Leenjii Nelsan Maandeellaa Itoophiyaatti fudhate yeroo yaadatamu

Guyyaan Idil-addunyaa Nelsan Maandeellaa waggaa waggaan Adooleessaa 18 sadarkaa addunyaatti guyyaa dhaloota Maandeellaa yaadachuun kabajbee oola.

Guyyaan kunis Adoolessa bara 2009 Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)n ifatti kan labsame yoo ta'u, guyyaan Maandeellaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalqabaas Adooleess 18 bara 2010 kabajamu eegale.

Nutis guyyaa kana sababeeffachuudhaan seenaa booddeetti deebiine garagalchuun turtii torban lamaa Nelsan Maandeellaa Itoophiyaatti dabarsanii ilaalchisee kan kanaan dura qindeessinee turre kunnoo akkasiin isiniif dhiyeessineerra dhiyaadhaa.

-------------------

Yeroonsaa bara 1962 ture, koloneel Fiqaaduu Waqkenneen keessummaa Afrikaa Kibbaa irraa dhufe tokkoof leenjii kennaa turan.

Sagalee osoo hin dhageessisiin naannoo diinaa seenaanii fanjii awwaaluun qaama leenjichaa ture.

Namichi isaan leenjisan ajajaa olaanaa garee riphee lolaa Afrikaa Kibbaa 'Umkoonto wee siizwee'' jedhamuuti.

Gareen kun buufatawwan tajaajila elektiriikii kennan haleeluudhaan, bulchiinsi appaartaayidii yeroosiis biyyattii bulchaa ture injifachuuf, nama garee kana ajajudha.

Namichi kunis osoo omtuu hin dhageenye hin argine Itoophiyaa gale. Dabalataanis biyyoota Afrikaa keessa naannawuun garee lolaa isaaniif gargaarsa walitti qabuu kaayyoo kooti jedhee qabate. Namni kunis qabsaa'aa Afriikaa Kibbaa duraanii Nelsan Maandeellaa ture.

Neelsan Roolihilaalah Maandeellaan dhimmi Itoophiyaa isaan fide leenjii loltummaatiin of ijaaruudhaaf ture.

Bashaadaa turan

Maandeellaan nama jabaafi homtuu kan mogolee isaanii hin buusne turan. Ajaja immoo haalaan eegu jedhu Koloneel Fiqaaduun.

"Nama jaalatamoos turan," jedhu gaaffii fi deebii waggoota muraasa dura BBC Afaan Oromoo waliin taasisan keessatti. Koloneel Fiqaaduun yeroos miseensa humna addaa kora bittineessaa Kolfee turan.

"Namni Afrikaa Kibbaa gammadaa fi barumsaaf qophii tahe as yeroo dhufu nan yaadadha, kanarra immoo nama obsa qabu ture" jechuun waa'ee isaa dubbatu.

Itti gaafatamummaan koloneel Fiqaaduu Maandeellaaf akkatti fanjii dhukaasan, balaa tasa akkatti qaqqabsiisanii fi leenjii loltummaa biiroollee kennuu ture.

"Qaama jabaa tahe qabu, inumaayyuu yeroo tokko tokko waan humna isaanii ol ta'e yeroo dalagan nan argaan ture. Akka of eeggatanis ittan himan ture. Gaaf gaaf immoo nan isaan dhorka ture," jechuun haala ture yaadatan.

Ajajaa koloneel Fiqaaduu kan turan Jeneraal Taaddasaa Birruu turan kan dirqama Maandeellaa leenjisuu kana koloneelichaaf kennan.

Koloneelichi gara duraa amalli Nelsan Maandellaa isaaniif galu hin dandeenye ture.

Itoophiyaa turuun isaanii icciitii ture

''Namni tokko Afrikaa Kibbaatii akka dhufee fi yeroo muraasa nu waliin akka turu qofan beeka ture. Waanti hundi icciitii ture, eenyuyyuu akka baru hin barbaadamne ture,'' jedhu koloneelichi.

Mootiiin yeroosii Haayilessilaaseen ardiin Afrikaa kolonii jalaa akka baatuuf waan fedhii qabaniif Maandellaan gara Itoophiyaa akka dhufan hayyaman. Yeroosaatti immoo Itoophiyaan humna loltuu jabaa qabdi ture.

Biyyoota Afrikaa waraana keessa jiran tasgabeessuutiin illee kan akka Itoophiyaa hin jiru ture.

Mootichi "Biyyoonni Afrikaa bilisummaaf qabasaa'an obboloonni Afrikaa marti dhufanii leenjii loltummaa fudhachuu danda'u" jechuun ifatii labsanii turan jedhu.

Leenjiiwwan kan akka meeshaa waraanaa hidhachuu, saayinsii loltummaafi waraana hogganuu galmee Maandeellaa keessa jiru ture.

Maandellaan kitaaba isaanii 'Long Walk to Freedom' (Karaa Dheeraa gara Bilisummaa) jechuun moggaasan irratti "Karaa dheeraa lafoo deemuu nan jaaladhaan ture, teessumni lafichaa dansaa ture," jechuun barreessaniiru.

"Namoonni mana dhoqqeen maragame keessa jiraatan, namoonni farsoo mana xiqqoo keessatti naqame yeroo dhugan yoon argu waan Afrikaa Kibbaa na yaadachiisu ture,'' jechuunis barreessanii turan.

Dubbii baay'isa ture

Maandellaan Itoophiyaa jiraachuun isaanii iccitii yoo tahe iyyuu isaan garuu ijarraa hafuu hin dandeenye ture. Namoota isaan wajjiin leenjii fudhatan irra dheeroofi qaamaan guddaa tahuun isaanii isaan saaxilee ture.

Obbo Tafaayee Abbabaan itti gaafatamaa kutaa muuziqaa fi diraamaa Kolfee Baataliyoon yeroo sanaa turan.

"Nan yaadadha, dirree mooraa sana keessa fiiganii hin dadhaban ture, ni utaalu, taa'uu fi ka'uu hojjetu ture. Gaaf tokko hin dabarsan ture" jechuun Maandellaa yaadatu.

Gaaf tokko Maandellaan leenjisaa isaanii waliin mana nyaataa keessatti osoo nyaata nyaataa jiranii Obbo Tasfaayee waliin wal argan.

"Nageenya isaaniif waan sodaatamuuf isaanitti siiqanii haasa'uun waan hin yaadamu ture," jedhu gaaffii fi deebii waggoota muraasa dura BBC waliin taasisaniin.

Gaafas carraa argataniitti fayyadamuun Tasfaayee Abbabaan Maandellaa waliin haasa'an.

Waa'ee appaartaayidii itti odeessan ''Namatti maxxanuu fi oduu odeessuu baayyee jaalatau'' jechuun amala Maandeellaa ibsu Tasfaayee Abbabaan.

Maandellaan do'ii ilaalu ture

Do'ii Tasfaayeen gareesaanii waliin tahuun dhiyyeesan irratti argaman jalqaban Nelsan Maandellaan.

"Do'ii dhiyeessinuun baayyee bashannanu turan. Isaaniif yeroo sirbinu immoo irra caalaa gammadu ture," jedhu.

Maandellaan ji'a jahaaf akka Itoophiyaa turaniif yaadamee ture, paartiin isaanii ANC'n garuu torbee lama booda akka deebi'an murteesse.

Maandellaan gara biyya isaanii yeroo deebi'an jeneraal Taaddasa Birruu irraa badhaasa meeshaa waraanaa baay'ee argataniiru.

Hagayya 5 bara 1962 seeraan ala biyyaa bahuu sababa jedhuun hidhaman.

Maandellaan biyyaa bahanii ji'a jaha kan dabarsan yoo ta'u, torbee lama Finfinnee keessatti ture kan dabarsan.