Indiyaan misaa'elaan Paakistaanii fi kutaa Kaashmiir Paakistaan jalatti bultu haleelte

Magaalaa Muzaffarabad kan bulchiinsa Kaashmiir kutaa Paakistaan jalatti bulu keessatti argamu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Muzaffarabad kan bulchiinsa Kaashmiir kutaa Paakistaan jalatti bulu keessatti argamu

Biyyoota meeshaa waraanaa niwukilaraa hidhatan lameen, Indiyaa fi Paakistaan gidduutti dubbiin hammaateera.

Indiyaan kutaalee Paakistaan fi qaama Kaashmiir kan Paakistaan jalatti bulu misaa'elaan haleeluun namoonni saddeet ajjeefamaniiru.

Humni waraanaa Paakistaan akka jedhutti dhohiinsa guddaan mudate lammiilee Paakistaan hirribarraa kaase.

Indiyaan ammoo haleellaa Paakistaan daangaa darbuun bulchiinsa ishee keessatti raawwatteen namoonni nagaa sadi ajjeefamuu himatte.

Haleellaa kana keessatti ''shororkeessitoonni Paakisataan keessatti maandheffatan kallattiin hirmaataniiru,'' jechuun himatte Indiyaan, Paakistaan kana ni haalte.

Indiyaa fi Paakistaan maaliif wal haleeluu eegalan?

Erga kutaa Kaashmiir kan Indiyaa jalatti bulu keessatti tuuristoota irratti haleellaa suukanneessaan raawwatamee torban lama booda Indiyaan misaa'eloota hedduudhaan Paakistaan fi kutaa Kaashmiir kan Paakistaan jalatti bulu haleelte.

Ministeerri Ittisaa Indiyaa haleellaa qilleensaa kanaa ''Operation Sindoor'' jechuun eegale.

Haleellaan kun kan raawwatameef qaamoleen Ebla 22 tuuristoota irratti haleellaa balaafamaa raawwachuun lammiileen Indiyaa 25 fi lammii Neppaal tokko ajjeesan adabbii maluuf akka argataniif ta'uu ibse.

Haleellaa ji'a darbee sana keessatti hirmaachuu kan haaltu Paakistaan garuu, haleellaan amma Indiyaan raawwatte taatee sana qofaan kan daangeffame miti jette.

Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaz Sharif ''weerarri balaafamaa akkasiif adabbiin jiraachuun dirqama,'' jechuun dhaadatan.

Maalis ta'u biyyoota meeshaa waraanaa niwukilaraa hidhatan kunneen gidduutti muddamni kan hammaate erga ji'a darbe magaalaa Pahalgam keessatti tuuristoonni Indiyaa ajjeefamaniiti.

Haleellaan Ebla 22 hidhattoonni lammiilee Indiyaa addatti baasuun irratti raawwatanii, namoota 26 ajjeesan waggoota kurna lama keessatti isa balaafamaadha jedhameera.

Lammiileen Indiyaa addatti baafamuun haleelamuu kanneen haleellaa sanarraa lubbuun hafantu dubbatan.

Haleellaan balaafamaan sun Indiyaa baayyee mufachiise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee biyyattii Naareendiraa Moodii ''hanga dhuma dacheettillee ta'u kanneen yakka kana raawwatan adamsinee adabbii isaaniif malu kenninaaf,'' jechuun dhaadatan.

Poolisiin Indiyaa kanneen haleellaa raawwatan keessaa lama lammiilee Paakistaan ta'uu ibse.

Indiyaan duraanuu Paakistaan hidhattoota haleellaa akkanaa raawwatan deeggarti jechuun himatti.

Paakistaan haleellaa Ebla 22 akkasumas hidhattoota yakka akkanaa raawwatan deeggaruu keessaa akka harka hin qabne ibsite.

Erga haleellaan sun raawwatee torbanoota lamaan darban kana keessa biyyoonni lameen tarkaanfiiwwan adda addaa walirratti fudhataniiru.

Dippiloomaatota walii ari'uu, viizaa wal dhowwachuu fi daangaa walitti cufuun walitti quba nyaachaa turan.

Amma kunoo daangaa walii seenuun wal haleeluu eegalan. Tarkaanfiin akkasii erga 2019 biyyoota lameen gidduutti fudhatamee hin beeku.

Bara 2019 lola biyyoota lameen gidduutti dhalateen lubbuun namoota (loltoota) 40 darbeera.

Indiyaan eessafaa haleelte?

Odeessa Delhii irraa dhagahamu akka mul'isutti Roobii ganamaan kutaaleen Paakistaan fi kutaaleen Kaashmiir Paakistaan jala jiran sagal ta'an haleelamaniiru.

Iddoowwan irratti qiyyaafataman kunneen ''wiirtuu shororkeessitootaa,'' fi ''bakka irraa haleellaan karoorfamaa fi kallattiin kennamaa tureedha,'' jedha ibsi Delhii.

Haleellaan kun wiirtuuwwan humna waraanaa Paakistaan tokkollee akka hin rukunne kan ibsite Indiyaan, ''tarkaanfiin fudhatame kan qiyyaaffannaasaa adda baase, of eeggannoo kan qabuu fi rakkoo biraa kan hin hammeessine,'' ta'uu himte.

Paakistaan akka ibsitetti ammoo iddoowwan sadi haleelamaniiru: Bulchiinsa Kaashmiir kan Paaksitaan jala jiru keessaa iddoowwan lama- Muzaffarabad fi kotli, bulchiinsa Paakistaan- Punjab keessaa ammoo Bahawalpur.

Ministirri Ittisaa Paakistaan Khawaja Asif miidiyaa GeoTV jedhamutti akka himanitti haleellaa Indiyaa kanaan kutaalee lammiilee nagaan jiraatantu rukutame.

Kan Indiyaan ''bakka wiirtuu shororkeessitootaan haleele,'' jettu soba ta'uu ibse.

Kaashmiir maaliif madda waldhibdee Indiyaa fi Paaksitaan taate?

Erga bara 1947 as waa'een Kaashmiir gar tokkotti hin baane. Ergasheen bara sana Biriteen jalaa walaba baatee Indiyaa fi Paakistaan qoqqooddatanii bulchaa jiru.

Biyyoonni lameen Kaashmiir kiyya jechuun falmatu, garuu hanga ammaatti kan dhuunfate hin jiru.

Biyyoonni lameen ergasii yeroo lama Kaashmiir irratti wal waraananiiru. Ammoo yeroo dhihoo waraanni biyyoota lameenii bifa hammaataa qabachaa dhufeera.

Kutaan Kaashmiir kan Indiyaa jalatti bulu bara 1989 irraa eegalee hidhattoota lo'anii seenan kanneen bulchiinsa Indiyaa hin feeneen dhiphataa jira.

Hidhattoonni kunneen humnoota nageenyaa fi namoota nagaa kaan irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatu. Kun waldhibdee biyyoota lameenii gara muddama hamaatti geesseera.

Haleellaan kun erga Indiyaan bara 2019 keewwata 370 kan mirga gariin of danda'uun of bulchuu Kaashmiir mirkaneessu haqee booda isa hamaadha.