Ajajaan waraanaa Libaanos pireezidantii biyyattii tahuun filaman

Madda suuraa, EPA
Paarlaamaan Libaanos ajajaa waraaanaa pirezidantii biyyattii godhee filachuun teessoo aangoo waggaa lamaa oliif qullaa ture raawwii itti tolcheera
Kaadhimamtummaan Jooseef Awoon paartilee siyaasaa danuu fi biyyoota alaa kan akka Ameerikaa, Firaans akkasumas Saa'udii Arabiyaan deeggaramaa ture.
Garee mormiituu milishaa Hezboollaan deeggaramu Roobii darbe gadhiisuun koomaandarichaaf deeggarsa agarsiiseera.
Pirezidantummaan kun aangoo kabajaa yoo tahu, sirna qoodinsa aangoo keessatti garee warra Kiristaanaaf kennama.
Filannoon kun kan adeemsifame mootummaan Libaanos waraana Israa'eliifi Hezboollaa gidduu adeemu irratti waliigaltee dhukaasa dhaabuu raawwachuuf waliigaluun boodadha.
Gareen Hezbollaa kunis amma haalaan kan laafee yoo ta'u, naannoowwanni inni keessa socha'us barbadaa'eera.
Waraanni Libaanos lola kanarratti hirmaachuu baatus waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti garuu shoora ijoo qaba.
Waliigaltee kanaan booda waraanni Libaanos daangaa kibbaa biyyattiiti yeroo Israa'el loltootashee baastu loltuusaa bobbaasuun irra jiraata.
Kana malees Hezboollaan Amajji 26 dhufurraa qabee sochii lolaa dhaabuusaa mirkaneesuu qaba.
Awoon nama gana 60 yoo tahu, loltuufi bara 2017 irraa qabee ammoo waraana biyyattii hogganaa ture.
Yeroo kana keessatti dhaabbaticha rakkooleen hamaa Libaanos dhiibbaa keessa galchan keessatti hogganuu danda'eera.
Yeroon hamaa sunis waraana Hezboollaa- Israa'el baatii 13 ture, miidhaa diingadee hamaa bara ammayyaatti galmaa'e akkasumas dhohinsa Beeruut bara 2020tti namoota 200 ol galaafate dabalata.
Filannoo paarlaamaa bara 2022 booda mootummaan Libaanos sirnaan hojjechaa hin turre.
Bakka ministira mummee akka hojjetuuf amaanaan kan itti kenname ture Najiib Mikaatii kaabinee haaraa hundeessuuf deeggarsa gahaa hin arganne.
Isaan dura yeroon aangoo Mikeel Awoon Onkololeessa keessa raawwates, bulchiinsi isaa aangoo laaffataa akka qabaatu godheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababa kanaan miseensoti paarlaamaa yeroo 12f pireezidantii haaraa otoo hin filatiin hafaniiru.
Filannoon inni dhumaa geggeefame bara 2023 baatii Waxabajjii yoo tahu, marsaa duraan kaadhimamaan tokkoyyuu mo'achuuf sagalee gahaa otoo hin argatiin hafe, marsaa lammataan Hezboollaafi deeggaraansaa Amaal kora dhiisanii bahuun filannicha raawwachuurraa hambisaniiru.
Libaanositti kaadhimamaan pireezidantii teessoo paarlaamaa 128 keessaa sagalee tokko sadaffaa-86 yoo argate marsaa jalqabaan filatama. Marsaa lammataan sagaleema caalmaan salphaamatti mo'ata.
Haa tahu malee af-yaa'iin paarlaamichaa Nabih Beerii Awoon koomaandara aangoorra jiru waan taheef sagalee caalmaa lama-sadaffaatu isa barbaachise jedhan.
Gaafa Kamisaa marsaa jalqabaan miseensoti paarlaamaa 71 Awoon filatan, kunis sagalee isa barbaachisu keessa 15 isa hanqata.
Miseensoti paarlaamaa 37 biroon kan Heezboolaa fi Amaal irraa tahuun shakkaman waraqaa sagalee qullaa kennan, sagaleen 20'n biraan ammoo fudhatama kan hin qabne jedhame.
Hogganaan Amaal Beerrriin walgahiin hamma waaree boodaatti akka harkifatu gochuun miseensota paarlaamaa sagalee kennuu marsaa lammataa eeggataa turan gidduutti dheekkamsa kaase.
Dhumarratti Awoon marsaa lammataan sagalee 99 argachuun booda pireezidantii tahuun filatameera. Kanas sagalee caalmaa lama sadaffaa salphaatti mo'achuuni.
Yeroo bu'aan sagalee af-yaa'iin labsamu, TV dabalatee miidiyaaleen biyyattii gammachuu guutuu biyyattii agarsiisaa turan.
Boodarra Awoon suufii uffatanii gara gamoo paarlaamaa yeroo seenan mul'ataniiru.












