Paayileetiin Somaaliyaa xiyyaara rakkoo godhate qarqara galaanaa qubsiisee lubbuu oolche jajamaa jira

Ibsa waa'ee viidiyoo, Xayyaarri nama fe'ee ture qarqara bishaanii erga qubatee booda kan agarsiisu
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Somaaliyaatti paayileetiin xayyaara namoota fe'ee imalaa ture erga rakkoon teeknikaa mudateen booda qarqara bishaanii qubsiisuu hordofee jajamaa jira.

Xayyaarichi buufata xayyaaraa magaalaa Moqadishoo jiru irraa ka'ee battalumatti rakkoon teeknikaa mudannaan qarqara Garba Hindii qubachuuf dirqame.

Xayyaarichi qarqara bishaanii erga qubatee booda miidhaan salphaan irra gahus namoonni 55 xayyaaricharra turan hunduu nagaan bahaniiru jedhame.

Dhaabbanni xayyaaraa Starsky Aviation ibsa baaseen paayileetichi murtoo fudhateen lubbuu imaltoota 50 fi hojjattoota xayyaaricha keessa turan shan oolchuu danda'uu isaa ibsuun paayileeticha jajeera.

Xayyaarri Fokker 50 jedhamu kun buufata qilleensaa magaalaa Moqadiishoo irraa Kibxata, Guraandhala 10, akkuma ka'een rakkoo mudateen deebi'ee qubachuuf gaafatee garuu buufaticha osoo hin gahin qarqara bishaanii qubachuuf dirqamuu Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Somaaliyaa beeksise.

Deebi'ee qubachuuf yaaluus osoo hin gahin hafee bishaanuma baay'ee gadi fagoo hin taane keessa qubachuu ibdan daayireektara Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Somaaliyaa kan ta'an Ahmad Makaaliin Hasan.

Xayyaara qarqara Garba Hindii qubatee miidhaan xiqqonn irra gahe namoonni yeroo nagaan keessaa bahan.

Madda suuraa, Aussom

Ibsa waa'ee suuraa, Xayaarichi magaalaa Moqaadhishoo irraa gara Puuntlaand kan imalu ture

Balaliin kun kan biyya keessaa yoo ta'u, xayyaarichi magaalaa Moqaadishoo irraa ka'uun gara Puuntlaand imaluuf kan tureedha.

Rakkoon teeknikaa xayyaaricha mudatee akka deebi'ee qubatuuf dirqisiise maal akka ta'e ifa hin taan.

Suurafi viidiyoo xayyaarichaa miidhaan xiqqoo irra gahe keessaa namoonni nagaadhuma yeroo bahaniifi bishaan gadi fagoo hin taane keessa miilan yeroo deeman mul'ata.

Somaaliyaatti Ergamni Nagaa Kabachiisaa Afrikaa ibsa baaseen, humnoonni nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaafi UN hojii baraaruu hojjachuuf battaluma taateen kun mudatetti bakkichatti bobba'uu beeksise.

"Imaltoonnifi hojjattoonni xayyaarichaa hundi isaanii nagaa ta'uu isaanii mirkaneessuu barbaanna. Rakkoo teeknikaa xayyaaricha akka qubatu taasise adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jira.

"Murtoon paayileetichi fudhateefi tasgabbiin isarraa mul'ate hojjattoonnifi imaltoonni hundi nagaan akka qubataniif gahee guddaa taphateera," jedhe dhaabbanni Starsky Aviation ibsa baasen.