Waancaa darbe kan harkaa qabdu Senegaal ammas gulantaa itti aanutti darbuu dursitee mirkaneeffatteetti

Saadiyoo Maanee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyi Saadiyoo Maanee, Senegaal, 3 fi 1n Kaameeruun injifachuun gulantaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatte

Waancaa isa darbe kan nyaatte biyyi Saadiyoo Maanee, Senegaal, dorgommii alanaas tapha hanga yoonaa jiru mo'achuun qabxii ja'aan gara gulantaa itti aanutti darbuu dursitee mirkaneeffatteetti.

Tapha lammataa kaleessa galgala Kaameeruun waliin taphatte 3 fi 1n kan mo'atte Senegaal baranas waancaa nyaachuuf kutannootu irraa mul'ata.

Kaameeruun tapha jalqaa qixa, kaleessammoo Senegaaliin mo'amte. Tapha kuffisanii darbuuf ga'uunshee shakkii keessa galeera. Hireen darbuu ishee qabxii warri kaan argatan irratti hundaa'a.

Tapha kaleessaarratti taphataan Senegaal Ismaa'el Saar goolii jalqabaa yoo lakkoofsisu, Habiib Di'aaloo ammoo goolii lammataa galcheera.

Haata'u malee taphi xumuramuu wayita ga'utti taphataan Kaameeruun Jeen Chaarles Kasteleetoo dandeettii ajaayibaan kubbaa addaan itti bu'ee galche.

Leenconni eenyuufuu hin jilbeenfannu ofiin jedhan goolii ajaayibaa kanaan onnatanii tapharratti fooyya'iinsa guddaa agarsiisan.

Ta'us goolii xumura irratti Saadiyoo Maanee galcheen Senegaal 3 fi 1n mo'ateera.

Bu'uura kanaan qabxii ja'aan osoo taphi tokko ishee hafuu ramaddii C keessaa darbuunshee mirkanaa'eera.

Ramaddii kana keessatti kan argaman Giinii fi Zaambiyaan taphachuun, 1 fi 0 dhaan olaantummaa Giiniin taphichi xumurameera.

Tapha jalqabaa Kaameeruun waliin qixa kan baate Giiniin qabxii sadi kaleessa argatte dabalatee qabxii afuriin Senegaalitti aantee lammaffaarra jirti.

Giiniin tapha itti aanu Senegaal waliin kan taphattu yoo ta'e, qixa baanaan gara itti aanutti darbuu dandeessi.

Warri Kaameeruun ammoo tapha lama irratti qabxii tokko qofa argachuun gara itti aanutti darbuuf carraa kilaboota kaanii eeggataa jiru.

Taphoota itti aananiin Kaameeruun Zaambiyaa mo'attee, Giiniin ammoo Senegaaliin mo'amtee akkasumas Kaameeruun goolii galchituun Giinii caaltee yoo argamte ramaddicha keessaa darbuu dandeessi.

Haala kanaan Kaameeruun Giinii caaltee kan hin argamne yoo ta'e filatamoo sadaffaa jedhamuun kilaboota filataman keessaa tokkoffaan darbuutu irraa eegama.

Dorgommiin kun har'as itti fufuun taphoonni ni taphatamu. Taphi akkaan eegamu kan Aljeeriyaa fi Burkina Faasoo sa'atii 11 irraa eegala.

Moritaaniyaa fi Angoolaan sa'atii lama, irratti Tuuniiziyaa fi Maaliin ammoo sa'atii shan irratti ni taphatu.