Sababni balaa xiyyaara waraanaa Tarkii daangaa Joorjiyaa keessatti caccabee maali?

Balaa xiyyaara Tarkii qondaalota waraanaa 20 ol galaafate

Madda suuraa, Giorgi Arjevanizdze/AFP /Getty Images

Xayyaarri waraanaa Turkii loltoota fe'ee imalaa ture kufee caccabuun loltoonni 20 ta'an jalaa du'uu Ministeera Ittisaa biyyattii hime.

Xayyaarri waraanaa fe'iisaa C-130 jedhamuun beekamuufi abbummaansaa kan Turkii ta'e daangaa Joorjiyaa irratti kufee caccabuuni loltoonni Turkii 20 kan du'an.

Akka gabaasa kanaatti, xiyyaarri waraanaa kun Azarbaajaanii ka'ee gara Turkii yeroo imalaa jiruuttiidha daangaa Jooriyaa keessatti kufee kan caccabe.

Ankaaraan kufaatii xayyaara waraanashee sababni maal akka ta'e hanga ammaa ifa hin goone.

Xiyyaarichi kufee kan caccabe Roobii, kaleessa yoo ta'u, Turkiifi Joorjiyaa irraa qorattoonni bakkichatti argamuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibse mootummaan Turkii.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Joorjiyaa, Galaa Gelaazee, Roobii har'aa yoo ibsan reeffi namoota 18 bakka xiyyaarichi kufee caccabee argameera jedhe.

Reeffi namoota lamaa ammoo barbaadamaa akka jiru ibse.

Maatiin namoota balaa kanaan du'anii gadda kana dhagahuu mootummaan Tarkii ibseera.

Balaa xiyyaara waraanaa tarkii daangaa Joorjiyaa keessatti mudate

Madda suuraa, Getty Images

Osoo akeekkachiisa homaa hin kenniin kufe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyaari fe'insaa Tarkii C-130 jedhamu kun Joorjiyaa bakka Kaaketii jedhamutti kufee caccabe akkuma daangaa Azerbaajaan darbeen ture.

Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Joorjiyaa xiyyaarri waraanaa tarkii raadaarii keessaa dhabamuu beeksise.

Xiyyaarri kun ''mallattoo akeekkachiisaa homaa hin kennine'' jedhe.

FlightRadar24 fi xiinxaltoonni humna ittisaa Trakii lama xiyyaarri kufee caccabe kun umurii waggaa 57 kan qabuu fi gara Humna Qilleensa tarkitti kan makame ammoo bara 2010 tahuu barreessan.

Ministeerri Ittisaa tarkii caccabaan xiyyaarichaa guyyaa kaleessaa argamuu ibseera.

Ogeessi Humna Qilleensaa Ameerikaa C-130, Jaarod Filiipsi, Rooyitarsitti akka himetti, viiidyoo xiyyaaricha kufee irraa akka hubannetti, ''gareen balalii kana irra ture hatattamaan qubachuuf kan gargaaru boba'aa kuusanii qabu'' jedhe.

Suuraan akka agarsiisutti, kutaan gara duubaa jiru osoo balaliirra jiru adda bahuu agarsiisa, karaa koochoo isaa ammoo boba'aan dhimphisaa ture,'' jedhe.

Ameerikaatti ambaasadara Tarkii kan tahan Toom Baaraak fuula X irratti, ''baay'ee gaddeera'' jedhan.

''Maatii namoota miidhamaniif, Humna Waraanaa Tarkii fi uummata Rarkiif jajjabina guddaan hawwa,'' jedhan.

Barreessaa Olaanaa NATO, Maark Ruutee, ''uummata tarkii hundaa fi maatii miidhamtootaaf jajjabanina hawwina jedhan.

Pirezidaantii Azerbaajaanii fi Ministirri Dhimma Alaa Iraanis gadda isaanii ibsataniiru.