Ameerikaan himata ajjeechaa eegdotni Sa'udii lammiilee Itoophiyaa irratti raawwatan beekaa calliste jedhu haalte

Baqattoota baha Afriikaa gara Yemeniitti

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan himannaa ajjeechaaeegdoonni Sawudii lammiilee Itoophiyaa irratti naannoo daangaa Yamaniitti raawwatame osuma beektuu mootummaa Sawudii ifatti balaaleeffachu dhabuu isheen qeeqamu haalte.

Barruun 'New York Times' gabaasa Sanbata darbe baaseen, Ameerikaan ajjeechaa godaantota Itoophiyaa irratti humni nageenyaa Sawudii raawwataa ture erga bara 2022 jalqabuun beekti, garuu ‘ni calliste’ jedhe.

Dhaabbanni Mirga Namoomaaf falmu Humaan Raayitsi Waach [Human Rights Watch] humni eegdota daangaa Sawudii godaantota Itoophiyaa Yaman irraa Sawudiitti ce’aa turan irratti dhukaasa meeshaa gurguddaa banuun ajjeesuu ibse.

Erga gabaasni kun bahee Ameerikaafi UN ajjeechichaa balaaleffachuun qorannoon ifa tahe akka gaggeeffamuuf gaafataniiru.

Mootummaan Itoophiyaas mootummaa Sawudii waliin tahuun dhimmicha akka qoratu karaa Ministera Dhimma Alaa isaa ibseera.

Gama biraan gabaasni New York Times, Waashingitan michummaa ishee eegsisuuf jecha sarba mirga namoomaa mootummaa Riyaadiin raawwatu osoo ilaaltuu calliste jechuun qeeqa.

Biyyattiin himata kana haaluun eegdota daangaa Sawudii ajjeechaa raawwachuun himatamaniif deeggarsa maallaqaas tahe shaakalaa akka hin kennine himtee ture.

Ministeerri Dhimma Alaa US, himata kana haaluun Sawudii waliin akka dubbataa jiranii fi qorannoon iftoominaa qabu hatattamaan gaggeeffamuu akka qabu waliin dubbachuu ibse.

Dhaabbanni Mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitsi Waach ragaa ajjeechaa lammiilee Itoophiyaarratti humna eegdota daangaa Sawudiin raawwate torbanoota darban keessa baase.

Ameerikaan hariiroo Sawud Arabiyaa fi Israa’eel fooyyessuuf jecha sarbama mirga namoomaa kana osoo ilaaltuu callisuu akeeke.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni mirga namaaf falmu Humaan Raayitsi Waach ibsa Hagayya 21, 2023 baaseen, godaantoota daangaa qaxaamuruuf yoo yaalan eegdootaan ajjeeffaman keessaa irra jirreessi lammiilee Itoophiyaati.

Godaantonni qaamni isaanii sababa rasasaan muramee akka jiraanii fi reeffa namootaa daandii irratti hafe arguu namoonni BBC dubbise himaniiru.

Sa'udii Arabiyaan kanaan dura ajjeechaan karooraan raawwatameera jechuun himata irratti dhiyaate haaltee turte.

Gabaasni Humaan Raayitsi Waach (HRW) mata duree They Fired On Us Like Rain (Rasaasa akka bokkaatti nurratti roobsan) jedhuun ba’e, godaantoti daangaa kaaba Yaman Sa’udii Arabiyaa waliin qabdu irratti, poolisii fi loltoota Sa’udiitiin rasaasaan rukutamuu fi yeroo tokko tokko ammoo meeshaa dho’uun akka irratti xiyyeeffatame irratti raagaa ba’uun waan dubbatan of keessaa qaba.

Godaantonni addatti BBCn dubbise yemmuu halkaniin daangaa qaxxamuruuf imalaa turanitti, dubartootaa fi daa’imman hedduu dabalatee lammilee Itoophiyaa hedduu jireenyaa isaanii fooyyesuuf jecha gara biyya boba’aan dureetti taatetti seenuuf yemmuu yaalanitti dhukaasi irratti banamuu himaniiru.

Waxabajjii bara darbe keessaa gartuu godaantota 45 ta’anii utuu daangaa ce’uuf imalanii gariin isaanii dhukaasa irratti banameen ajjeefamuu isaanii baqataa BBC dubbise himeera.Mootummaan Sa’uudii himannaa kana sirritti akka ilaalu ibsuun, ajjeechaan kun karooraa ykn bal’inaan kan raawwatamedha jechuun kan UN ibse garuu kuffiseera.

Mootummaan, "odeeffannoo daangeffamea kenname irratti hundaa'uun, aanga'oonni biyyatti odeeffannoo ykn ragaa himannaa kana mirkaneessu ykn dhugaa taasisu hin arganne" jechuun deebii kenneera.