Gaazexeessaan BBC suuraalee qullaaf maallaqa guddaa kaffale jedhame hojii gadhiise

Hiwu Ediwaardis BBC keessatti oduu dhiheessuun kan beekamuu eegale bara 1999 irraa eegaleeti
Ibsa waa'ee suuraa, Hiwu Ediwaardis BBC keessatti oduu dhiheessuun kan beekamuu eegale bara 1999 irraa eegaleeti

Gaazexeessaan BBC suuraa qabiyyee saalquunnamtii qabu argachuuf maallaqa kaffaleera jedhame hojii gadhiise.

Gaazexeessaa beekamaan kun ijoollee ol-adeemoon suuraa miira saalquunnamtii kakaasan akka erganiif maallaqa kaffaleera jedhamuun mata duree falmisiisaa ta'ee ture.

BBCn akka ibsetti Hiwu Ediwaardis sababa ''haala fayyummaasaa hordofuu'' jedhuun hojiisaa gadhiiseera.

Gaazexeessaan BBC keessatti oduu dubbisuun maqaa guddaa qabu kun, suuraawwan qabiyyeensaanii guutummaatti waa'ee saal-quunnamtiin walqabatu hedduu ergisiiseera jedhamuun Adoolessa darbe himatamee ture.

Suuraaleen inni akka ol-adeemtonni erganiif kaffalaa ture kan koorniyaa kamii akka ta'e sirriitti adda ba'ee hin beekamne.

Namichi erga yeroo sana himannaan kun irratti dhihaatee hojiirratti hin argamne, dhumarratti turtii ji'oota kudhanitti siqu booda hojii gadhiise.

Gaazexeessaa gameessi BBC kun, gaazexeessitoota biyyattii sagantaawwan biyyaalessaa akka gabaasaniif waamaman keessaa adda dureedha.

Dhimma gaazexeessaa kanaa ilaalchisee ibsi bal'aan hin baane, Wiixata kaleessaa ibsi gabaabaan ''Hiwu Ediwaardis hojii gadhiiseera, akkasumas BBCtti nagaa dhaameera,'' jedhu qofti gadhiifame.

''Tajaajila waggaa 40 booda gorsa ogeeyyiin fayyaa kennaniif bu'uura godhachuun hojiisaa gadhiisuuf murteesseera,'' jedha ibsi kun dabaluun.

''BBCn xalayaa hojii gadhiisuuf inni galche tole jedhee fudhateera. Kana caalaa yaada kennuun sirrii akka hin taane ni amanna,'' kan jedhus ibsa kana keessatti eerameera.

Suuraalee qabiyyee saal-quunnamtii qabaniif kaffaleera jedhamuusaa hordofee ''rakkoo fayyaa sammuu hamaa'' isa mudateen hospitaala seenuu haati warraasaa ji'a sagal dura ibsitee turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin biyyattii yakki jedhame kun raawwatamuusaaf ragaa waan hin arganneef gaazexeessaa umrii waggaa 61 kanarratti tarkaanfii kamuu akka hin fudhanne ibseera.

Dhiyeessaan sagantaa BBC kun suuraa qullaa akka erganiif kaffaluusaa jalqaba kan gabaase gaazexaa The Sun jedhamuudha.

Gabaasi gaazexaa kanaa yeroo sanatti eenyummaa gaazexeessaa kanaa kan hin eerre yoo ta'u, ol-adeemtota umriinsaanii waggaa 17 irraa eegalee jiran irraa suuraa qullaa argachuuf maallaqa paawondii kuma kudhaniin lakkaa'amu kaffalaa ture jedha.

BBCn seera qajeeltoo iccitii dhuunfaa eeguu dhaabbatichaa waliin walfaallessa jechuun eenyummaa gaazexeessaa maqaan bahee kana ibsuurraa of qusatee ture.

Gaazexaan kun gabaasa isaa kanaaf akka maddaatti haadha ol-adeemaa suuraansaa ergame jedhamee fi abbaa buddeenaa isaa fayyadamee ture.

Boodarra xalayaan ogeessa seeraa daa'ima kana bakka bu'an jedhamaniin barraa'ee maxxanfame gabaasichaan ''kosii, waan bu'aa hin qabne,'' jedheen.

''Himannaa hin malle'' gaazexeessaa kanarratti dhihaate hordofee BBCn keessoo isaatti gamaaggama taasisaa tureera.

Waggoota kurna afuriif BBC keessa hojjetaa kan ture gaazexeessaa Hiwu Ediwaardis dhaabbaticha keessatti hojjettoota miindaa olaanaa (guddaa) argatan keessaati.

Bara 2022 paawondii kuma 400 fi kuma 35 akkasumas bara 2023 paawondii kuma 400 fi kuma 39 fi 999 kaffalamuufii ragaaleen ni mul'isu.

Abbaa ijoollee shanii kan ta'e gaazexeessaan kun maatiisaa waliin Landan jiraata.