Qorannoo haaraan 'Action Aid' waa'ee hakimootaafi barsiisota Itoophiyaa maal jedha?

Qorannoon haaraan dhabbata gargaarsa namoomaa idil-addunyaa 'Action Aid' jedhamuun gaggeefame, "Mootummoonni imaammata qusannaa fi liqaa hir'isuu dhiisuun lammiilee isaanii nyaatanii akka bulan irratti xiyyeeffachuu akka qaban" gaafate.

Akka qorannichaatti, biyyoota Afrikaa jaha keessatti sababa hir'ina baajatatiin hojjattoonni damee fayyaa fi barnootaa rakkoon cimaan mudachaa jira.

Biyyoonni qorannoon kunneen itti adeemsifames Itoophiyaa, Gaanaa, Keeniyaa, Laayibeeriyaa, Maalaawii fi Naayijeeriyaa yoo ta'u, ogeeyyii fayyaa, barsiisotaa fi gareewwan hawaasaa 600 ta'an hirmaachiseera.

Namoota qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa ogeeyyiin fayyaa dhibbeentaa 97 mindaan isaanii baasii bu'uuraasaanii uwwisuuf gahaa akka hin taane himaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa dhibbeentaa 97 mindaan isaanii kiraa manaa, nyaataafi baasii biroo kaffaluuf gahaa akka hin taane eeran.

Qorannichi akka agarsiisutti biyyoota ja'an kanneen keessatti baasiin dabalaa dhufuu fi bajatni damee fayyaa fi barnootaaf qabamu hir'achaa dhufuun haala jireenyaa ogeessotaa hammeessuun hanqina hakiimotaafi barsiisotaa muudachaa akka jiru akeekera.

Kanaafis mootummaan imaammata baajata hir'isuu, liqii IMF fi Baankii Addunyaa ofirraa qaban deebisuu fi kaanillee dhiisuun lammiilee isaanii irratti xiyyeeffachuu akka qaban ibseera.

Qorannichi ammalee dhukkubsattoonni dhaabbilee fayyaa ga'uuf fageenya dheeraa akka deemanii fi gatiin qoricha busaa qofti dachaa 10'n dabaluus ibsee.

Fakkeenyaaf, dubartii Itoophiyaa tokko ganda keessa jiraattu kaasuun waggaa shan dura qoricha busaa birrii 50'n bita turte, amma garuu dhaabbilee dhuunfaa irraa birrii 500n bitachaa akka jirtu dubbatteetti.

Gama biraatiin ammoo, barsiisota qorannicha irratti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 87 meeshaaleen daree barnootaa gahaan akka isaaniif hin dhiyaannee ibsanii, meeshaalee barnootaa gara dhibbeentaa 73 ta'an kiisha ofii isaanii keessaa akka bitatan himaniiru.

Waggoota shan darban keessatti barsiisonni dhibbeentaa 84 miindaan isaanii dhibbeentaa 10 hanga 50 gadi bu'uun illee gabaafameera.

'Action Aid' mootummoonni barnootaa fi fayyaa irratti baajataa hir'isuu isaaniitu rakko kana fidee jechuun komata.

Akkataa Baankiin Addunyaa fi Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) mootummoonni baasii itti baasaa irratti dhiibbaa taasisaa tures dhaabbatichi balaaleffateera.

Mootummoonni liqaa isaanii kaffaluuf pirojektoota misoomaa kanneen akka barnootaa fi fayyaa irraa baasii akka hir'isan IMF yaada dhiheessa jedha dhaabbati qorannoo kun.

Fakkeenyaaf, Naayijeeriyaan bara 2024tti galii biyyaalessaa ishee keessaa dhibbeentaa afur fayyaaf baaste, liqaa deebisuuf dhibbeentaa 20 akka baaftu qorannoon kun ni mul'isa.

Biyyi tokko baajata ishee keessaa harka shan keessaa tokko barnootaaf baasuu akka qabdu akka waliigalaatti fudhatama qabaatus, biyyoota qorannicha keessatti hammataman ja'a keessaa afur baajata barnootaa hanga kanaa gadi qabu.

ActionAid mootummoonni fi IMF akkaataa hojii itti hojjetan akka jijjiiran, dameewwan kanneen irratti xiyyeeffachuun jireenya hojjettootaa fooyyessuu fi lammiileen barnoota qulqullina qabuu fi tajaajila fayyaa akka argatan akka taasisan waamicha dhiheessa.

Qorannichi waa'ee ogeessota fayyaa Itoophiyaa maal jedha?

Qorannoon 'Action Aid' hojjettoota fayyaa fi barnootaa biyyoota Afrikaa jaha irratti gaggeesse akka agarsiisutti hojjettoonni fayyaa dhibbeentaa 32 (giddugaleessa biyyattii) sababa mindaa xiqqaa ta'een ogummaa kana gadhiisuuf yaadaa jiru.

Gabaasni kun deebii ogeeyyii fayyaa Itiyoophiyaa qorannicha irratti hirmaatan kan of keessaa qabu yoo ta'u, gaaffileen haala bara 2020 waliin wal madaaluun akka dhiyaatan hubachiisa.

Ogeeyyiin fayyaa dhibbeentaa 65 sababa mindaa gadi aanaatiin ogummaa kana gadhiisuuf yaadaa jiru. (Biyyoota 6 qorannicha irratti hirmaatan keessaa kan Itoophiyaa isa guddaadha) ta'u mul'iseera.

Ogeeyyiin fayyaa dhibbeentaa dhibbi (%100) hanqinni dhiyeessii fayyaa fi dawaa akka jiru himaniiru. (Biyyoota 6 qorannicha irratti hirmaatan keessaa inni kunis isa guddaadha)

Dhibbeentaan torbaatamii shan (%75) hammi nyaata maatii isaaniif dhiyeessan hir'achuu isaa ibsaniiru. Dhibbeentaan dhibbi (100%) kan ta'an, kaffaltiin isaan argatan gad aanaa ta'uu ibsaniiru.

Dhibbeentaan 90 baajata hir'isuun fayyaa haadholii fi daa'immanii irratti dhiibbaa guddaa akka uume amanu.

Dhibbeentaan sagaltamii shan (%95) damee fayyaaf baajatni gahaan akka hin ramadamne amanu.

Dhibbeentaan 53 lakkoofsi dhukkubsattootaa akka dabale amanu. Dhibbeentaan dhibbi carraan leenjii hir'ateera jedhanii amanu.

Namoota gaaffii kana gaafataman keessaa dhibbeentaan 75 (%75) hojiin isaanii madaallii hojii fi jireenya isaanii (Work-life Balance)irratti dhiibbaa akka uume ibsaniiru.

Hirmaattota qorannichaa keessaa dhibbeentaan dhibbi (%100) carraan dhiphina sammuu dabaluu isaanii himaniiru.

Qorannoon kun mootummoonni imaammata liqaa hir'isuu IMF hojiirra oolchuu yoo dadhaban lammiilee isaanii irratti xiyyeeffachuu akka qaban yaada dhiheessa.

Akka Waliigaltee Abujaatti biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa baajata waliigalaa isaanii keessaa dhibbeentaa 15 damee fayyaaf ni baasu jedhamee eegama.