US Pirezidaantii Venezuweelaa hidhuuf namni ishee gargaare beenyaa mil. $25 kennuuf waadaa galte

Pireezidaantii Venezuweelaa kan ta'an Nikoolaas Maaduroo hidhuuf namni odeeffannoo kennuuf yoo jiraate dolaara miliyeena 25 badhaasa qopheessuu US beeksifte.

Nikoolas Maduroo filannoo Venezuweelaa keessatti gaggeeffame waliin dhahuun waggoota jaha ittaanan bulchuuf waadaa akka galetu himama.

Sirni kakuu galuu isaas komii yakkaa hawaasa idiladdunyaa irraa irratti dhiyaatufi mormii garee mormitootan akka yaade hin taanef.

US kanaan dura nama Maaduroo qabuuf ishee gargaaruf dolaara miliyeena 20 kennuuf waadaa galtee turte, amma gara miliyeena 25tti ol guddiste.

Nikoolas Maaduuroo qofa osoo hin taane Ministiira Dhimma Biyya Keessaa Diyoosdaadoo Kabeeloo hidhuufis itti kakatte US.

Ministiira Ittisaa Venezuweelaa Vilaadmiir Paadliinoo hidhuuf nama odeeffannoo kennuuf yoo jiraate, dolaara miliyeena 15 ramadeera jette US.

UKn gamasheen qondaaltota olaanoo Venezuweelaa 15 irratti qoqqobbii kaa'uu beeksifte.

Ministiirri Dhimma Alaa UK Deevid Laamii mootummaa Venezuweelaa "mootummaa seeran alaa" jechuun ibsan.

Gamtaan Awurooppas, Venezuweelan biyya dimokiraasii guddisuufi olaantummaa seeraa irratti jijjiirama hin agarsiifne jechuun dhorkaa kaa'uu Jimaatta, Amajjii 10, beeksise.

Kanaadanis sarbamni mirga namaa mootummaa Nikoolas Maadurotiin raawwachuu ibsuun qoqqobbii haaraa irra kaa'uu beeksifte.

Maaduroon garuu komii biyyoota Lixaafi gaggeessitoota mormituu irratti dhiyaatu irra deddeebin waakkata.

US nama odeeffannoo kennuuf yoo argatte Maaduroo hidhuuf kan ishee kakaase dhimma daddabrsa qoricha sammuu adoochuu (naarkootiksii)fi malaammaltummaa bara 2020 tureeti.

US bara 2020 "shororkeessummaa naarkootiksiitiin" Nikoolas Maaduroofi qondaalota olaanoo Venezuweelaa irratti himata bantee turte.

Bulchiinsi Maduuroo qorichi sammuu hadoochu gara Ameerikaa akka galu gochuun fayyaa lammiilee Ameerikaa balaaf saaxileera jechuuni US kan himatte.

US bara darbe boba'aa Venezuweelaa irra qoqoobbii keessus Manduuron tarii filannoo haqa qabeessa gaggeessa jechuun qoqqobbii sana laaffisteefii ture.

Kaleessa, Amajjii 10, Maduroon waggoota jahaan dhufan pirezidaantii ta'ee Venezuweelaa gaggeessuf sirna kakuu raawwateera.

Kufaatii diinagdee Venezuweelatti mudateef Maduuron qoqqobbii US keesse ta'uu komata. Qeeqxonni isaa garuu malaammaltummaa bulchiinsi gaariin dhabamuun sababa ijoo kufaatii diinagdee biyyattii akka ta'e kaasu.

Maduroon sirna kakuu yeroo raawwatu: "Yeroon pirezidaantummaa ittaanu kun yeroo nageenyaa, badhaadhinaa, wal-qixxummaafi dimokiraasin haaran itti dagaagudha," jechuun kana akka mirkaneessu "lubbuusaatin" kakate.

Filannoo Adoolessa 28 gaggeeffamee Maduroon mo'achuu labsatus biyyoota ollaa Venezuweelaa ta'an kanneen akka Biraaziilifi Koloombiyaa dabalatee fudhatama dhabsiisaniiru.

Mormitoota biyyattii dabalatee biyyoonni akka US fa'aa kaadhimamaa paartii momituu biyyaa baqatee jiru Edmuundoo Gonzaalez filannicha akka mo'ateefi pirezidaantii seera qabeessi isa jechuun Nikoolas Maaduuroo kufaa godhan.

Mootummaan Nikoolas Maduuroo gamasaan gaggeessaa paartii mormituu kan ta'e Edmuundoo Gonzaalez bakka inni jiru nama dabarsee itti kenneef beenyaa dolaara 100,000 kaffaluuf waadaa galeera.