'Afrikaan Kibbaa warra adii waan cunqursituuf US yaa'ii biyyoota G20 achitti gaggeeffamurratti hin argamtu' - Tiraamp

Madda suuraa, EPA
Yaa'ii biyyoota dureeyyii addunyaa G20 jedhamuun beekamuu Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamurratti US akka hin hirmaanne Tiraamp beeksise. Biyyattiin warra adii irratti cunqursaafi loogii sanyumaa akka gaggeessitu ibsuuni Tiraamp akka hin hirmaanne kan ibse.
Afrikaan Kibbaa yaa'ii biyyoota dureeyyii kana akka qopheessitu taasifamuun isaayyuu "qaanii guddaadha" jedhe. Gaggeessitoonni biyoota addunyaa diinagdee jabaa qabanii dhuma ji'a kanaa magaalaa Johaanisbargitti wal-gahu jedhamee eegama.
Ministeerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa murtee Waayit Haawus kanatti gadduu ibsuun milkaa'inni walgahicha garuu biyyi tokko qofaan hafteef waan miidhamu akka qabaanne ibsite.
Tiraamp erga aangotti dhufee as Afrikaan Kibbaa namoota adii achi jiraatan irratti duguuggaa sanyii gaggeessite jechuun irra deddeebiin himata.
Haa ta'u, garuu Afrikaan Kibbaa himannaa Tiraamp kana haaltetti. Paartiin siyaasaa Afrikaa Kibbaatti warra adii bakka bu'uyyuu himannaa Tiraamp kana hin fudhatu.
Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa kan ta'an Kirispiin Fiirii ibsa kennaniin, Doonaald Tiraamp "seenaa hadhaa'aa gita bittaa darbe fayyadamuun rakkoo hin jirree uumuu barbaada" jechuun ibsan.
Dabaluunis Afrikaa Kibbaa keessaa cunqursaan warra adiirratti gaggeeffamu akka hin jirre ibsuun, "Afrikaa Kibbaa rakkoo kan mataashee qabdi, isa ammoo irratti hojjataa jirra," yakki saba adii qofa osoo hin taane warra gurraacharrattis akka raawwatamu ibsan.
"US hirmaachuu baattus wal-gahii keenya gaggeessuu ittuma fufna," jedhan qondaalli mootummaa Afrikaa Kibbaa kun.
Tiraamp fuula miidiyaasaa Truth irratti akkana jechuun barreesse: "Wal-gahiin G20 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuunsaa qaanii guddaadha.
"Warri Afrikaanars (namoonni Daach irraa dhufanii achi qubatan akkasumas godaantonni Faransaayifi Jarmanii irraa dhufanii achi buufatan) ajjeefamaafi qalamaa jiru, laftiifi qonnisaanii seeran ala irraa fudhatamaa jira."
"Sarbamni mirga namoomaa kuni raawwachuun itti fufee osoo jiruu qondaalli mootummaa US [walgahicharratti] hirmaatu tokkollee hin jiraatu."

Madda suuraa, Reuters
Waggaa waggaan miseensota biyyoota dureeyyii addunyaa G20 jedhaman keessaa tokko kora qopheessuun ajandaa wal-gahichaa dhiyeessuun baramaadha. Bara kana koricha kan qopheessu Afrikaa Kibbaa yoo taatu, kan ittaanu Ameerikaadha.
Haa ta'u garuu himannaa Tiraamp Afrikaa Kibbaarratti dhiyeessuun bara kana US hin hirmaattu.
Ministeerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa ibsa kenneen warra adii biyyattii keessa jiraatan irratti haleellan addatti xiyyeeffatee gaggeeffamu akka hin jirre ibse.















