Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ji'oota 18 keessatti konkolaachiftoonni konkolaataa fe'umsaa 40 yoo ajjeefaman, 200 ol ammoo madaa'aniiru
Waggaa tokkoo fi ji'a ja'a darban keessa konkolaachiftoonni konkolaattota fe'umsaa daangaa ce'an 40 yoo ajjeefaman, kanneen 200 ol ta'an ammoo madaa'uusaanii Waldaan Konkolaachistootaa tokko BBC'tti hime.
Waldaan Konkolaachiftoota Daangaa Qaxxaamuraa Itoophiyaa naannolee biyyattii walitti bu'iinsaan miidhaman keessatti haleellaan konkolaattota fe'umsaa fi konkolaachiftootasaaniirratti raawwatamu baay'achuu ibseera.
Lakkoofsi ajjeechaa fi miidhaa konkolaachiftootaa kan Waldichi argatee fi mirkaneessuu danda'erratti hundaa'uun kan qophaa'edha.
Dura taa'aan Waldichaa Obbo Yohaannis Taamraat akka jedhanitti, kanaan dura konkolaachiftoonni butamanii gadhiisuuf maallaqni gaafatamaa kan ture yoo ta'u, yeroo dhiyoo asitti garuu konkolaachiftoonni nagaa "konkolaataasaanii keessa akkuma marii qabatanii jiuranitti" ajjeefamaa akka turan himu.
''Sababa kanaan konkolaachiftoonni ogummaasaanii jibbanii fi hojiisaanii dhiisanii deeman baay'achaa dhufeera,'' jedhan.
Obbp Yohaannis haleellaan kun irra caalaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti kan raawwatamu yoo ta'u, bakka humnoonni mootummaa gareewwan hidhatan waliin wal lolaa jiran keessatti ta'uu hubachiisaniiru.
Kana malees, tibbana naannoo Amaaraa magaalaa Addis Zaman keessatti konkolaattota humnoota tikaa mootummaatiin ajjabamanii deeman irratti dhukaasa banameen konkolaachisaan tokko lubbuun isaa darbuu dubbataniiru.
Torban darbe Kamisa A L I Hagayya 22, 2017 konkolaattonni fe'umsaa lama kanneen godina Gojjam Bahaa man-kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Giyoon irraa midhaan fe'uuf ganda "Innajmaa" seenan namoota qawwee qabaniin ibiddaan gubachuun, konkolaachiftoonni fi gargaartotasaanii guyyootaaf butamanii akka turan jiraataan naannoo sanaa tokko BBC'tti himeera.
Jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan yoo ta'u, ''xaa'oon naannoo sanatti yeroon erga darbee booda dhufuusaatiin midhaan naannoo sanaa akka hin fe'amne'' jechuun mormiin ka'uu kan yaadachiisan jiraataan kun, haleellaan kun kan raawwatame konkolaattonni kunneen humnoota tikaa mootummaatiin ajjabamanii osoo jiraniiti jedhu. Jiraataan kun yeroo sanatti dhukaasa walitti deddeebisuun akka tures dubbataniiru.
"Hidhattoonni kunneen konkolaattonni biroo akka hin deebineef midhaan fe'amee ture erga irraa buusanii booda konkolaattota kana guban."
Sababa hidhattoonni adda addaa naannoo sanatti argamaniif haleellaa kana eenyu akka raawwate dubbachuun rakkisaa ta'uu kan himan jiraataan kun, konkolaachiftoonni garuu "hidhattoota Faanoo" jechuun komatu.
Akka jiraataan kun jedhutti, bakki haleellaan kun itti raawwatame magaalaa Dajanirraa gara kiiloo meetira 26 kan fagaatu yoo ta'u, naannoo sanatti kaampii humna tika mootummaatu jira.
Hogganaan Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Ghiyoonis konkolaataasaanii lamarratti haleellaan akka raawwatame mirkaneessaniiru. Haata'u malee, hogganaan kun "nageenya kootiif nan sodaadha" jechuun waa'ee taatee kanaa bal'inaan ibsuu dideera.
Haleellaan konkolaattota fe'umsaa fi konkolaachiftootasaanii irratti raawwatamu naannoo Amaaraa, Matammaa, Humaraa, Addis Zaman, akkasumas daandii Woldiyaa irraa gara Gondarii i Baahir Daaritti geessuurratti baay'inaan mul'ata. Akkasumas, naannoo Oromiyaatti, Matahaaraa, Walanciitii, fi daandii Finfinnee-Goojam irratti irra deddeebiin akka raawwwatamu akka dura taa'aan Waldaa Konkolaachiftoota Konkolaataa Fe'umsaa Yohaannis dubbatanitti.
Mootummaan haleellaa naannoo Oromiyaa Walanciitii fi Matahaaraa keessatti raawwatamu humna nageenyaa bobbaasuun to'achuu danda'us, haleellaan naannoo Amaaraatti hammaatee itti fufeera jedhan.
Obbo Yohaannis haleellaawwan kunneen hidhattootaan kan raawwataman ta'uu ibsuun, haleellaa kanaaf namni itti gaafatamummaa fudhate akka hin jirree fi eenyummaa hidhattoota kanaa akka hin beekne himaniiru.
"Haleellaan kun akkamitti akka dhaabbatu hin beeknu; dhaabbilee mootummaa waliin haasa'aa jirra," jedhan.
Waldaan Konkolaachiftoota Geejjibaa miseensota gara 1,000 kan qabu yoo ta'u, miseensonni isaa Keeniyaa fi Jibuutii dabalatee biyyoota ollaa irraa boba'aa, xaa'oo fi meeshaalee biroo fe'uun deddeebisu.
Pirezdaantiin Federeeshinii Hojjechiistota Geejjibaa Itiyoophiyaa Obbo Birhaanee Zerums haleellaan damee geejjibaarratti keessumaa konkolaattota fe'umsaa fi konkolaachiftootarratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaarra ga'uu ibsaniiru.
Nageenyi seektara kanaa akka hin miidhamneef mootummaan itti gaafatamummaa akka fudhatu dhiibbaa gochaa akka jiran kan himan Obbo Birhaaneen, kanaan walqabatees xalayaa Mana-Maree Bakka Bu'oota Ummataaf barreessuusaanii eeraniiru.
"Dhimmi kun xiyyeefannoon kan hin ilaalamne yoo ta'eefi nageenyi daandii kan hin eegamne yoo ta'e, konkolaachiftoonni hojiisaaniif kutannoon qaban gaaffii keessa galuu mala" jedhan.
Hoji-gaggeessaa Dhaabbata Tola-ootota Konkolaachiftoota Itiyoophiyaa kan ta'an Taklee Shifarraw haleellaan bakka adda addaatti raawwatamaa jira jedha. "Rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mul'atuun konkolaachiftoonni, keessumaa naannoo Amaaraa keessa bilisaan konkolaachisuu hin dandeenye; fe'umsa isaanii sirnaa fi yeroon geessuuf rakkachaa jiru," jedhan.
Obbo Taklreen akka jedhanitti, dhiheenya kana konkolaataa Jibuutiirraa boba'aa fe'ee ture irratti dhukaasa banameen konkolaachisaan tokko du'uu isaa ibsaniiru.
Konkolaattonni Jibuutiirraa boba'aa fe'an irra caalaan isaanii naannoo Gaashenaa fi Geregeraa Baahir Daarii fi Gondar akka seenan, haleellaan kun kan raawwatame kibba Gondar naannoo Geregera jedhamutti ta'uu ibsaniiru.
"Sababni isaas saamichi baay'achuu isaati" jechuun mootummaan nageenya cimsee konkolaachiftoonni hojii isaanii akka raawwatan akka taasisu gaafataniiru.
Haleellaa konkolaachiftoota naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti raawwatamu ilaalchisee aanga'oota naannichaa qunnamuuf yaaliin BBC'n godhe hin milkoofne.
Gareen hidhattootaa naannolee kanneen keessa socho'anis haleellaawwan kanneen keessatti hirmaannaa akka hin qabne kan haalan yoo ta'u, himannaa haleellaa otoobisoota geejjibaa ummataa fi konkolaattota gurguddaa irratti raawwatame irra deddeebiin haalaniiru.
Dhiheenya kana naannoo Amaaraa, godina Gondar Lixaatti, "haleellaa karoorfameen" yoo xiqqaate konkolaachiftoonni 16 ajjeefamuu fi lakkoofsi isaanii kan hin beekamne ammoo butamuusaanii bulchiinsi naannoo fi waldaan konkolaachiftootaa beeksiseera.
Konkolaachiftoonni ajjeefaman irra caalaan isaanii konkolaachiftoota konkolaataa fe'umsaa Jibuutiirraa xaa'oo geejjibanii fi humnoota tikaan ajjabamanii yeroo deemaan turan ta'uun gabaafameera.
Bulchiinsi godinaa waa'ee haleellaa kanaa ibsa bal'aa baaseen, haleellaan kun "karooraan, itti yaadanii fi dursanii kan yaadame" humnoota ittisaa fi humnoota nageenyaarratti kan raawwatamedha jechuun ibsuun, konkolaachiftoonni kunneen akka ajjeefaman beeksiseera.
Kanaaf, hidhattoota naannoo sana keessa socho'an, kanneen "gara jabeeyyii" jechuun waaman komateera.