Gatiin bunaa haala kana dura mul'atee hin beekneen dabale

Madda suuraa, Getty Images
Guutuu addunyaatti jaallatamaa kan ta'e bunni, gabaarra oomishaa addunyaa irratti haala kana dura mul'atee hin beekneen dabaluun isaa gabaafameera.
Kun namoota buna dhuguu jaalataniif oduu gaarii miti, kanneen buna isaanii gara gabaa addunyaatti dhiyeessaniif garuu faallaadha.
Gatiin buna jaalatamaa akka buna Arabikaa Itoophiyaa fi biyyoonni muraasni oomishaman gabaa addunyaa irratti haalaan dabaleera.
Gabaa Kibxata darbe keessatti bunni Arabikaa, gosa bunaa addunyaa irratti baay'ee jaallatamaa fi bal'inaan oomishamu, bara kana dhibbeentaa 80 ol dabalee (0.45kg) paawundii 3.44 ta'eera.
Haaluma walfakkaatuun gatiin buna gosa Roobustaa jedhamullee baatii Fulbaana darberraa kaasee haalaan dabaleera.
Akka Ministeerri Qonnaa Ameerikaa ibsetti, Biraazil, Kolombiyaa fi Itiyoophiyaan bara darbe Awurooppaatti buna Arabikaa baay'inaan dhiyeessaniiru.
Daballiiin gatii kun kan mul'ate wayita daldaltoonni bunaa biyyootni bunaa gabaa addunyaaf dhiyeessan gurguddoon lamaan Biraazilii fi Veetnaam haala qilleensaa hamaadhaan miidhamuun isaani dhaga'amee fi lakkoofsi namoota buna dhugan dabalaa deemuun dhiyeessiin oomisha kanaa akka hir'atu sodaa uumettidha.
Kanarraa kan ka'e bara haaraa Awurooppaatti dhaabbileen bunaa beekamoo ta'an kun dhiyeessii isaanii irratti gatii dabaluudhaaf karoorfachuu isaanii ogeessi bunaa BBC'tti himeera.
Waggoota dhiyoo asitti, oomishtoonni bunaa gurguddoon maamiltoota tursiisuu fi tasgabbii gabaa eeguuf daballii gatii kan hin taasisin yoo ta'u, sun jijjiiramuuf waan jiru fakkaata jedhan Vineh Niguyen, Hojii gaggeessaa olaanaan dhabbata Tuwan Loc Commodities.
"Dhaabbiileen bunaa gurguddoon kanneen akka JDE Peet fi Nestle gatii kanaan duraa ofumaa kan sirreessa turan yoo ta'u, amma garuu gatii dabaluudhaaf qarqara irra jiru, kurmaana jalqabaa bara 2025tti gatii dabaluudhaaf karoorfameera"jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Gogiinsaaf rooba cimaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii Sadaasa darbe sagantaa marii invastarootaa irratti hojii gaggeessaan olaanaa dhabbata buna akaawu Nestlé indaastirii bunaa ''yeroon qormaataa'' mudachaa akka jiru ibsuun, dhaabbatichi gatii irratti sirreeffama akka godhu mirkaneessaniiru.
Gatiin bunaa kanaan dura sadarkaa olaanaan dabale bara 1977 yoo ta'u, yeroo sanatti qorraa Awurooppaa keessatti kanaan dura ta'ee hin beekne oomishni bunaa Biraazil barbadaa'uu hordofee ture.
Baankii Saaksootti Hogganaan Tarsiimoo Meeshaalee kan ta'an Ole Hanson, gama daballii gatiitiin "balaan oomisha bunaa Biraazil bara 2025 mudatuuf gogiinsi sababa guddaadha" jedhu.
"Baatii Hagayyaafi Fulbaana darbe Biraazil waggoota 70 keessatti gogiinsi hamaan kan mudate yoo ta'u, Onkoloolessa keessa ammoo roobni cimaan roobee oomisha balleessuun daballii gatiif yaaddoo uumeera."
Dhaabbileen bunaa Biraazil kanneen irra caalaa buna Arabikaa oomishaman qofa miti kan haala qilleensaa hamaatiin miidhaman.
Kanneen akka Veetnaam gosa bunaa biraa Robusta jedhamu baay'inaan oomishanis gogiinsa fi rooba cimaatiin miidhamaniiru.
Bunni addunyaa irratti Jikita boba'aatti aanee sadarkaa lammaaffa irratti gabaa addunyaa irratti kan daldalamu yoo ta'u, jaalatamummaan isaas dabalaa dhufeera. Fakkeenyaaf, waggoota kurnan darban keessatti fayyadamni bunaa Chaayinaa keessatti dachaa ol dabaleera.
Akka xiinxalaan gatii bunaa Fernanda Okada jedhanitti, " hangi oomisha gad aanaa ta'ee fi fedhii dhiyeessiin oomishtootaa fi kanneen sona dabalan sadarkaa olaanaan dabalaa jiru kanatti daballiin gatii akka hin oolle agarsiisa.
Kanaaf Daballi gatii bunaa yeroo muraasaaf itti fufa jedhamee eegama












