Eenyuu faati sirna awwaalchaa Phaaphaasii irratti argama?

Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman sirna awwaalcha Phaaphaasii Firaansis irratti hirmaachuuf Addabaabayii Qulqulluu Pheexiroosii gahaniiru. Hoggantoonni addunyaa, qondaaltota Kaatolikii fi namoonni biyyoota addunyaa gara garaa irraa dhufan achitti argamaniiru.

Ilmi mootii Prinsi Wiliyaam, pirezidaantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon, mootii Ispeen Feelipee 6ffaa fi mootittii Leeshiyaa, fi pirezidaantiin Biraazil Luuz Inácio Lula da Silvaa dabalatee hogganoonni mootummaa fi mootii hedduun achi ga'aniiru.

Yaadni Phaaphaasii Firaansis dhimma addunyaa irratti qabu darbee darbee hoggantoota waliin wal faallessa – gariin isaanii sirna awwaalchaa irratti ni argamu.

Zeleniskii fi Tiraamp osoo sirni awwaalchaa hin eegalin wal argan

Hoggantoonni lamaan yeroo ammaa sirna awwaalchaaf addabaabayii Qulqulluu Pheexiroos keessa jiru.

Akka dubbi himaan Zeleniskii Sirhii Niikifoorov, jedhanitti, pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin sirna awwaalchaan dura Doonaald Tiraampiin wal argan

Amma namoonni gara 200,000 ta'an awwaalcha Phaaphaasii Firaansis irratti argamuuf Addabaabayii Qulqulluu Pheexiroosii fi daandii dhiyoo jiran irratti walitti qabamaa jiru jedha gabaasni poolisii Xaaliyaanii.

Suuraaleen hoggantoota addunyaa sirna awwaalchaa irratti hirmaatan kunooti .

Tiraamp fi Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp

Prinsi Wiliyaam Baasilikaa keessatti kabaja isaaf kenne

MM UK Siir Kiir istaamer fi haadha warrasaa Viktooriyaa

Joo Baayidan

Pirezidaantii Komishinii Awurooppaa Ursula von der

Chaansilarri Jarmanii Olaf Scholz

Pirezidaantiin Arjentiinaa Haaviyeer Milee'ii

Mootiin Siwiidin Kaarl Gustaf fi Mootittii Siilviyaa

Pirezidaantii Biraazil Lula da Silvaa

Ilma mootii Noorweey Haakon fi Meette-Maat

Barreessaa Olaanaa UN António Guterres

Sirna awwaalchaa eenyutu geggeessaa jira?

Tajaajila sirna awwaalchaa Phaaphaasii Firaansis ganama kana kan hoogganu itti gaafatamaa Kolleejjii Kaardinaalonni, Giovaannii Baattistaa Reedha.

Kaardinaalii umrii wagga 91 kun bara 1957 mana amantaa Bireeshiyaa jedhamuuf muudame. Bara 2001 Phaaphaasiin Yohaannis Phaawuloos 2ffaan akka kaardinaaliitti isa labse.

Bara 2020 itti gaafatamaa Kolleejjii Kaardinaalotaa ta'uun kan filataman yoo ta'u, Phaaphaasii Firaansis bara kana Fulbaana keessa turtii isaanii dheeressaniiru.

"Boqochuu isaanii hordofee jaalalli nuti guyyoota darban keessa argine Phaaphaasii Firaansis hammam sammuu fi onnee namoota hedduu akka tuqe nutti hima." jedha

Phaaphaasichi baqattootaa fi namoota buqqa'an tajaajiluuf quuqama guddaa qaba ture.

Kaardinaalichi imalli isaa inni jalqabaa akka Phaaphaasiitti gara odola kibba Xaaliyaanii Lampedusa, kan godaantonni hedduun akka balbala Gamtaa Awurooppaatti itti fayyadaman ta'uu isaa ibseera.

Daawwannaan sun "barbaachisaa" ture, jedha, odolattiin "balaa godaansaan, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman galaana keessatti liqimfamanii akka du'an" hubachiiseera.

'Dallaa miti riqicha ijaaraa'.

Waggota dhiyoo asi Phaaphaasichi waraanna Yukireen fi Filisxeem irratti sagalee dhageesisaa turan. Osoo nagaa gaafatuu du'aan boqotan.

"Waraanni lubbuu namootaa galaafatee, maneen jireenyaa, hospitaalaawwan fi manneen barnootaa diiguu." dubbachaa ture.

Waraanni yeroo hunda addunyaa kana caalaa hammeenya dhiisa: yeroo hunda nama hundaaf mo'amuu dhukkubsataa fi gaddisiisaadha," jedha Kaardinaal Re phaaphaasichi caqaseera. "Build riqicha malee dallaa miti" jechuun waan Phaaphaasiin Firaansis yeroo baayyee irra deebi'e ture jechuun dabalata.

"Waraana keessatti namni moo'u hin jiru, waraanni addunyaa barbadeesee gaddaa fi dhiphinna fida." Jedha Kaardinaal Re

Kanaaf akkuma Phaaphaasii Firaansis yeroo baayyee irra deebi'e dubbachaa ture, "dalla miti riqicha ijaaraa."