Barattoota teknooloojii fayyaa loonii tiksuuf oolu kalaqan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Yarsuma: Tekinooloojii loon tiksuufi fayyaa isaanii eeguuf kalaqame
Barattoota teknooloojii fayyaa loonii tiksuuf oolu kalaqan

Barattoonni Yunivarsiitii Jimmaa meeshaa Yarsuma jedhamu fayyaa loonii eeguun hormaata isaanii gabbisuuf oolu, afaanota torbaan dhangi’uun kalaqan.

Meeshaan kun marsaa duraatiin Afaan Oromoo dabalatee afaanota torbaan akka hojjatutti kalaqame.

Afaanonni kunneenis Afaan Oromoo, Amaaraa, Siwaahilii, Somaalee, Ingiliffa, Tigiriffaafi Walaayittaadha.