Waraana Addunyaa II as Awurooppaan 'yaaddoo' bilisummaa guddaaf saaxilamteetti jedhan Maakiroon

Imaanu'eel maakiroon yaaddoo raashiyaan bilisummaa biyyoota Awurooppaa irratti uumte ibsan.

Madda suuraa, Reuters

    • Barreessaa, Victoria Bourne
    • Gahee, BBC News

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel maakiroon baajata humna ittisaa biyya isaanii akka malee guddisuuf karoora qabaachuu himan.

Bilisummaan Awurooppaa erga Waraana Addunyaa lammaffaan as balaarra jira jedhan Maakiroon

Dubbii Paarisitti humna waraanaa biyya isaaniif taasisaniin ''siyaasa wal xaxaa teessuma keenyaa irraa kan ka'e yeroo murteessaa keessa jirra'' jedhan.

Maakiroon baajata humna waraanaa biyya isaanii bara dhufu Yuuroo biliyoona 3.5 bara 2027 ammoo Yuuroo biliyoona 3 [sadii] dabaluuf akka karoora qaban himan.

Yaaddoo Raashiyaan biyyoota Awurooppaa irratti uumte yoo ibsan ''imaammata Impeeriyaalistootaa'' fi ''Humnoota babal'ifannaa'' jedhan.

Erga Mooskoon bara 2022 Yuukireen weerartee as waraanni biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffamu haalaan hammaataa deemeera.

Faransaay baajata humna waraanaa biyyattii dabaluuf isa duraan karoorsite waggaa sadii dursuun dabaluuf akka jettu himan, Maakiroon.

Bara 2017 baajanni humna waraanaa Faransaay, Yuuroo biliyoona 32 ture. Amma karoora haaraa qabataniin ammoo gara Yuuroo biliyoona 64tti guddata. Kanas tahee baajatichi mootummaa faransaayiin ragga'uu barbaada.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Addunyaa kana keessatti bilisa tahuuf, sodaatamuu qabda. Sodaatamuuf ammoo, humna guddaa qabaachuu qabda,'' jedhan Maakiroon Guyyaa Bastillee jedhamuun kabajamu irra dubbii taasisaniin.

Guyyaan baastillee jedhamuu Faransaay keessatti yaadannoo warraaqsa biyyattiitti bara 1789 ka'ee uummanni biyyattii tokkoomuun federeeshinii itti uummate yaadachuuf kan kabajamudha.

Addunyaan humni nuukileeraa deebi'ee dhufuu isaa argaa jirti. ''Walitti bu'insi babal'achuu isaa argaa jirra'' jedhan.

Maakiroon Ameerikaan haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwate eeran.

Akkasumas waraana Hindii fi Paakistaan gidduu akkasumas deeggarsa Ameerikaan Yuukireeniif kennitu takka ol ka'uu fi takka gadi bu'u kaasuun dubbii taasisan.

Ji'a darbe miseensonni NATO, GDP dinagdee isaanii keessaa %5 baajata humna waraanaaf oolchuuf waliigalaniiru.

Kun ammoo isa kana dura %2 ture irraa dachaan ol dabaluufi. Mootummaan UK's baajata humna waraanaa isaa dabaluuf akka gamaggamaa jiru ibseera.

Ministirri Ittisaa UK, Joon Heelii kun ''Moskoof ergaa dabarsuu danda'a'' jedhan.

Jimaata darbe, Hogganaan humna waraanaa Faransaay, Teeri Burkaardi, Raashiyaan Awurooppaa keessaa ''akka diina ishee hamtuutti ilaalti'' jedhan.

Raashiyaan ''Awurooppaatti yaaddoo yeroo dheeraa uumteetti,'' jedhan Buurkaardi.

''Sadarkaan biyyoota Awurooppaa addunyaa borii keessatti'' kan murtaa'u Yuukireen keessatti jedhan.

Ministirri Muummee Faransaay, Firaansooyis Baayiruu, baajata bara dufuu Kamisa fuuldura kana jiru dhiyeessu jedhamee eegama.