Taphataan haleellaan sanyummaa irra ga'e Vinishiyees koree farra jibba sanyummaa Fifa hoogganuuf

Viniishiyes Juniyar tapha Vaalanshiyaa waliin taphatan irratti namoota sanyummaa isaan isa arrabsan adda baaseera

Taphataan Riyaal Maadriid Viniishiyees Juuniyar, koree farra jibba sanyummaa, qaamni kubbaa miillaa addunyaa olaantummaan dursu- Fifan bifa addaan hundeesse dursuuf akka filatame hoogganaan jaarmiyichaa Jiyaanii Infantiinoo ibsan.

Infantiinoon taphataa colleen kun koree yakka jibba sanyummaarratti adabbii cimaa dabarsuuf aangoo qabu akka dursuuf ofiisaaniitii Viniishiyes Juuniyar gaafachuu himan.

Umriinsaa waggaa 22 kan ta'e taphataan sarara fuulduraa Biraaziil kun, bara taphaa darbe keessa yeroo garaagaraatti sababa sanyummaa isaan jibbamee, arrabsamee, qoollifatameera.

''Ni ga'a. Kana booda sabaa fi bifaan walqoollifachuun kubbaa miillaa keessa hin jiraatu,'' jedhan Infantiinoon.

Gochi kun yoo kan mudatu ta'e yogguma sana taphi adda cituu qabas jedhan.

Qaamni yakka akkanaa raawwate naamusa cabsuun ni adabama, dorgommii keessaa baafamuunis jira.

Wayita gochi jibba sanyummaa dirree kubbaa miillaas ta'e dirreen alattis taphattoota irratti raawwatamu callisanii kan ilaalan akka hin taanee fi seeraan hordofanii kan gaafatan ta'uu ibsan Infantiinoon.

''Taphattoota keenya dhagahuu qabna. Haala mijataa fi nagaa ta'e kan isaan keessatti hojjechuu fedhan guutuu qabna. Kanarratti xiyyeeffanna,'' jedhan.

''Jibba sanyummaa addunyaa kubbaa miillaa keessaa balleessuuf jecha qaama yakka akkanaa raawwaterratti adabbii cimaa fi barsiisaa ta'e ni dabarsina. An akka pireezidantii Fifatti Viinishiyes Juuniyar qaamaan argadhee dubbisuun barbaada.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo garaagaraatti jibba sanyummaaf kan saaxilamee beeku Viinishiyes Juuniyer, tapha Vaalenshiyaa waliin taphatan irratti haleellaa sanyummaa isa mudate booda addunyaa guutuurraa deeggarsa argateera.

Taatee tapha kanarratti mudateen booda Pireezidantiin Laaligaa Jaaviyeer Teebaas akkaan qeeqameera.

Liigichis akkaataa dubbii kana itti keessummeesserratti qeeqameera.

Amma Biraaziil Giinii waliin Baarseloonaatti, Senegaal waliin ammoo Liisban keessatti tapha michummaa taphataa jira.

Kunis qaama duula farra-jibba sanummaati jedhameera.

''Deeggarsaa fi jajjabina namni naaf kenneen guddoo gammadeera,'' jedhe Viniishiyes Juuniyar.

''Infantiinoon dhufanii deeggarsa naaf qaban naaf ibsaniiru. Koree taphattooti an beeku keessa jiran akka dursuuf na gaafataniiru. Kun waan gaarii fi barbaachisaadha. Nan fudha.''

Ispeenis q'ee kilabasaa kan ta'e Riyaal Maadriid, dirree Barnaaboo irratti tapha michummaa Biraaziil waliin taphachuuf waliigalteetti.