Intala Kiim Joong Un miidiyaarratti maqaashee dhahuun akkaan sodaatamu

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS
Waa'een Kooriyaa kaabaa hedduun addunyaaf iccitiidha. Waa'eeshee kan addunyaan beekurra kan hin beekamintu heddummaata.
Uummanni biyya sanaa maal akka sooratu, mootummaa akkamiin sharafa alaa akka argatu, weerara koronaavaayirasiinillee namni meeqa akka du'e wanti ifatti beekamu hin jiru.
Intalli dubaraa Kiim Jong Un eenyummaanshee sirriitti hin beekamu, Kooriyaan Kaabaa biyya iccitiiti yoo jedhamu sababa malee miti.
Tibbana ajandaa taatee kan jirtu mucaan dubaraa Kiim Joong Un, maqaanshee hanga yoonaa hin eeramne.
Miidiyaan biyyattii ''bareedduu'' yookiin ammoo ''jaallatamtuu'' jechuun saadaa oolu. Kanaan achi maqaashee waamee yoo gabaase adabbiitu isaan mudata.
''Bareedduttiin keenya hoogganaa keenya waliin mul'atte,'' jechuun gabaasu.
Maqaashee waamuuf namni onnee qabu yookiin namni ofitti amanee maqaashee dhahu hin jiru.
Ofii intalli Kiim kun eenyu?
Intalli kun dhaaltuu Kiim Joong Un akka ta'uu dandeessu hedduun raagaa jiru.
Sababni isaa Kiim sababa tokko malee intalasaanii kana miidiyaarraa hin fageessine yookiin iccitiidhaan hin qabne.
Waggoota hedduu booda intalasaanii kana yeroo jalqabaaf qabatanii adda babayiitti ba'uunsaanii dubbiin jabduun tokko jiraachuu agarsiisa jedhu kanneen dhimma kana shakkan.
Intalli kun maqaashee qofa miti kan lagatamu, umrii ishees eeranii hin beekan.
Tajaajilli Oduu Kooriyaa Kaabaa dhiheenya kana akka gabaasetti hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un fi intalli isaanii ''Bareeddittiin'' loltootaa fi saayintistoota biyyattii waliin mul'ataniiru.
Suuraan miidiyaa kanaan gadi dhiifame namoota hedduuf raajii ta'eera.
Loltoonni fi saayintistoonni gameeyyiin lafee dugdaa biyyattii ta'an Kiim fi intalasaanii waliin daawwatamuutti guddoo qiliixaman jedha gabaasi miidiyaa kanaa.
''Gammachuudhaan machaa'anii hanga lubbuunsaanii baatutti of wallaalan,'' jedha gabaasichi.

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Intalli Kiim jiraachuunshee yeroo jalqabaaf kan barame bara 2013.
Waa'eeshee qofa osoo hin taane waa'een abbaasheeyyuu hagas mara hin beekamu.
Middiyaan Kooriyaa Kaabaa bara 2012 haati warraa Kiim eenyu akka ta'an ibse, Giifti-dureen Kooriyaa Kaabaa Rii Soola Juu akka ta'an yeroo jalqabaaf uummanni biyyattii guyyaa sana bare.
Haata'u malee Kiim fi Riin ijoollee qabu moo, kophaasaaniiti kan jedhu gaafachuuf namni afuura baafate hin jiru.
Erga turee booda ijoollee sadi qabaachuunsaanii miidiyaadhaan ibsame.
Waggoota booda Fulbaana bara 2013 Taphataan Kuubbaa kachoo beekamaa duraanii Ameerikaa Jeenis Roodmaan, Kiim intala durbaa qabaachuu gaazexaa Za Gaardiyaan jedhamutti hime.
Namni Ameerikaa Kiim Joong Un jaallatan nama kana qofa ta'uun hin hafu.
Yeroo lamaa-sadi Kooriyaa Kaabaa magaalaa Piyoongyaangitti affeeramee beeka.
''Michummaa taphataa kubbaa kachoo fi Kiim'' jedhamee fiilmiinillee jara kana lamaanirratti hojjetameera.
Yeroo sana namni kun gaazexaa Za Gaardiyaanitti wayita dubbatu, ''Michuun kiyya Kiim intala dubaraa hunda caalchisee jaallatu qaba,'' jechuun abbummaa bulchaa kanaa mirkaneesse.
Erganni odeeffannoo kana baaseeti miidiyaaleenillee Kiim intala dubaraa qabaachuu kan gabaasuu eegalan.

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS
Miidiyaan Ameerikaa NBC nama naannoo maatii Kiim quba qabu wabeeffachuun akka gabaasetti, Kiim intalasaanii waliin iddoo misaa'ela irraa furguggisan, loltootaa fi saayintistoota gameeyyii arguunsaanii waan akka salphaatti ilaalamu miti.
Tarii sirni isheef qixaa'e wayii jiraachuu calaqqisiisa.
Iddoo murteessaa tokkoof kaadhimamtee ta'uus mala jedha xiinxalli NBC.
Kanneen waa'ee Kooriyaa Kaabaa bareechanii beekuu himatan ammoo, daa'imattiin kun aangoo mootummaa olaanaaf kaadhimamte jedhanii afaan guutanii dubbachuuf yeroonsaa ganaadha jedhu.
Dhimma Kooriyaa Kaabaarratti kitaaba kan barreessanii fi dhiheenya kana gabaasa Rooyitarsi keessatti kan wabeeffataman Chun Suu Jiin ammoo '' gonkumaa,'' jedhu.
Dhimmi intala Kiim maaliif falmisiisaa ta'e?
Gaazexeessituun BBC waa'ee maatii moototaa gabaastu dhimma shakkitu tokko qabdi.
Kiim fayyummaansaanii hagas mara amansiisaa miti. Darbee darbee dhibeedhaan qabamanii hawaasa naasisu.
Kiim Joong Uniif Kooriyaan Kaabaa biyya qofa miti, dhaala isaaniiti.
Dhaalasaanii ammoo dhala isaanii malee namni biraan irraa hin fuudhu.
Biyyi jaarraa walakkaa oliif nageenyi irraa fagaatee, addunyaan qoollifatee taree dubartiidhaan yoo hoogganamte nagaa argachuu dandeessi.
Intalli Kiim kun aangoo qabachuuf geessee, tarii adaadaashee hamtuu sanarra, aangoof kaadhimamuu dandeessii laata?












