Pirezidaantii dulloomaa addunyaa ammas filannoo injifatee addunyaa raajaa?

Pool Biiyaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Gaggeessaan biyyaa dulloomaa addunyaa jedhamuun beekamu Pool Biiyaa amma ganna 92 guutera. Ammayyuu Keemeeruunif kan malu ana jechuun marsaa saddeettaffaa pirezidaantii ta'uuf filannoof dorgomaa jira.

Filannoo Kaameruunitti bori, Onkoloolessa 12, gageeffamurratti kaadhimamaa ta'ee kan dhiyaate manguddoo ganna 92 pirezidaant Pool Biiyaadha.

Marsaa saddeettaffaa milkaa'ee kan mo'atu yoo ta'e, hanga waggaa 100 guututti pirezidaantii ta'ee itti fufa jechuudha.

Pool Biyaa inumaayyuu "Kaameeruunif yeroon badhaadhinaa sichi dhufa" jechuun filannoo boriirratti uummanni sagalee kennuuf gaafate.

Pool Biiyaa bara 1982 irraa kaasee hanga ammaa ganna 43 pirezidaantii Kaameeruun ta'uun aangorra jira. Marsaa saddeettaffaa waliti aansuun filannoo kan mo'atu yoo ta'e, waggaa 50 biyyattii bulcha jechuudha.

Pool Biiyaa dhaloota haaratti aangoo akka dabarsuuf dhiibbaa godhamu osoo gurraa itti hin kennin dulluma keessaas pirezidantummaaf dorgomaa jira.

Kibxata darbe magaalaa Marouatti argamuun deeggartootasaaf haasaa taasiseen, "isinumti na filadhaa malee ani waadaa koo nan kabaja" jechuun keessumaa dargaggootafi dubartoota irratti xiyyeeffatee akka hojjatu ibse.

Xinxaalaa siyaasaa kan ta'e Imaanu'eel Waanaah BBCtti akka himetti, Pool Biiyaa erga aangotti dhufee kaasee kaayyonsaa ijoon aangoo qofaadha.

Lammiileen Kaameeruun harki caalaan bara jireenyasaanii keessatti Pool Biiyaa malee pirezidaantii arganii hin beekan.

Lammiilee biyyattii keessaa harka 60 kan ta'an- miliyeena 30 kan ta'an dargaggoota ganna 25 gadiiti.

Aktivistii siyaasaa dargaggeettii kan taate Marii Filoor dhaloonni haaraan Kaameeruun akka gaggeessu barbaaddi.

"Waggaa 43 booda namoonni [Pool Biiyaa] nuffaniiru," jechuun BBCtti himte.

Filannoon pirezidaantummaa pirezidaantiin dulloomaan addunyaa Pool Biiyaa irratti hirmaatu kun, yeroo qaala'iinsi jireenyaa, hoji dhabdummaafi rakkoon nageenyaa biyyattii hudhee qabetti kan gaggeeffamuudha.

Keessumaa hoji dhabadummaan dargaggootaa filannoo kanarratti Pool Biiyaatti qormaata akka ta'utu eegama.

Dargaggoonni Kaameeruun %40 ta'an ganna 15-35 gidduu jiran hojii hin qabdan. Kanneen baratanii eebbifaman hojii dhabuun roora'aa jiru.

Pirezidaant Pool Biiyaa duula na filadhaarratti dubartootafi dargaggoota irraatti xiyyeeffatee akka hojjatu waadaa gale

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaant Pool Biiyaa duula na filadhaarratti dubartootafi dargaggoota irraatti xiyyeeffatee akka hojjatu waadaa gale

Hoji dhabdummaan alatti adeemsi filannoon itti gaggeeffamus shakkii biraa kaasera.

Ji'a Adoolessaa keessa boordiin filannoo dursaa paartii mormituu ganna 71 akka Maawuris Kaamtoo filannoorratti kaadhimamaa hin taane ugguruu ture.

Kuni ammoo Pool Biiyaaf haalli akka mijatu gochuudha jechuun boordii filannoo biyyattiirratti komiin cimaan akka dhiyaatu taasiseera.

Filannoo bara 2018 irratti Maawuris Kaamtoo lammaffaa bahuun labsamus, inni garuu injifadhe jechuun deeggartootasaa waamee mormiif karaatti bahee ture.

Filannoo guyyaa borii gaggeeffamuuf, Pirezidaant Pool Biiyaa dabalatee kaadhimamtoonni 10 pirezidaantummaaf ni dorgomu.