maqaa yunivarstii fi biyyaa waamsiseera.
"Wixinee irraa kaasanii gorsitoonni keenya baay'ee jaalatanii turani. Sirriitti nu deeggaraa turan. Waggaa dhumaa qormaataaf qophaa'aa pirojeektii akkasii hojjechuun yeroo fi xiyyeeffannoo guddaa" akka gaafatu ibsiti.
Miseensonni garee hunduu cichoominaan hojjechuun firii dadhabbiisaanii arguu dubbatti. Kanaanis hojiinsaanii "best project of the year 2025" ta'uun mo'achuutti gammaduu dubbatti shamareen kun.
'Kaayyoonkoo danda'ee akka danda'amu agarsiisuudha '
"Dubartii ta'uudhaan walqabatee qormaanni dhufan, namoonni dubartootarratti amantaa badaa hin qabani. Altokko tokko hojii walfakkaataa dandeettii walfakkaataan osoo hojjettuu, namoonni isa dhiiratu waan fooyyee qabu hojjeta jedhanii yaaduun'' jiraachuu kaafti.
''Shakkiin inuma jira. Altokko tokko otuma itti agarsiistuuyyuu sin fudhatan. Rakkoon akka kanaa ni jiraata. Waantoota baay'eesaa ammoo dandeenyeetuma dabarra, dubartoonni jajjaboodha jedheen yaada'' jetti Hermellaan.
Itti dabaluunis, ''Waantota xixinnoo dhiisiitii qormaata jajjabaa keessa darbanii dubartoonni deeman jiru. Wanti guddaan namni qormaataa keessa darbee agarsiisuu danda'e warra kaaniif onnee ta'a.
''Anattis dubartoota baay'eetu onnee natti hore. Anis abjuunkoo, kaayyoonkoo isadha. Danda'ee akka danda'amu agarsiisuudha" jechuun qormaata keessa darbuun kaaniif fakkeenya ta'uu akka barbaaddu dubbatti Hermeellaan.
'Haatikoo dubartii cimtuudha'
Maatiinshees yeroo ishee guddisan yaadama waan yaadde milkeessuu dandeessa jedhuun ta'uu kan kaastu haati kalaqaa kun, keessumaa haatishee fakkeenya guddaa akka taateef yaadatti.
"Hundi keenya dubarootadha. Mana keenya haasaan dubaroota waan taataniif kana gochuu hin dandeessan jedhu hin jiru. Inumaa ergan manaa baheen ilaalchi akkasii jiraachuu bare.
''Haatikoos, abbaankoos namni kamiyyuu waan hojjetu akkan hojjechuu danda'utti amanu. Haatikoos dubartii cimtuudha, hojii cimaa hojjetti. Hojii dhiiraa, dubaraa waanti jedhamu akka hin jirre kan nutti agarsiistemmoo isheedha. Isheen yeroo mara fakkeenya naa taati. Abbaan keenyaas waanti dadhabnu tokko akka hin jirre nutti hima" jechuun haala ittiin guddatte ciminaa fi bilisummaa kalaqaa har'a qabduuf bu'uura ta'uu dubbatti.
Barnoota barachuun murteessaa ta'uu kan himtu shamarreen kun digirii fudhachuun olitti "namni hawwasumaa bara, akkamitti namoota waliin jiraachuu akka qabu barata, namoota gara garaa waliin hammuma haasofnu sammuu keenya qarra, muuxannoonis baarnootaan waan argamuuf" barnoonni waan kamiifuu bu'uura ta'uu dubbatti.
Barnoota isheetiin qaxalee kan taate shamarreen kun barattoota dubaraa muummee ishee keessaa qabxii olaanaa galmeessuus himti.
"Biyya alaa deemee carraa dorgommii lama irratti hirmaachuu argadheera. Achirraa kanan hubadhe Itoophiyaanonni ofitti amanamummaan xinnoo nu hafa. Namoota biroo waliin walbira qabamee yoo ilaalamu xinnoo waanti ofqabnu wayii jira. Dandeettii dubbachuu, dandeettii teeknikaas walqixa qabannee xinnoo nu qaba" jetti Hermeellaan.
Kanaanis waan qabnu sirriitti baasnee dubbachuu fi ibsuu barachuu qabna jechuun waan yeroo sadarkaa idiil-addunyaatti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomaa turte taajjabde dubbatti.
Ogummaasheetiin waan hiika qabu hojjechuun dhiibbaa gaarii uumuun biyyashee tajaajiluun ammoo karoorashee egeree ta'uu himti.
Yunivarsitiin Jimmaa namoota yaada kalaqaa hawaasa fayyadu otoo qabanii sababa hanqina maallaqaatiin socho'uu dadhaban deeggaruuf jecha wiirtuu gabbina kalaqaa (Innovation Incubation Center, Jimma University (JU-IIC) jedhamu bara 2023 hundeessuun deeggarsa gorsaafi kaan kennaa jiraachuu, daarektarri Wiirtuu Gabbina Kalaqaa, Adaanaa Taaddasaa kanaan bura BBC'tti himanii turan.
Deeggarsa erga eegalee yaadota kalaqaa 27 ta'an sadarkaa gaariirraan gaheera. Isaan keessaayis sadii sadarkaa oomishasaanii gabaatti dhiyeessuurra akka gahanis kaasanii ture darektarichi.
Namoonni yaada kalaqaa gaarii qabaatanis hanqinni maallaqaa, gorsaa dhabuufi bakka hojii mijataa dhabuun hudhaa ta'uu kan kaasan daarektarri kun, deeggarsi yunivarsiitichi namoota yaada kalaqaa qabaniif kennaa jirus rakkicha furuuf akka kaayyeffates BBC'tti himanii turan darektarichi.












