Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan bilisa jedhamuun tokkoon balleessaan itti murame

Madda suuraa, SM
Deetaa Miniseera Nagaa kan turaniifi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan irratti banaman sadi keessaa himatawwan lamaan bilisa jechuun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa murteesse.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaaluu har'a ALI Sadaasa 3, 2018 galmee himataa Obbo Taayyee ilaalee jira.
Manni murtichaa Obbo Taayyeen himata lamaan balleessaa miti kan jedhe yemmuu ta'u, himata Labsii Meeshaa Waraanaa ilaallatufi heeyyama osoo hinqabaatiin meeshaa waraanaa qabatanii argamuu jedhuun Obbo Taayyee Danda'aa 'balleessaadha' jedheera.
Obbo Taayyeen aangoorraa kaafamanii erga hidhamanii booda Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 251/C fi Keewwata 257/E'n himatawaan lama irratti saaqee ture.
Kana malees 'heeyyama malee meeshaa waraanaa qabatanii waan argamaniif Labsii Bulchiinsafi To'annoo Meeshaa Waraanaa 1177/2012 cabsaniiru' jechuunis himata sadaffaa irratti saaqee ture.
Himatamaanis yeroo tokko wabiidhaan bahanii kan turaniin ala dhimmasaanii mana sirreessaatii hordofaa turaniiru.
Himatawwan bilisa ittiin jedhaman
Himanni jalqabaa Obbo Taayyeen ittiin himatamanii har'a bilisa ittiin jedhaman Seera Yakkaa Keewwata 251/C kan ilaallatudha.
Keeyyata kana jalatti Abbaan Alangaa, itti gaafatama itti kenname bahachuu osoo qabanuu biyyi waraanarra osoo jirtuu diina waliin waloomaniiru jechuun Obbo Taayyee himate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haaluma kanaan angawaan duraanii kun ergaawwan gama miidiyaa hawaasaatiin qoodaniin piropogaandaan humnootii hidhatanii mootummaa falamaa jiran fudhatama akka argatuuf hojjetaniiru jedhe.
Abbaan Alangaa maxxansawwan himatamaan toora miidiyaa hawaasaa Feesbuukii isaaniirratti qoodan akkasumas gaafif deebii BBC News Afaan Oromoo waliin taasisanis eere.
Dabalataan Abbaan Alangaa himata lammaffaa Keewwata 257/E jalatti saaqeen Obbo Taayyeen faayidaa biyyaaf dursa laachuun nageenya ummataaf hojjechuu osoo qabanuu ergaawwan faallaa kanaa ta'an dabarsaniiru jechuun himate.
Gama biraatiin Obbo Taayyee Danda'aa ergaawwan gama miidiyaa hawaasaatiin qoodaman kan isaanii akka ta'an amanuun garuummoo ergaawwan qoodan yakka akka hintaane himuun falman.
Ergaawwan qoodanis nagaa kan labsan malee waraana kan kakaasan yookiin piropogaandaa humnootii hidhatanii akka hintaane mana murtiitti himan.
Dabalataan himata Abbaan Alangaa 'wayita biyyi waraana keessa jirtutti' jechuun dhiyeesse, waraanni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan labsame akka hinjirre eeruun mormuusaanii Abbootiin Seeraa himaniiru.
Dabalataan ergaawwan kunneen mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fayyadamanii kan dabarsan akkasumas akka bakka bu'aa ummataatti nagaan akka bu'uuf dirqamasaanii bahachuu himuun yakka akka hindalagne mormuunsaaniis himameera.
Qabiyyee ergaawwan Obbo Taayyee Danda'aa gama miidiyaa hawaasaa isaaniitiin qoodanfi gaafif deebii miidiyaa waliin taasisan qorachuu kan hime manni murtichaas dhaddacha har'a ALI Sadaasa 3, 2018 taa'een Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan kanarraa bilisa jedheera.
Himatawwan bilisa ittiin jedhaman kunneen ilaalchisees Abbootii Seeraa gidduutti garaagarummaan yaadaa akka turefi sagalee caalmaan bilisa yookiin balleessaa miti akka jedhaman himameera.
Himatawwan lamaan kun kanaan dura manni murtichaa Obbo Taayyeen ofirraa ittisuun osoo irraa hin eegamin bilisa jedheen akka ture ni yaadatama.
Haa ta'u malee oliyannoo Abbaan Alangaa dhiyeeffate bu'uura godhachuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddachi Oliyyannoo dhaddacha ALI Caamsaa 25, 2017 taa'een himatawwan lamaan akka itti fufanfi Obbo Taayyeen akka ofirraa ittisan murteessee ture.
Kanuma bu'ura godhachuun Obbo Taayyeen ragaalee ittisaa dhiyeeffatanii jecha kan kennan yemmuu ta'u, ragaalee sanadaa akka dhiyeeffatanis Abbootiin Seeraa himaniiru.
Dhumarrattis manni murtichaa himata heeyyama malee meeshaa waraanaa qabatanii argamuu jedhufi Obbo Taayyeen 'balleessaadha' jedherratti yaada bitaaf mirgaa dhaggeeffachuuf ALI Sadaasa 15, 2018'titti beellama qabateera.















