Kooriyaan Kibbaa doonii waraanaa nuukileeraa galaana jala deemuun 'haleelu' akka ijaartu US deeggaruufi

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Kooriyaa Kibbaa doonii waraanaa galaana jala deemuun ''haleeluuf' gargaaruufi humna nuukileraan socho'u hojjechuuf mootummaa Ameerikaa waliin waliigaltee xumuruu ibsite.
Ameerikaan ''doonii galaana jala deemuun haleellaaf oolu'' [Submarines] jedhamu Kooriyaa Kibbaa gargaartee hojjechuu fi boba'aa barbaachisuun akka dhiyeesituuf ibsite.
Kun hariiroo guddaa biyyoonni lamaan irra gahan kana agarsiisu tahus dachee Kooriyaa lamaanii irratti garuu muddama jabaa uumuu hin hafu jedhamee sodaatameera.
Kooriyaan Kaabaa meeshaa nuukileeraa hidhatteetti. Chaayinaan gama Lixaan of babal'isaa jirti. Kun Kooriyaa Kibbaa muddama keessa galchuu mala.
Waa'ee waliigaltichaa qabxiileen beekuu qabdan isaan kanneeni.
Waliigaltichi maal of keessaa qaba?
Waliigalteen biyyoota lameen gidduu erga ji'a darbe gaggeessitoonni isaanii waliigaltee daldalaa guddaa raawwachuun taarifni %25 ture gara %15tti gadi cabeeti.
Tiraamp jalqaba bara kanaa Kooriyaa Kibbaa irratti taarifa %25 dabarsee ture.
Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Jey Miyung, haala kana irratti mari'achuun Ameerikaa keessatti Doolaara biliyoona 350 investi gochuuf waliigaluun taarificha gara %15tti gadi buusifte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan keessaa doolaara biliyoona 200 maallaqa callaan investi gochuu yoo tahu Doolaara biliyoona 150 tahu ammoo ijaarsa dooniiwwaniin akka tahe waliigalan.
Kana irraa ka'uun Ameerikaan Kooriyaan Kibbaa doonii waraanaa galaana jala deemu 'Submarine' kan humna nuukileeraan hojjetu akka hojjettuuf deeggarsa akka kennitu ibsite.
Bakkatti boba'aa dhiyeesituuf, pirojeektichi waan barbaadu hundaa irratti akka cina dhaabbattu ibsite.
Tiraamp miiidiyaa hawwaasaa isaa Truth jedhamu irratti dooniin kun Ameerikaa Filaadeelfiyaa keessatti kaampaanii Kooriyaa Kibbaa guddicha Hanwha jedhamuun hojjetama jedhan.
Amma addunyaa irraa biyyoota jaha qofatu doonii waraanaa galaana jala deemuu fi humna nuukileeraan hojjetu qaba.
Ameerikaa, Chaayinaa, Raashiyaa, UK, Faransaayii fi Hindiidha.
Kooriyaan Kibbaa doonii waraanaa galaana jala deemu 30 qabdi. Garuu hundi isaanii boba'aan waan hojjetaniif ammayyaa'oo miti. Nuukileeras bara 1970 keessa gabbisaa turte.
Sababa dhiibbaa Ameerikaaf kan dhiiste yoo tahu ammas guutummaan meeshaalee galchituuf Ameerikaa irratti waan hirkattuuf gabbisuuf ishee rakkisa. Malee dandeettii isaa itti qabdi.
Kooriyaan Kibbaa maaliif doonii waraana galaana jalaa nuukileeraa kana barbaaddi?
Pirojeektiin kun Kooriyaa Kaabaa dura dhaabbachuuf yaadameeti.Kooriyaan Kaabaa dhiyeenya doonii waraanaa kana hojjechaa akka jirtu waan agarsiifteefi.
Ministirri ittisaa Kooriyaa Kibbaa Ahin Giyu biyyi isaanii meeshaa kana qabaachuun ''milkaa'ina boonsaadha'' jedhan. Kooriyaa Kaabaa irraa of ittisuuf jabina guddaa nuuf kenna jedhan.
Doonii waraanaa nuukileeraan hojjetu Kooriyaan Kibaa qabaachuun bulchaa Kooriyaa Kaabaa ''halkan hirribaa kaasa'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa Doonii waraanaa nuukileeraa galaana jala deemu qabdii?
Kooroyaan Kaabaa sagantaa doonii kana hojjechuu akka qabdu ibsiteetti. Raashiyaa irraa gargaarsa argatti. Ji'a Bitootessaa keessa suuraa isaa agarsiiftee ture.
Waggoota dhiyoo keessatti ni hidhatti jedhamee eegama. Akkasuma nuukileera waraanaaf oolu 50 ol qabdi jedhamee tilmamama.
Ameerikaa fi Chaayinaan Kooriyaa Kibbaa michuu isaanii godhacuuf wal dorgomaa turan. Biyyattii funyoo irra deemsisaa turan.
Ameerikaan Kooriyaa Kibbaa bakka buutuu ishee godhachuun Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa irratti dhiibbaa gochuuf deeggarsa kennaa jirti jedhu xiinxaltoonni.
Chaayinaan humna waraanaa galanaarraa gara gara daangaa galaanaa Kooriyaa Kibbaatti butuun socho'aa turte.
Waa'ee waliigaltee kanaa Chaayinaan ''aaruu qabdi'' jedhan xiinxaltuu Dr Yaang.
Kooriyaa Kibbaatti ambaasadara Chaayinaa kan tahan Daayi Biing Kooriyaan Kibbaa dhimma kanaan wal qabatee yaaddoo gama hundaan dhufuu maluuf ''haala gaariin keessumeesiti'' jedheen abdadha jedhan.
Dooniin waraan agalaana jalaa kun baayyee qaaliidha. Madaallii aangoo Kooriyaa keessaa waan jijjiiru miti jedhu xiinxaltoonni tokko tokko.
Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataa Asan jedhamu UK jiru keessatti qorattuu kan taate Yang UK, kun uummata Kooriyaa Kibbaaf isin tiksuuf tarkaanfii fudhataa jirra jechuuf oola jette.
Saffisa guddaa waan qabuuf biyyoota kaan wal tahuun hojjechuuf gargaara jette.















