Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Vilaadmiir Putiin irratti ajaja hidhaa baase

ICC waraana Yukireeniif Putiin himate

Madda suuraa, Reuters

Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irratti ajaja hidhaa baase.

Manni murtii kun pireezidanti Putiin yakkoota waraana Yukireen irratti raawwatamaniif itti gaafatamu jedhee himate.

Yakkoota ittiin himate keessaa tokko ijoolleen seeraan ala Yukireen irraa gara Raashiyaa geeffamuusaaniiti.

Akka manni murtii kun jedhutti Pireezidanti Vilaadmiir Putiin Guraandhala 24, 2022 wayita Yukireen weeraran irraa eegalanii yakkoota raawwatamaniif sababa.

Yakka waraanaa yeroo waraana Yukireen raawwatameera jedhame Moskoon ni haalti.

Manni Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICC) ijoollee gara Raashiyaatti guuruu isaaf wayita Putiin himatu, sababaa fi ragaa irratti hundaa'ee ta'uu ibse.

Putiin kallattiin, akkasumas michootasaanii kaan waliin ta'uun yakka kana keessatti hirmaataniiru jedhe manni murtii kun.

Dureen Raashiyaa kun wayita daa'imman mirgisaanii sarbamee garmalee garas guuraman dirqamasaanii ba'uun gocha kana dhaabsisuu hin dandeenye jedha manni murtii kun.

Komishinarri Mirga Daa'immanii Raashiyaa Maria Lvova-Belova illeen mana murtii kanaan barbaadamaa jiru.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa ajaji hidhaa manni murtii kun baase hiika hin qabu jechuun gatii dhabsiisan.

''Murteen Mana Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa biyya keenya keessatti hin hojjetu, hiika hin qabu. Gama seeraanis gatii hin qabu,'' jedhan Maria Zakharova.

Sababni isaas manni murtii kun ajaja hidhaa baasuu malee namoota shakke jedhe qabuuf aangoo hin qabu jedhan.

Manni murtii kun utuma ta'eellee biyyoota miseensota isaa ta'uun mallatteessan keessatti dalaga malee nu hin ilaallatu jedhan qondaalli kun.

Raashiyaan biyyoota mana murtii-ICC irratti waliigaluun mallatteessite miti, kanaafuu carraan nama barbaadamu dabarsanii kennuu hin jiru.