Duula Idigat Bahibirat: Yaadannoo waggaa 50 hiriyoota sadii

Madda suuraa, KIDIST
Aaddee Atsada Waldamikaa'el, Aaddee Qidisti Ballaxa fi Dr Geetaachoo Indaalammaaw dargaggoota wayita turan wal baran.
Wayita umuriinsaanii dhuma waggaa kudhanoota keessa tureedha kan duula Idigat Behibratii'f duulan. Waggaa 50 booda ammoo Ebla 12, 2025 wal argan.
Isaan keessaa kaan du'aniiru, kaan dullomaniiru, kan hafan ammo waliin keekii muran.
Dargaggoonni yeroo sanaa kunneenis duulichaan kan ramadaman Kaaba Shawaa bakka Sallaa Dingaayi jedhamutti ture. Duultonni buufata isaaniitti ramadaman gara 130 ta'u ture.
Duula Idget Behibret waggaa lamaatiin booda hundi kallattii jireenyaa adda addaatti bittiinaa'an.
Waggaa 15 dura dargaggoonni Sallaa Dingaayiitti duulan deebisanii wal argan. Kan gara 30 ta'anis walitti qabamu danda'aniiru.
Hanga ammaattis isaan keessaa 15 wal argu. Bara kana ammoo waggaa 50ffaa isaanii galma Finfinneetti kabajaniiru.
ALI bara 1966 baatii Adooleessaa irratti ture kan duulli biyyaaleessa Idget Behibret Beekumsaa fi Duula Hojii kann labsame.
Kan duula sanarratti hirmaatan ammoo barattootaa kutaa 10 hanga yunivarsitii jiraniifi barsiistootadha.
Duulichi ifatti ALI Muddee 12, 1967 bakka Koloneel Mangistu Haayilamaariyaam argamaniitti Jaanmeedaatti eegalame.
Kanaanis duultoonni gara kuma 48 akka hirmaatan galmeen seenaa ni mul'isu.
Aartiistiitoonni bara sana keessa beekkaman kann akka Xilaahuna Gassasaa, Taammiraati Mollaa fi kaan dhimmaa kanarrati faaruu baasaa turan.
''La idigat behibrat inzimat, la idigati bahibiret inzimat
Wondi set saanili baandinati.
Duulli kun amma wagga 50ffaa isaa guutee kan fagaate fakkaattuulleen, Aaddee Astada, Aaddee Qidist fi Dr Geetaachoon imala yaadannootiin gara duubaatti nu deebiisu.
Gammachuufi sodaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa har'aa Aadde Astadaan yoo duula Idigat Behibrat duulan kan waggaa 20 yoo ta'aniidha.
Kana dhalatan Dabra Siinaatti. Bakka duulaaf itti ramadaman Yasallaa Dingaay maqaadhaan malee deemaniin hin beekan ture.
Maqaan namoota duulanii fi eessatti akka ramadaan karaa raadiyootiin himame.
Aaddee Atsadan yoo beeksiis himamuutti bohiicha firaarra waan turaniif hin dhageenye. Haatiisaanii beeksiisicha dhagahuudhaan uffata qopheessaniifii Dabra Birhaaniitti dhaqanii itti kennan.
Aaddee Astadaa intala tokkittiidha. Maatiin adda batee duuluun salphaa hin turre. Duuliichi isaaniif waan ajaa'ibaa soodaachisaas ture.
''Duullee maal akka hojjannu omaa hin beeknu ture. Waan ijoollummaa ta'ef akka bashannaanaattis ni lakkoofta'' jechuun yaadatu.
Erga Sallaa Dingaayi qaqqabanii booda ture itti gaafatamummaasnaanii maala akka ta'e kann itti himame. Kan itti himanis duulchiiftoota waraanaafi siviiliiti.
Duulchisaan waraanaa saanii loltoota kibur zabanyaa turan. Duultota eegu. Duulchiiftoonni siiviil ammoo, barsiiftoota sadarkaa lammaffaafi yunivarsitiiti. Barnoota qonnaan bulaaf kennamurratti qajeelcha laatu.
Aaddee Astadanis maatii saanii bilbilaan nagaa itti dhaamuun gara Sallaa Dingaayiitti qajeelan.
''Osoon qaamaan wal argee nagaa itti hidhaamiin deemuukootti garaan na bade… Gammachunis jira ammo. Miira wal makaatu ture.''
Ijoollee waliin barannu wajjiin duuluu kootti baayyeen gammade.
''Hiriyoota waliin barattu waliin duuluun shubbisa, gammachuudha. Dhimmi garam deemna jedhu garuu yaaddeessa ture. Maatiikoof kan jalqabaas kan dhumaas waanan tureef haatiikoo xiqqoo rakkaattee turte.''
Guyyaa duulaa sanatti sa'aatiidhumatti shaanxaasaanii qabatanii bakka ka'umsa duulaatti argaman.
Yoo Salla Dingaay galaniitti simmannaan taasifameef ho'aa ture.
''Waldaan qonnaan bulaa hiriiree, dhiiraa dubartiin bahe nu eege. Iliilii jedhanii, sirbanii nu simatan. Baayyee gammadne, nu jajabeessees.''
Duultoonni dhiiraa fi dubartootaa akkasumas bakki qubannaa duulchiiftotaa qophaa'ee eegeen.
Ittigaafatamummaan isaanii dubbiisuu fi barreessuu akkasumas hereega barsiisuu qofaa hin turre.
''Bu'aa bahii biyyoo nama nyaachiisuu baanee burqituu gabbiifana ture. Bakka hojjatanii agarsiisuutti ammo qonnee dhaabnee qonnaan bulaatti agarsiifna'' jechuun yaadatu.
Duula Guddina Gamtaatiin waldaa qonnaan bulaa ijaaraniiru. Gabaarra deemanii ilaaluudhaan qonnaan bulaaf gorsa kennuu ture.
Jireenya duultootaa keessatti guyyaa tokko
Barii subii ka'u. Kanneen abbaa dabaree mana nyaataa ta'an nyaataa qopheessuun gargaaru. Abbaan dabaree dirree ammo itti gaafatamummaa bakka turtiin alaa qobaatu.
Duultoonni Sallaa Dingaay buufataalee dame lama, magaaloota Xaarmaa Barrii fi Saasiitti adda qodamanii turan. Aaddee Astadaan itti gaafatamtuu barnoota gaheessootaa turan.
Guyyaa guyyaan Sallaa Dingaayi ka'uun hanga Dabra Miximaaq Maariyaamiitti miilaan imalu.
Lonchiinaa bakkicha jiruun ala konkolaataan biraa hin jiru. Ganda qonnaan bulaa kam akka deeman kann itti himamu galgaladha. Ganama ni bobbaafamu.
"Nyaanni akka garaati. Hanga barbaadne nyaannee deemna. Achi oollee deebiina.''
Naannichi bu'aa bahii waan qabuuf ''dhiiga tufnee baanee, dhiiga tufnee buuna ture'' jechuun yaadatu.
Haata'u malee qormaatichi kolfaafi taphaan darba ture. ''Kolfa, tapha, girigirrii, hoo jenneefi wal harkiisuun dabarsina turre'' jedhu.

Madda suuraa, KIDIST
Shifticha
Naannoo duultoonni jiraataan shiftaa beekamaa tokkotu ture. Baayyee kan sodaatamu ture.
Qumxaa kaawwatee, goofaree filtee, meeshaa hidhatee naannawa. Jiraattoonni naannichaa sodatanis shiftichi garuu duultoota waliin salphaan waliigale.
''Maqaasaan irraanfadhe malee shiftaa baayyee beekamaa ture. Nu waliin kan wal arge garuu karaa nagaatiin ture…Yeroo sana garalaaffeessa ture'' jedhu Aaddee Astadan.
Shiftoonni bakka garaa garaatti socha'aa ture garuu duultootarraa miidhaa dhaqabsiisuu kanneen duulan ni dubbatu.

Madda suuraa, KIDIST
Doormii 'dhokataa'
Duultoonni tokkoo tokkoo kutaalee ciisiichaa fi duultootaaf maqaa masoo kennaa turan. Kutaan Aaddee Astada fa'I 'doormii dhokataa' jedhama. 'Innis kutaa ciisichaa galma guddaa keessatti argamuuf waan ta'eef 'dhokataa' jechuun moggaasan.
Dormii Abagaaz, doormii gidingidi, maazar dormi… jechuun kutaaleef maqaa moggaasaa turan.
Doormicha keessatti guyyaa guyyaan itti gaafatamummaan faanoosii qulleessuu ni kennamaaf. Abbaan dabaree osoo Faanosii hin qullleessiin hafe ni adabama.
''Addabbii maal seete? Nyaataa nuti nyaannee hafe kan isheetti maktee guutuusaa akka fixxu taasifna. Bishaanis kenniineefii dhugii fixi jennaan. Yoo dhugdeefi nyaattee fixuu dadhabe ammpp shaman keenyayyuu boraatiidhaan reebinaan.''
Jireeni doormii keessa fi doormiin alatti kan yaadannoon guutameedha. Goodaa fi muka jalatti ture kan barsiisan. ''Barnootichi akka keessaniitti kutaa keessatti hin turre. Mukeen gurguddaa jalatti ture. Achiitti walitti iyyaa oolla.''
Qonnaan bulaa barnooticha jaalatan illeen, hojii manaafi loon tikkisachuuf yeroo tokko tokko itti hin tolu.

Madda suuraa, KIDIST
'Zamaachiin gubate'
Duultoonni osoo Sallaa Dingaayi jiranuu tsoomiin guddaan seene. Yeroo sanatti bulchiins dargii amantaa tuffatulleen hawaasni naannichaa garuu stoomiirratti kutannoo qaban.
Dargaggoonni duula dhaqan halkan ka'anii foon waadan. Urgaansaas naannicha qaqabe. Jiraattoonni naannichaas naasuudhaan ka'an.
"Ijoolleen duultootaa halkan bakka rafaniitti guabatan jedhanii bahan. Yoo dhufaniittis isaan foon waadanii nyaataa osoo jiranu argatan''jechuun yaadannoosaanii ibsan.
Yeroo sana naannichatti kulleen, dhadhaa fi loon foonii rakasa waan tureef akka garaa saaniitti nyaata gaarii qopheessuun nyaatu turan.

Madda suuraa, KIDIST
'Kanan kaadhimame duularratti'
Yeroo sanatti duultoota jidduutti walitti dhufeenya jaalalaa ifatti hayyamamuu baatus kanneen jaalala eegalaniifi wal fudhan turan.
Kaadhimaan hiriyaan Aaddee Astada waliin dulanii fi Abbaan warraa Aaddee Astada ammaa Ministeera Qonnaa hojjatu turan.
Kaadhiimaan hiriyaashee gaaffiidhaaf Sallaa Dingaayi wayita dhaquutti Abbaan manaa Aaddee Astada ammaa isa waliin deemu turen.
''Yeroo dhufuutti na ilaalaa ture. Ani garuu dhimma hin qabuun ture… boodarra Dabra Birhaaniitti karaa nama waliin beeknu tokkootiin wal agarre. Isaan boda wal barre, kotootasaa qabatee dhufe. Baqaa miidhaaniifi bishaan ta'e waliin mana dhaabbanne.''
Waggaa 47f gaa'ilaan jiraataniiru. Ijoollee sadif godhataniiru. Hiriyaashee akka abbaa warraashee waliin wal bartu taasifte sana waliinis ammalleen wal gaafatu.
Aaddee Astada fa'I yeroo Zanatti duulanii kan hojjatan waan bu'aa qabu itti hin fakkaatu ture. Amma waggaa 50 booda deebii'anii yoo ilaalan hojii garii attamii akka hojjatan hubatan.
Ijoolleen isaan amma seenaa waalee duula sanaafi waa'ee Isappaa akka itti himan gaafatu. Aaddee Astadaanis qaama seenaa kanaa ta'unsaanii isaan gammachiisa.

Madda suuraa, KIDIST
Kaka'umsa dhaloota warraaqsaa
Duultiin Sallaa Dingaa kan biraa Aaddee Qiddisti yeroo duulan waggaa 17 turan. Maatiisaaniittiif intala lammaffaafi kan dhumaa turan. Dhalatanii kan guddatanis Dabra Birihaaniitti.
Yeroo Duulli Guddina Gamtaa labsamu reefu kutaa 10 xumuru. ''Yeroos ijoolleen ture. Duulli maala akka ta'e maaltu akka hojjatamu hin beeku ture. Duulaaf yoo labsamu, yoo faaruun faarfamu garuu waantin dhagahu ture. Isa malee yeroonsaa kan jijjiramaa ture.''
Bara 1965 irraa kaasee, (yeroo kutaa 9 ture) wanti guutuu biyyaatti haasa'amu waa'ee jijjiramaati. Aaddee Qidisti itti gaafatamoo ittantuu kutaa sababii turaniif, dureessaniifi ittaantoota kutaalee waliin waa'ee lagannaa barnootaa akka mari'atan kaasu.
Mormiin sirna mootii kuffiisuuf taasifameen erga Dargii aangootti fudeen boda, dargaggoonni abjuunsaanii jijjirama waadaa galame sana hojiirra oolchuu akka ture yaadatu.
Lafa qoonnaan bultootaaf kennisiisuu, barnoota gaheessootaa babal'isuu, Itoophiyaa hawaasaa misoomsuu ture abdiinsaanii. ''Ommee qabna ture. Maal taana jechuun yaadduun hin turre. Maatiin keenya garuu dhiphatanii ture.''
Yeroo atobisiin isaan fuudhu Dabara Birhaan dhaquuttis miira qabsaa'aatiin eegan. ''Haadhooliin keenya achitti bohaa turan. Nuti hin boonye. Meeshaa keenya fe'annee deemne. Ijoollee Finfinnee dursa qaqabniifi hawaasichi yoo nu simatu ammoo caalaa gammadne.''
Uffannaa dambii keenya uffannee hawaasaatti makkamne. Achiinsii itti gaafatamummaa keenya raawwachu itti fufne.
Waa'ee lafa qoonnaan bulaaf kennuu barsiisu. Walgahii hirmaatu. Haaluma kallattii duulchiiftoonni kennaniin yoo rakkoon mudatuutti qonnaan bulaa mariisaa turan.

Madda suuraa, KIDIST
'Ivaakuweeshiin'
Galagala galgala Maarkiisiziim-Leniniiziim qo'atu. Ni mari'atu ni falmu turan. Barattoonni Yunivarsitii ammoo attamiin lafti kan qonnaan bulaa gochuun raawwatana? Kan jedhu barsiisu. Achiniis jijjiramni ''akka eegame miti'' jechuun dudubachuu eegalan.
Gara waggaa tokkoo duula turanii marii galgalaa qo'annaa Maarkisiizimiin eegalameetiin, duulicha gannee haa deemnu gama jedhuutti jijjirame.
Dhoksaan mari;atanii dhoksaan murteessuun icciitiin buufata duulaa gatanii bahan.
''Ivaakuweeti haa goonu jedhame… Konkolaataa guddaa fidanii meeshaa keenya feene. Ijoolleen Dabra Birhaan meeshicha fudhuudhaaf dursinee konkolaataa biraatiin halkan Dabira Birhaan galle. Yeroos eegumsi cimaa sababii tureef halkan hafee guyyaadhaa nama sodaachisa ture.''
Duultoonni irra caalaan hafan Sallaa Dinigaayi irraa hanga Xaamraa Barriitti kiloomeetira 22 kan ta'u halkan dhokatanii miilaan imananii booda konkolaataa kadhataa Dabra Birhaan seenan.
Osoo baayyee hin turiin mootummaan kanneen duula dhiiftanii baatan hanga guyyaa hangasiitti yoo deebiitan malee waraqaa ragaa hin argattan. Hojiilleen hin qaxaramtan, barnoota hin barattan jechuun raadiyoon beeksiisa baase.
Hanga ammaatti xaarree attamiin harka duwwaatti hafna jechuun gara buufata duulaatti deebii'an.

Madda suuraa, KIDIST
Raadiyoo Qidisti
Barriisaa kan waraaqisaa qofaa hin turre. Buufata duulaa Sallaa Dingaayiitti muuziiqaa fi taphini maddii ibidaatu ture.
Duultoonni raadiyoo tokkitii qofa qabu turan. Isheenis kan Aaadee Qidisti. Maqaa isaaniitiin haa waamamtu malee ''kan hundaa turte'' jedhu.
Oduun raadiyoo Itoophiyaa ni dhaggeeffatama. Irra caalaa muuziqaa dhaggeeffatu turan. Duultoonnis waliif muuziiqaa karaa raadiyootiin muuziiqaa filu turan.
''Abalu akkasii, achii dhufe, amantaasaa sanadha, sanyiisaa sana hin jennu. Tokkummaa fi jaalalaan ibidda marsinee sirbina ture.''
Boodarra raadiyiin sun erga mana maatiisaaniitti deebiisanii booda eessa akka geessee hin yaadatan.

Madda suuraa, KIDIST
'Seelii' Ihaappaa
Yeroonsaa kan dargaggoonni salphaatti siyaasaatti hawwatamaniidha.
Aaddee Qidisti duulichaa deebii'anii osoo kutaa 11 barataa jiranuu guyyaa tokko daree keessatti walaloo dhiyeessan.
Walalichi siyaasaa ture. Barsiisaan Amaarifaas yoo kutaadhaa bahan waamaniin. Eeruudhaan akka nama tokko waliin wal argan itti himame. Kanaanis 'seelii' Ihaappaa keessa galan. Garuu jalqabumarratti hidhaman.
''Osoo kutaa 12 qoramuuf jennuun hidhame. Hin qo'adhuun ture. Fedhii siyaasaa malee kan barnootaa hin qabun ture.''
Hidhamanii yoo hiikaman 'siyaasni naaf hin ta'u' jedhanii barnootaatto deebii'an.
Koomeesii galunis akkaawuntiingii qo'atan. Boodarra ammoo dhaabbata miti mootummaa mataasaanii dhaabaniiru. Amma hojii gaggeessituu 'Qin Itoophiyaa'tti.
Aaddee Qidisti ijoollee saanii lamaaniif ''Ani umurii keessaniitti duuleen ture'' jedhuun.
''Ijoolleen koo kitaaba dubbiisaniis kan dhagahaniin 'isin duultanii omaa hin hojjatiin deebiitan' naan jedhu. Garuu baayyee cimoo turtan jedhu.''

Madda suuraa, KIDIST
Poolisiis bulchaas
"Wanti hundi yeroodhuma tokkootti jijjriame. Sochaalizimiini nuti barbaadnuuf dhufe warraaqsi galam gahee, Itoophiyaan dursitee kan agarruu nutti fakkaatee ture'' jedhu Aaddee Qiddisti.
Fadhii jijjiramni har'uma dhufa jedhuu irraa ka'udhaan akka poolisiis akka bulchiinsaas ta'uf yaalanii akka turan yaadatu.
''Yeroo sana hin hubanne. Amma yoon yaadu yeroos hunduu karaa nuti yaadneen haa ta'u jechaa turre... Akka ajajaa aanaas akka poolisiis nu godhaa ture. Waan hunda jijjiruuf kan dhaqane nutti fakkaata ture. Wanti hundi nu ilaallata. Hunda keessa seenuu qabna jechaa turre. Amma yoon yaadu nanaasisa.''
Ejjannoo akkasiitiin hawaasa waliin yeroo tokko tokko ta'us walitti bu'unsaanii hin hafne.
Irra caalaa qonnaan bulaan duultoota akka ijoollee isaatti ilaaluun manatti geessee farsoofi daabboo kennuufiin jaalalaan qabaa turan. Isaaniis roobaafi dhoqqeen qabamne osoo hin jennee barsiisaa turan.
Abbootiifi haadhooliin omaarra ka'uun dubbiisuufi barreessuu yoo danda'an arguun ''hojii ammalleen na gammachiisuudha'' jedhu Aadde Qidisti.
Bagan duulee, bagan seenaa sana keessa jiraadhee nama jechiisiisa.

Madda suuraa, KIDIST
'Jaalala daangaa malee'
Duultoota Sallaa Dingaay keessa kan biraa Dr Geetaachoon yeroo kaan duulaniitti dhukkubsatanii baatii tokkoof mana yaalaa turan. ''Simannaa waanan hin argineef nan gaabba'' jedhu.
Turtii buufata duulaa erga seenaniin boodaatiin kan yaadatan 'jaalala daangaa malee' duultoota jidduu jiruudha. Isaan kaamoii damee Saasiit keessa turan.
Yoo duula Idigat Bahibirat yaadatan, caasaa bulchiinsa buu'uura Itoophiyaa keessatti sadarkaa dhumaa kan ture ganda hundeessuu keessatti gaheen qaban osoohin eeriin hin darban.
Kunis caalaa hawaasaa waliin walitti dhiyeesse. Turtii duulaa waggaa tokkootiin booda duultoota 'ivaakuweeti' godhan keessaa tokko Dr geetaachoodha. Miilaan ture kan kaampiicha keessaa bahanii deeman.
Erga kallattii tokkoon gara Dabra Birhaaniitti yoo deebii'an mootummaan waan shakkuuf duultoonni akka kallattiin adda addaatiin ilaman taasisuun itti gaafatamummaan kan isaaniti.
''Nuti osoo deebiinuu haatikoo boha gahii osoo deemtuu riqicah irratti wal agarre. Baayyee naate. Itti gaafatamummaan duultoota eeguu naaf kenname cimaa waan turef haadha koo yeroo dheeraan booda argulleen daqiiqaa lama caalaa osoon hindubbisiin chaawu jedheenii deeme.''
Erga deebii'anii Dabra Birhaan seenanii booda kanneen maallaqa hin qabne geejiba qabsiisuun gara Finfinneefi kaaniitti ergan.
Osoo baayyee hin turiin booda mootummaa dargii konkolaataa dhiyeessee gara buufata duulaatti isaan deebiise.
Holqa
Duultoonni maatiifi magaala irra fagaatanii waan jiraniif naannicha waliin wal baruun hojiisaanii jalqabaa ture.
Waliin hojjataa, barsiisaa, bashannannaa waliin yeroo dabarsuun yoo dabalu ammoo walitti dhufeenya jaalalaa eegalan.
Walitti dhufeenya jaalalaa yeroo sana isaa jidduutti eegalames gara bara gaa'ilasaaniitti ce'eera.
Dr Geetaachoon akka yaadataniitti, dormiin dubartootaafi dhiirootaa gargaar ta'ulleen, jaalaleewwan karaa ittiin wal argan hin dahabn ture.
Jaalaleewwan buufata duulaatiin alas yeroo itti gara buufa duulaatti itti affeeraman ture. ''Yeroo sana mobaayiliin hin jiru. Jaalalli walitti haasa'uun ibsama ture'' jedhu.
Cimdiiwwan kan garaasaanii waliin haasa'uuf shirishirrii bahu turan.
Naanicha eddoo suluulaa tokkotu ture. Holqi gootoonni durii waraanaaf qotan jira. Holqichis foddaa fi kutaalee garaa garaa qaba.
Cimdiiwwanii fi kanneen jaalalle hin qabne biroos holqa kana ni daawwatu. Dultoonni yeroo tokko tokko gara buufata duulaatti yoo deebii'an 'afuurri natti mul'ateera' jechaa akka turan Dr Geetaachoon ni yaadata.

Madda suuraa, KIDIST
'Duultota budaan nyaate'
Duultonni 'budaan nu nyaate' jechaa turan.
Jiraattoonni naannichaa gara buufata duulaa ni dhufu turan. Qoricha aadaa dultotaaf kennu turan. Achinis ni fayyu turan jedhu Dr Geetaachoon.
''Yeroo sana budaa jedhame ammalleen maal akka ta'e ibsuun ni cima'' jedhu. Mudannoo hin dagannee tokkos qabu.
''...Hiriyaa teenya riifeenshi ishee baayyee bareedu tokkoon budaan si nyaataa haguggadhu jennaanii ture. Guyyaa tokko rifeensha ishee gadhiiftee gabaa baate. Galgala yoo deebiinu 'rifeensakoo gubaa' jechuun iyyuu egalte. Jiraattoota naannichaa waamne qoricha 'budaa' kennaniif. Intalli sun dhiheenya kana du'aan nurraa adda baaye.''

Madda suuraa, KIDIST
Loltuu dhukaasee eegee saree rukute
Guyyaa tokko osoo buufata duula Saasiit jeranuu homaan saree itti dhufe.
Loltuun duultoota akka eeguuf ramadameen maaloo 'dhukaasii nu baraari' jennee gaafanne. Loltuun kun dhukaasu, dhukaasu hin milkoofne.
''Eegee saree tokko qofaatu rukutame. Aciin 'ati omaa hin taatu' jennee meeshaa harkaa funee gara buufata mummeetti ari'anne.''
Duultoonni saroota caalaa kan sodaatan shiftootadha. Shiftoonni naannoo biraa irraa wayita dhufaniitti ummanni naannichaa duultoota ni akeekkachiisu.

Madda suuraa, KIDIST
Bara raadiyoo
Dr geetaachoon fa'i Sallaa Dingaayii Saasiiti, Saasitii Sallaa Dingaay ykn milaan ykn konkolaataan imalu turan.
Yeroosaanii kan dabarsan kitaaba dubbisuudhaan, marii siyaasaa taasisuufi raadiyoo dhaggeeffachuu ture.
Maarkiisiiziim Leeniiniiziiniin alatti asoosamawwan akka 'Fikir iska makabiri, Kadmaas Baashaagar fi kaan dubbisu.
Raadiyoo Itoophiyaa fi raadiyoo sagalee Jarmaiitu dhaggeeffatama. Oduu biyya alaatiis ni hordofu.
''Raadiyoon Filiipsii birrii 60 hanga 70n ni argama ture. Waan kan ittiin rarraafamu qabuuf qabannee imalla turre'' jechuun yaadatu.
Duultoonni erga 'ivaakuweet' godhanii deebii'anii booda, kallttii siyaasaa fi ejjannoo jijjiranii akka turan dubbatu Dr geetaachoon.
Isaanis Ihaappaatti makaman. Buufata biraa irraa odeeffannoo qaqabsiisuun yoo barbaachise, qaamaan ergamu ture. Odeeffannichis bakka bu'oota Ihaappaa ykn Masi'oon bira geeffama.
Yeroo sanatti moobaayiliin sababii hin jirreef siyaasa bira darbe jaalalas poostaan taasiseera.

Madda suuraa, KIDIST
Jaalala Eroogiraamiin
Dr getaachoon erogiraamii akka addaatti yaadatu. Erogiraamii saantiima 10niin, teembita saantiima 5niin butu turan.
''Erogiraamittiin magariisa adiidha, diriirsanii irratti barreessu... qalloofi kan bakka sadiitti dachaatuudha. Ofummaan kan saamsaniin qabdi. Yoo maatiifi jaalalleedhaaf barreeffamu 'staayiliin' ni jijjirama.
Xalayaan jaalalaa kan kalaqaan guutame waan ta'ef, jaalalleef yoo barreeffamu erogiraamittii naanneessaa giingoon barreeffama.
'Fageenya akka samii, baayyina akka cirrachaa, ho'a akka aduu...' jedhamee eegalam jaalala ibsuudhaaf. Daraaraa, onnee suuraa kaasuu fi boca onneetiin fakkii kaasanii jidduusaatti eboo kaasuun kan barame ture.
Yoo bakka fagoo ta'e ammoo erogiraamicha adaraadhaan karaa poositaatiin ergama. Yoo bilbila bilbiluun barbaachise ammoo buufata telekomunikeshinii dhaqamee dabareen eeggatama.
Yoo dabareen isaan gahu qabannaa bilbilaa kaafta. Bilbila sararaa waan tureef iyyaatii haasa'ama ture. Kan maddi jiru waan dhagahuuf icciitii dubbachuuf hin mijatu ture.

Madda suuraa, KIDIST
Dararaa yeroo sanaa
Dr geetaachoon yeroos kan duulan kutaa 11 irraa ture. Duulaa deebii'anii ALI bara 1966tti yeroo kutaa 12 xumuraniitti yeroo dhuma Qayi shibbirii ture.
Erga koolleejii Kotabee seenaniin booda hidhamanii ture. Hiikamanii barnootasaanii xumuran.
Buufataalee duulaa adda addaa irraa kan lolaadhaan fudhataman, kanneen walitti buu'insa ykn shiiftaadhaan ajjeeffaman akkasumas eessa buuteen isaanii kan hin barane akka turan ni yaadatu.
Wal ajjeechaa siyaasaa bara sanaa, hongee bara 77 fi baricha waliigalaa yoo yaadatan, ''akka qormaataattan ilaalaa'' jedhu.
Waa'ee hongee yoo himamu malee arganii hin beekan ture. Dararaan bara 77 argan akka ilaalchasaanii hanga dhummaatti jijjire dubbatu.

Madda suuraa, KIDIST
Dr geetaachoon ammaan tana Yunivarsitii Finfinnetti kutaa Afaan Amaaraa keessa barsiisu.
Duultoota keessaa ittaanaa pirezidantii yunivarsitii, koloneela, dooktar, daldalaa kan ta'an jiru. Barsiisuu oggummaan baayyee jaaladhuudha jedhu Dr Geetaachoon.
''Barsiisaa amaadha'' ofiin jedhu. Barattoonni isaanii garuu hanga ammaattuu hiriyaasaaniiti.
Abbaa ijoollee lamaa kan ta'an barsiisaan kun, ''ijoolleen afuuraakoo garuu baayyeedha'' jechuun barattoota isaanii ibsu.
Waa'ee milkaa'inaa fi gammachuu yoo dubbatan osoo waa'ee barsiisummaa hin kaasiin hin daban.

Madda suuraa, KIDIST
Dhaloota sana...
"Dhaloonni sun irra caalaa biyya biyya jedha ture'' jedhu Dr Geetaachoon.
Dhaloonni isaanii kaayyoo itti amanee hanga dhumaatti akka qabsaa'u amanu.
''Anis yeroos ammas waanan itti amane hanga kamiittu deemuun danda'a. Jalqabee osoon hin xumurree adda hin kutu. Kaayyoof dhaabbachuun waadaa saanii cimaadha.''
Waggaa 50 boodeetti deebii'anii yoo waa'ee duula Idigati Bahibirati yaadatan, qonnaan bulaan caasaa hawaasummaa duraan qabu keessaa bahee akka jijjiramu taasifameera jedhanii amanu.
''Hanga eegamu ta'u baatulleen jijjiramni jira. Qonnaan bulaan gaaffii kaasuu akka danda'u kan itti bare ture. Kan ajajaman hojjachuu keessaa bahee gaafachuu danda'uun waan guddaadha.''

Madda suuraa, KIDIST
Duultonni waggaa 50n booda
Addee Astada, Aaddee Qidisti fi Dr geetaachoon yoo Idigat Behibirati yaadatan, kan wal wlaii yaaduu itti baranneedha jedhu.
Waliin hojjachuu, waliin jiraachuu, jaalalaa fi wal danda'uu idigati behibrati irraa argatan.
Waggaa 15 dura yeroo jalqabaatiif kan wal argan Finfinnee 'Poolisii Kibabii' keessatti ture. Achinis yoo dhukkubsatan wal gaafachuu, du'a walii gahuu itti fufan.
Bara kanatti ammoo yaadannoo waggaa 50ffaa duula Idigat Bahibirati galma Finfinneetti gaggeeffatan.
Aaddee Astadaan yeroo namoota waliin duulan waliin wal arganiitti kan tokko dagate kaan yaadachiisuun akka taphatan dubbatu.
Dr geetaachoo hiriyoota waliin duulan argachuun yaaddannoon booddeetti isaan deebiisa. ''Sararri yaadannoo deebiisee si'ooma'' jechuun ibsu.
Aaddee Astadan ammoo seenaan jaalalaa yeroo sana dhokatanis akka ifa bahan dubbatu.
''Duultoonni yeroos wanti dhoksaan raawwataa turan amma ni baha. Nyaata ayyaanaaf hojjatame halkan seenanii nyaachuusaanii dubbatu... ni dinqiisiifanna, ni kofalla.''












