Dhaabbata Chaayinaa odola xiqqootii km8000 irraa doolaara miiliyoonaan waliin dhahu BBC'n saaxile

Hoteelli qarqara galaanaa odola Ayiil of Maan jedhamu keessatti argamu cancala yakkaa doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu lammiilee Chaayinaarraa waliin dhahu qabaachuu qorannoon BBC gabaaseera.
Hoteellii Daagilaasitti argamu hojjettoota Chaayinootaan akka dhiphatu himamaa tureera. Saffisni kompiitaraa hojjettoonni fayyadaman funyoo biroodbaandii fayyadaman waliin wal-qabata.
Bara 2022 hanga 2023tti waliindhahuun taasifame ''pig butchering,'' haala jedhamuun akka tahe sanadni dhaddachaa Chaayinaa agarsiisa.
Jechi Pig butchering jedhu kallattiin yoo hiikamu booyyee qaluu jechuu dha. Maqaan kunis pig fattening ykn booyyee gabbisuu yaada jedhurraa kan dhufe yoo tahu, qalbii namoota waliin dhahuu barbaadduu bituu jechuudha.
Qorannoo BBC waggaa tokko fudhateen odola xiqqoo bittaa mootota Biriteenin bultu tahus mootummaan ofii qabdu kana keessatti akkamiin waliin dhahuun adeemsifamuu danda'e kan jedhu qulqulleessuu yaaleera.
Hogganooti warra waliin dhahan kanaa kaayyoon isaanii waajira tajaajila ammayyaaf oolu ijaaruu ture.
Qorannoo BBC'n taasiseen sanadoota mana murtii irraa miliqanii bahaniifi keessa beektoota dhaabbatichaa dubbisuu yaaleera.

Gabaasa kanaaf maqaan kan geeddarame Jordaan hojjetaa duraanii dhaabbatichaati. Akka Joordaan jedhutti Ayiil of Maan yeroo jalqaba dhufe haala akkasii keessa nan seena jedhee yaadee hin turre. Akkanni jedhutti waayelootisaa lammiilee Chaayinaa tahan gochaa waliin dhahuu akkaan danda'u.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo mindeeffamu akka hubatetti hojjechistoonnisaa akkaan icciitii eegu. Fakkeenyaafi isaafi waayelotisaa mooraa dhaabbatichaa keessatti suuraa ka'uun isaaniif hin eeyyamamu.
Dabaluunis isaafi waayelootisaa lammiilee Chaayinaa akka hojii waliin-dhahuu dalagan illee hin beekan.
Bara 2021 hojjettoonni 100 tahan dhaabbatichaaf hojjechuuf gara odola kanaa dhaqaniiru. Sanadni mana murtii dhaabbata kana ''MIC'' jechuun waama.
Hojjettoonni 100 kunneen kanaan dura dhaabbata waliin dhahu kan Filiippiins keessa jiruuf hojjetu ture. Akka BBC'n ququlleeffateetti MIC jechuun Maankas Intarneet Koomeris jechuudha.
Ayiil of Maan keessatti kan socho'u MIC'n qindoomina kobbaaniyyaawwanii yoo tahu abbaansaa garuu tokkuma.
Dhaabota kunneen keessaa marsariitiin tirgaa Kiing Geemiing Limiitid tokkuma dha.
Chaayinaa keessatti tirgaan dhorkaadha. Haa tahu malee Chaayinaa irraa fagaatanii Ayiil of Maan hundeessuun tokkoffaa lammiilee Chaayinaa hawwachuuf, lammata immoo odola kanarraa gibira tirgaa fayyadamuufi.
Hojjettoonni MIC gara Daagilaas dhufanii Siiviiw Hoteel yeroo muraasaaf erga turaniin booda gamoowwan hojii baankiif tajaajilaa turan kan magaalattii irraa gara bahaa argamanitti geeffaman.
Akka Joordaan jedhutti gara gamoowwan kanaatti erga deemaniin booda hojettoonni haaraa gammachuudhaan yeroo burraaqan kan dhagahuu jalqabe. Afur afuriin taa'aniitu hojjetu ture.
Hojjettoonni haaraa akka tasaa ka'anii kan isaan burraaqan iddoo jiraniitii km 8000 irratti yeroo maallaqa waliin dhahani dha.
Namoonni MIC dhaaf hojjetan ja'a to'annoo jala oolanii adabbiin irratti murtaa'eera. To'annoo jala kan oolfaman gara Chaayinaa yeroo deebi'aa turanitti yoo tahu yakka waliin dhahuutiinis balleessaa dha jedhamaniiru.
Bara 2023 himanni baname akkatti maallaqa kana waliin dhahaa turan tokko tokkoon kan kaa'u dha. Sanadni dhaddachaa Chaayinaa akka agarsiisanitti Chaayinaa fi Filiippiins namoonni jiran irratti qiyyaafatu.
Namoonni waliin dhahuu kana raawwatan invastaroota Chaayinaa gara appii Kiw kiw jedhamu kan WhatsApp fakkaatutti erga galchaniin booda dha kan hojiisaanii hojjetan.
Waliin dhahaan inni tokko barsiisaa ''Invastimantii'' yoo tahu kaan immoo barattoota tahuun garee appii Kiw kiw jedhamu kanatti makamu.
Odeeffannoon BBC'n argeefi sanadni mana murtii akka agarsiisuutti waliindhooftonni kunneen kompiitaraafi appii Kiw kiw jedhamu kan fayyadaman yoo tahu ''hogganoota'' muraasaan ala hundisaanii hojii wal-fakkaataa hojjetu.

Waliindhooftonni akka invastaraattii dhiyaatan isa ''barsiisaa'' tahee dhiyaate barumsa isaa hordofuun jajachaa isa leellisu. Nama irratti xiyyeefatan invast akka godhu hojii amansiisuu hojjetu.
Manni murtii Chaayinaa hamma yoonaa maallaqa hangam akka waliindhahan baruun rakkisaa dha jedhus yoo xiqqaate namoota 12 irraa doolaara miiliyoona 5.3 fudhataniiru.
Manni murtichaa raga bahumsa himattootaa akkasumas seenaa wal jijjiirraa maallaqaa, ergaa gabaabaa walii ergan ilaaluun namoota jaha waliin dhahuun yakkamtoota jedheeraanii.
Yakki waliin dhahuu kuni wal-xaxaa qofa osoo hin taane akkaan bu'aa qabeessa akka ture sanadni mana murtii kan agarsiisu.
Qorannoon BBC'n taasiseen fayyadamaa ijoo kubbaaniyyaa kanaa adda baasuu danda'eera. Namni kuni maqaa dhokfateeti socho'a. MIC fi kubbaaniyyaawwan kaan maqaa Biil Morgaan jedhamuuni kan isaan galmaa'an.
Maqaan biraa nama kanaa ammoo Lii Yaang Fee jedhama. Akka Jordaan jedhutti ''Boss Liyang,'' jechuun isa waamu.
Akka manni murtii Chaayinaa jedhutti namni kuni odola Isle of man irratti kubbaaniyyaa namoota hundeessan keessaa tokko dha. Lii Yaang yeroo murtoon kennamu hin turre, irratti hin muramne.
Waraqaan mana murtii akka agarsiisuutii Lii Yaang Filiippiins keessa dhabbata walii dhooftotaa warreen hundeessan keessaati. Kaanneen gara odola Ayiil of Maanitti dhufan keessaa baayyeen isaanii Filiippinsi irraati.
Qorannoo BBC dabalatee qorannoon akka agarsiisetti gara odola kanaa kan dhaqe viizaa invastimantii argateeti.
Bara darbe kubbaaniyaan kuni gamoo tajaajila waajiraaf oolu ijaarsisuuf dhaabbata gamoo ijaru waliin waliigaltee mallatteessera. Gamoon kuni manneen, mana dhugaatii fi laawunjii akka qabaatu ''wixinee'' irratti taa'eera.
Gamoo kana ijaaruuf kan yaadame hojjettoonni akkasumas hojjettoonni dhaabota michootaa akkatti fayyadamaniifi.

Mala pig butchering jedhamuun maallaqani waggaatti akka addunyaatti waliin dhahamu yoo xiqqate doolaara biiliyoona 60 akka gahu yaadama.
Biyyoota Gamtoomanitti ogeessa yakkoota qindaa'anii kan tahan Maasud Kaariimpuur duraan Kooriyaa Kibbaa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetan. 'Kuni waliin dhahuu pig butchering biyya Lixaa keessatti mul'ate jalqabaati,'' jedhan.
Poolisiin Ayiil of Maan Bitootessa darbe biiroolee baankii sakatta'eera. Waajiraaeen shakkaman biroonis sakatta'amaniiru. Ibsa poolisiin kenneen sakatta'insa kan gochaa jiru Kiing Geemiing dhaaba jirurratti qorannoo banameen tahuu beeksiseera.
Namoonni jahas to'annoo jala oolanii wabiin gadhiifamuu ibsameera. Ittaanee immoo namoonni dabalataa to'annoo jala oolaniiru..
Hodoftonnii tirgaa odola kanaa MIC waliin dhaabota hidhata qabaniirraa eeyyama fudhataniiru.
BBC'n irra deddeebiin kara garagaraan dhaaboota kanaafi nama Biil Morgaan dubbisuuf yaaliin taaise hin milkoofne.












