Tattaaffi jaarsummaa Turkii Gaanfa Afrikaatti jabaachaa dhufeefi danqaalee mudatan

Biyyi Itoophiyaa waliin michooma jabaa qabdu Turkiin waggoota muraasa darban keessatti Afrikaa, Baha Giddugalaafi Kibba Bahaa Eeshiyaa keessatti dhageettii jabaa jedhamu horattee jirti.
Dhiibbaan damee daldala, invastimantiifi waraana irratti qabdu bal'achaa kan dhufe Turkiin, lola dhaabuufi nagaan akka bu'u sochii taasifamuunis tattaaffiin gootu akkaan dabaleera.
Muddamni Gaanfa Afrikaa keessatti jabaachaa dhufe qalbii biyyoota Lixaa fi Baha Gidduugalaa akkaan yeroo qabatee jiru kanatti pireezidantiin Turkii biyyoota ijoo lama torbee kana daawwatu.
Haaluma kanaan Pireezidant Rasiip Tayiip Erdohaan Wiixataa har'aa 9/2018 A.L.I gara UAE imaluun Kibxata borii ammoo Itoophiyaa deemuun hogganoota waliin akka marii'atan waajirri isaanii beeksiseera.
Biyyoota michuu dhihoo lameen kana yeroo daawwatanitti dhimmoota waloo, naannoofi idil-addunyaa marii'achuun dabalataan sanadoota waliigaltee garagaraa akka mallatteessanis ibsameera.
Dursee eermauu baatullee waraana waliinii Sudaaniifi dhimma Somaaliyaa irratti mariin akka adeemsifamu ni eegama.
Pireezidantichi imala isaanii kanaan hangam akka milkaa'an fuudluratti kan mula'tu tahus, tattaaffiiwwan nagaa Turkiin kanaan dura irratti hirmaatte hamma yoonaa bu'aa akkamii argamsiisee jira? Gufuu akkamiitu mudate?
Biyyoota naannoo addunyaa garagaraa irratti wal-dhibdee qaban walitti dhiyeessuuf tattaafachaa kan turte Turkiin yeroo dhihoon as shoora jaarsummaa akka addunyaatti bahachaa jirtu dabaleera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ankaaraa, Itoopiyaa, Somaaliyaa, Yukireen, Raashiyaa, Taalibaaniifi Paakistaan fa'iif gama jaarsummaa taa'uun shoora guddaa gumaachitee jirti. Naannolee kaanitti kanneen wal lolan araarsuuf gaaffii dhiyeessaa turteetti.
Turkiin shoora jaarsummaa akkasumas dhageettii akka idl-addunyaatti horatte tasgabbii addunyaaf gumaacha gaarii akka gootutti akka ilaalamuuf ishee gargaara jedhu qondaalotaafi deeggartoonni mootummaa biyyattii.
Adeemsi kuni kabaja Turkiin waltajjii addunyaa irratti qabdu akka guddisullee dubbatu.
Erdohaan Sadaasa darbe baruullee torbee Ameerikaa, 'Niwuswaak' jedhamurratti keewwata baherratti biyyi isaanii walitti bu'insi biyyootaa akka furamuuf tattaaffi gootuun gara duubaatti akka hin deebine himaniiru.
''Pireezidantichi Baha Gidduugalaa dabalatee lolli naannolee addunyaa garagaraa keessatti mudatu karaa dippiloomaasii haqaan furmaata akka argatuuf gochuun itti gaafatamummaa bahachuurraa dubbatti hin deebine,'' jechuun ibsaniiru.
Ministeerri Hajaa Alaa Turkiin kaayyoo, ''jaarsummaa idil-addunyaan'' dursuu akka qabdu ibsu. Itti-gaafatamaan koominikeeshinii Turkii ammoo Turkiin ''rakkoo wal-xaxaa addunyaa hiikuuf biyya ijoo,'' akka taate ibsaniiru.
Biyyattiin tattaaffiin jaarsummaa taasisaa jirtu dhimma dinqisiifannaa argate tahus yeroo dhihootiin as garuu tattaaffiin kuni gufuun itti baay'achaa jira.
Waraanni Yukireeniifi Raashiyaa akka goolabamu fedhii guddaa kan qaban Erdohaan ''kora hogganootaa'' keessummeessuuf fedhii agarsiisanillee walgahiin Moskoo fi Kiiv boodanaa Abuu Daabiitti adeemsifame.
Kana malees Turkiin marii Ameerikaa fi Iraan keessummeessuuf abdii godhattee kan turte.
Tahus mariin kuni Omaanitti adeemsifame, kunis deeggartoota mootummaa Turkii dallansiiseera.

Turkiin biyyoota kamiif jaarsummaa teesse?
Waggoota dhihoon as biyyoota naannolee ollaa walii jiraniifi wal-dhibdee qabaniif jaarsummaa teesseetti.
Waliigalteen hulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand mallateessan kan Somaaliyaa dheekkamsiisuun muddama hammeesse kan furmaata argate jaarsummaa Turkiidhaani.
Turkiin ''walgahii al-kallattii'' qondaalota Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti taasifamaa ture keessummeessiteetti.
Dhumarrattis Mudde 2017 A.L.I MM Abiy Ahimadiifi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammuud Turkii deemuun waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltee kanarrattis biyyooti lameen walabummaa walii akka kabajan waliigalaniiru.
Raashiyaan bara 2022 Yukireen irratti waraana erga bantee kaasee Turkiinn biyyoota lamaan araarsuuf Istaanbulitti marii marsaa baayyee keessummeessiteetti. Mariin inni dhumaa Waxabajji 25/2025 ture kan adeemsifame.
Marii yeroo garagaraa Turkiitti adeemsifame keessaa muraasni firii godhateera.
Biyyooti lameen hidhamtoota waraanaa walii dabarsuun dabalataan karaa galaana Gurraachaa midhaan gara biyyoota alaa erguun akka danda'amu kan waliigalaan Turkiitti dha.
Gareen Taalibaan Afgaanistaaniin bulchuufi Paakistaan marii Kataaritti taasisaniif jaarsummaa kan taa'e Turkiidha.
Boodarras haasaa bara 2025 keessa Istaanbul keessatti jabaatee itti fufee jira. Tahus mariin kuni waliigalteedhaan hin xumuramne.
Milishaan ''Raadaa'' Liibiyaa mana maree magaala guddoo biyyattii Tiriippoolii jiruun buluufi mootumma biyyaalessaa biyyattii gidduu Fulbaana darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu kan milkaa'uu danda'e dhaabbilee basaasaa Turkiin ture.
Waggaa darbe mootummaan waraanaa Sudaan UAEn humna addaa RSF jedhamuuf diroonii dhiyeessiti jechuun himannaa yeroo dhiyeessetti Erdohaan jaarsummaa taa'uuf gaaffii dhiyeessanii ture.

Madda suuraa, EPA
Gufuu akkamiitu mudateen?
Turkiin gumaachi biyyootaaf jaarsummaa taa'uun raawwachaa jirtu dabalaa dhufus sochiin wal-fakkaataa biyyooti kaan taasisan waan liqifamaafi jiru hin fakkaatu.
Marii Ameerikaa, Yukireeniifi Raashiyaa miilanaa kan keessummeesite UAE dha.
Marii Moskoofi Kiiv booda ibsa kan baase ministeerri hajaa alaa UAE qaamota lameen kana galateeffateera.
Ibsi kuni ''UAE'n shoora biyyattiin jaarsummaa biyyootaa irratti qabduun jabaachaa dhufuu,'' jala muree agarsiiseera.
Biyyi Baha Gidduu Galaa biraan Omaan immoo hariiroo yeroo dheeraa Iraan waliin qabdu fayyadamuun marii Iraaniifi Ameerikaa keessummeessiteetti.
Kunis Turkiidhaan waltajjii dhimma kanaa tahuurraa ishee baaseera.
Gaazexeessaan beekamaa Turkii Muraat Yeetkiin masaanummaanTurkii fi Israa'el gidduu jiru marii Ameerikaafi Iraan keessummeessuuf tattaaffii goote akka hin milkoofneef gumaacheera jedha.
Gaazexeessichi ''tattaaffi jaarsummaa Turkiin gootuuf dubbiin gufuu kan tahu hariiroo Israa'el waliin qabdudha.
Ankaaraan Israa'eliif qaama ''amanamuu dandeessu miti, garuu ammoo sarara hariiroo guutummaatti itti dhiisuu hin dandeenye dha,'' jechuun barreesseera.
Mariin Iraaniifi Ameerikaa Turkiitti taa'amuun hafee gara iddoo biraattii dabarfamuun xiinxaltoota deeggartoota motummaa tahan dallansiiseera.
Iraan Turkiin milkaa'inni ''olaantummaa naannoofi dippiloomaasii'' waan ishee sodaachisuuf Turkiitti akka mariin hin adeemsifamne gaaffii dhiyeessiteetti himannaan jedhu fa'a irratti ka'a.
Gaazexaan mootummaa Saabaa jedhamu irratti kan barreessu Okaan Mudeerisoogiluu ''Iraan seenaafi sanyiin duubatti ishee harkiseera, kanaaf Turkiif shoora kennuu hin barbaanne,'' jedheera.
Ilaalchi akkasu kuni biyya araarsituufi jaarsummaaf teessu tahuun of dhiyeessuuf kaayyoo qabattee xiyyeeffannoo akka argate kan akeekudha.
Biyyattiin yeroo dhihoo as gufuun ishee mudachaa jiraatus garuu tattaafii ishee akka itti fuftu garuu agarsiisa.












