'Pirezedantiin Nijeer aangoorra fonqolfaman biyya ganuun himatamu' -Juntaa

Madda suuraa, PA MEDIA
Gurmuun waraana Nijeer aango humnaan qabate Pirezedantii biyyattii aangoorraa fonqolfaman Mohaammad Bazoom biyya ganuu hamaa fi nageenya biyyaa booressuun himachuuf karoorse.
Gareen waraana humnaan aangoo qabate aangoo Pirezedantichatti akka deebisaniif dhiibbaa sadarkaa idil-addunyaatti irra qaqqabu dandamachuuf kun akeektuudha jedhame.
Gareen biyyoota Lixaa Afrikaa ECOWAS waraanni biyyatti angoo humnaan qabate Pirezedaanticha himachuuf karoorsuutti rifachuu hime.
Torban sadiin dura waraanni Nijeer mootummaa erga fonqolchanii as Mohaammad Bazoom gamoo masaraa Pirezedantii jalatti hidhaman.
Bazoom ''haala rakkisaa'' keessatti ugguramanii jiraatanillee miira gaarirra jiraachuu hime hakimni pirezidaantichaa.
Hakiimni kun akka pirezedanticha ilaalu kan eeyyamameef Mohaammad Bazoom hidhaarraa akka hiikamuu dhiibbaan hawaasa addunyaarraa irratti hammaachu hordofeeti.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa hogganaa Nijeer himatamuutti rifachuu ibse.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Vendant Patel, himannaan kun ''haqa-qabeessa kan hin taane fi guutumaan guutuutti sirrii kan hin taane,'' jedhan.
Patel himannichi ''muddama biyyattii keessatti dhalateef fala karaa nagaa hin ta'u,'' jedhan.
''Akka yaada keenyaatti dimokiraasii, haqaa fi olaantummaa seeraa daran arrabsuudha'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gartuun waraanaa humnaan aangoo qabate ibsa karaa TV kenneen, "Pirezedantii aangoo irraa kaafame fi namoota isaa waliin biyya keessaa fi biyya alaa hidhata qaban gantummaa olaanaa fi nageenya keessoo fi alaa kan miidhan" himachuuf ragaa walitti qabuu ibse.
Haata'u malee, dhimma kanarratti odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Mohaammad Bazoom maanguddoon ganna 63 , haadha warraa fi ilma isaanii waliin to'atamanii kan jiran yoo ta'u, haala fayyaa isaanii irratti yaaddoon guddachaa dhufe.
Hogganaan kutaa eegdota pirezedantichaa Jeneraal Abdurahaman Tichiyani erga Pirezedanticha aangoorraa buusanii booda gaafa Adoolessa 26, 2023 bulchaa haaraa Nijeer ta’uu isaanii labsan.
ECOWAS fonqolcha mootummaa kana duubatti deebisuuf tarkaanfii waraanaa akka fudhatu doorsisee kan ture yoo ta’u, hanga ammaatti garuu tarkaanfii waraanaa hin fudhanne.
Hoggantoonni fonqolcha mootummaa gidduu seentummaa kamuu akka ofirraa ittisan akeekkachiisan.
ECOWAS gartuu waraanaa humnaan aangoo qabate qoqqobuun, tajaajila ibsaa Nijeer irraa kute.
Kunis magaalaa guddoo biyyatti Niyaamey dabalatee magaalota gurguddoo biroo keessatti ibsaan addaan cite.
Ecowas tarkaanfiin Bazoom himachuuf fudhatame dubbi barbaacha bifa haaraa ta'uu himuun, taaten kun waraanni biyyattii rakkoo mudate kanaaf furmaata karaa nagaa barbaaduu fedha qabaachuu gabaafame kan faallessu jedhe.
Sambata darbe jilli abbootii amantaa Musliimaa aangoo olaanaa kan biyya ollaa Naayijeeriyaarraa garas dhaqan, rakkoo kana akka dhaabbatu gidduu seenuuf hogganaa waraana kana waliin mariyatan.
Ministirri Muummee waraana biyyatiin muudaman Alii Mahamane Lamine Zeyine, guyyoota itti aanan keessatti ''qoqqobbii nurratti kaa'ame akkamitti akka kaafamu irratti mari'achuuf'' ECOWAS waliin mariyachuuf abdii guddaa akka qaban dubbatan.
Fonqolchi mootummaa Niijar keessatti raawwatame biyyoota ollaa akka Burkinaa Faasoo fi Maalii keessatti raawwatamen walfakkaata.
Naannichatti dhiibbaanRaashiyaan karaa garee Waaginar biyyoota gammoojji Sahaaraa gaditti raawwattu jabaatera.












