Masiriin ammas hammi bishanii Hidha Haaromsaarraa guyyaatti 'akka fedhe' gadhiifamu na yaadesse jette

Hidha Abbayyaa

Madda suuraa, Amanuel Sileshi/Bloomberg via Getty Images

Itoophiyaan hidha guddicha laga Abbayyaa irratti Doolaara biliyoona shan caaluun hojjettee xumuruun ibsiiste ammas ajandaa Masirii tahuu hin dhiisne.

Masiriin duraan hammi bishaanii hidhicha irraa gadhiifamu na jalaa xiqqaata jechuun hamma Mana Maree nageenyaa UNtti deemuun Itoophiyaa himachaa turte.

Tibbana ammoo hamma bishaanii guyya guyyaatti 'callisee' safara malee gadhiifamu biyyoota yaa'a gadii irraan balaa dhaqabsiisuu danda'a jechuu ishee miiidyaan biyyattii Al-Ahraam gabaaseera.

Akka ibsa Ministira Jallisii masiriitti, hammi bishaanii Sadaasa 1 hanga Sadaasa 20tti gadhiifame guyya guyyaan kuubik meetirii miliyona 180 gaheera.

Yeroo wal fakkaataa isa kana duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu %80'n dabaleera jette Masiriin.

Kana jechuun guyyaatti bishaan kuubik meetirii miliyoona 100 tahu gadhiifama jette.

  • Oduufi xiinxala keenya kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp asiin seenaa.

Hammi bishaanii kun akas dabalaa deemuun hammi bishaanii gadhiifamu akka wal hin fakkaanne agarsiisa jechuun Masiriin oppireeshinii hidhichaa ilaalchisuun Itoophiyaa himatti.

''Itoophiyaan oppireeshinii hidhichaa qofaa ishee gaggeessuun mirga biyyoota yaa'a gadii miidha'' jetti Masiriin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Jallisii biyyattii Haanii Sewilaam ibsi baasne ergaa hawwaasa addunyaaf dabarsinedha. Kun akkaataatti Itoophiyaan oppireehsinii hidhichaa gaggeesitu agarsiisuufi jedhan.

Dabalataan uummata Masiriif ammoo qabeenya bishaanii biyyattii maal akka fakkaatu hordofaa jiraachuu keenya ergaa dabarsuufi jedhan.

Ji'a Fulbaanaa keessa yeroo Itoophiyaan hidhicha eebbisiiftu hammi bishaan laga Naayil dabaluun Sudaanii fi Masiriin lolaaf saaxilamaniiru,'' jedhan.

Isaan kana haa jedhan malee osoo hidhichi hin hojjetamiin dura yeroo roobaa Sudaan lolaa laga Naayiliin rakkataa turte.

Itoophiyaan hidhi hojjette hamma lolaa Sudaan miidhaa turee irraa hir'isa jette.

Kana dura Masiriin jireenyikoo Laga Naayil irratti bu'uureffata'' waan taheef hamma bishaanii argadhu najalaa xiqqeessa jechuun himataa turte.

Yerooas tahe Itoophiyaan hidhichi faayidaa waloo biyyoota Yaa'a Abbayyaaf akka tahu himuun faayidaa Masirii akak hin tuqne himaa turte.

Masiriin hamma bishaanii ishee to'achuufi tasgabbiin akka jiraatuuf Kaanaalii Tooshkaa fi Ispiilwey jedhamu banuun bishaan akka irraa yaa'u gochuu ishee ibsite.

Tooshkaa Kaanaalii fi Ispiilwey jedhamuun kan beekamu Masirii gara oliitti kan argamu tahee hamma bishaanii barbaadamuu ol yeroo gara Haroo Naaseritti dabalamu irraa hir'isuun akka inni as keessatti kuufamuuf kan ijaaramedha.

Haroon Naaser ammoo bishaan hidha Aswaan irraa uumamedha.

Hidhi Aswaan sirrii galaanaa irraa meetira 192 ol ka'ee argama. Kanaaf karaa Kaanaalii Tooshkaa fi Ispiilwey jedhamu kana hammi bishaanii haroo Naaser yeroo meetira 182 irra gahu akka gadhiifamu Yuunvarsiitii Kaayirootti piroofeesera Ji'ooloojii kan tahan Abbaas Sharaakii Al Ahramitti himaniiru.

Aka isaan jedhanitti hammi bishaanii hidha Guddicha Abbayyaa kuufamee jiru ji'a Onkoloolessaa darbe irraa jalqabuun meetira 640 bakka gahe irraa suuta suuta gadhiifamuun gara meetira 625tti bu'uu qaba ture jedhu.

Ibsi kun hammi bishaanii hidhicha irraa gadhiifame Fulbaana 10 Meetirik kuubii miliyoona 485 taha. Fulbaana 27 ammoo akka tasaa meetirik kuubii miliyoona 780 gahe jedhan.

Ergasii gaafa Fulbaana 30 hammi bishaanii gadhiifamu gara meetirik kuubii miliyoona 380tti xiqqaate jedhan.

Sana booda Onkoloolessa 8 bara 2025 karaa bishaan gadhiifamu cufamuun, guyyaatti dhaabataan hammi bishaanii gadhiifamu meetirik kuubii miliyoona 160 akka tahu godhame jette Masiriin.

Itoophiyaan dhimma kana irratti ibsa kennite hin qabdu. Garuu Masriin akkaataatti Itoophiyaan hidha kana oppireeshinii isaa gaggeessaa jirtu ''seera qabeessa miti'' jetti.

Dabalataan ''hamma kuufama bishaanii dabaluuf jecha hulaa bishaan ittiin yaa'u cufan, yeroo kuufamni bishaanii akka malee guutu ammoo takkuma gadhiisan. Kun balaa qaba. Akkaataan oppireehsinii hidhichaa saayinsiidhaan deeggaramaa hin jiru'' jechuun himatti.

Amma mariin waa'ee hidha kanaa irratti godhame dhaabbatee jira. Itoophiyaan uummata ishee walakkaatti siqu dukkana keessa jiraatuuf ibsaa dhiyeessuuf hidhicha hojjette.

Masiriin ammoo bsihaan dhugaatii qulqulluu argachuuf %56 laga Abbayyaa irratti hundoofti.