Festivaalli barreessitootaafi dubbistoota walitti fide Finfinneetti eegale

Festivaalli barreessitootaa fi dubbistoota walitti fide Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale.
Festivaalli aadaa dubbisuu guddisuurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinnee, Giddugala Egzibiishiniitti Jimaata Waxabajjii 5 eegale hanga Dilbataa itti fufa.
Festivaalichi Biiroo Aadaa, Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinneetiin kan qophaa’e yemmuu ta’u, dhaadannoo “Dubbisa ijaarsa dhalootaaf” jedhuun adeemsifamaa jira.
Sagantaa yeroo saglaffaaf adeemsifamaa jiruu fi guyyoota sadiif turu kanarratti namoonni kitaabilee gurguran, barreessitoonni, ogeeyyiin manneen kitaabaa, barattoonnii fi maatiinsaanii akkasumas kutaaleen hawaasaa biroo hirmaachaa jiru.
Biiroo Aadaa, Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinneetti Itti Aanaa Biiroofii Hogganaa Damee Aadaa kan ta’an Obbo Asfaaw Kumaa, “Waqtii gannaa barattoonni yeroosaanii tapharrattii fi iddoowwan hinmalletti dabarsuurra dubbisuudhaan of gabbisaa waqticha yoo dabarsan barnootasaaniirratti bu’aa-qabeessa akka ta’aniif isaan gargaara,” jedhan.
Dabalataan kaayyoon festivaala kanaa aadaa dubbisuurratti hubannoo uumuu akka ta’e BBC’tti kan himan Obbo Asfaaw, “Keessattuu daa’imman miidiyaa hawaasaarratti xiyyeeffatan akkasumas fiilmiiwwan keessattuu biyyoota dhihaa ilaaluurratti xiyyeefatan dubbisuunis barbaachisaa akka ta’e akka hubataniifi” jedhan.
“Festivaala kanarratti manneen kitaabaa kitaabota gurguran hedduu hirmaatanii jiru. Barreessitoonnis ni jiru” kan jedhan Obbo Asfaaw, festivaalichi bittaaf gurgurtaa kitaabilee kan si’eessu akka ta’es himaniiru.
Barreessaafi gorsaa biznasii kan ta’an Obbo Warqina Wandimmuus kunneen festivaalicharratti hojiileesaanii dhiyeessaa tokko yemmuu ta’an, “Festivaalichi hojii hojjedhe ummata kiyyatti agarsiisuudhaaf carraa naaf uumera” jedhaniiru.

Festivaalawwan kanaan dura taasifaman irrattillee hirmaachaa turuu himuun, “Yeroo baay’ee asitti namoota gurguddaa biznasii hojjetaniin walbaruudhaan sana booda hojiilee garagaraa waliin hojjechuudhaaf carraa argadheera” jedhaniiru.
'Xiqqaachuu aadaa dubbisuu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lakkoofsi barattoota qormaata bahumsaa dhaabbilee barnoota olaanoo darbanii xiqqaachuu aadaa dubbisuun kan walqabsiisan immoo Pirezidaantii Waldaa Barreessitoota Itoophiyaa kan ta’an Obbo Aabbaraa Addaamuuti.
“Keessattuu yeroo dhiyootii as sirni barnootaa keenya dubbisarraa gargar kan bahe fakkaata. Barsiisaanis barataanis hindubbisan.
''Dubbisuu dhabuurraan kan ka’e barataan barnoota waggaa afur yookiin shan barate (yeroo qoramutti) 50% darbuu dadhabee dargaggoonni baay’een gara iddoo hinbarbaachisnetti deemaa jiru” jedhan Obbo Aabbaran.
“Waldaan keenya maddi rakkoolee keenya harka caalmaa hanqina beekumsaatti jedhee amana” kan jedhan Obbo Aabbaran aadaa dubbisuu guddisuurratti xiyyeeffachuun hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Komiin ‘dhalootni dubbisu hinjiru’ jedhu sirrii akka hintaane kan himan hoggantuun Biiroo Aadaa, Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Dr. Hirut Kaasaaw immoo, “manneen kitaabaa magaalaa Finfinnee keessa jiran deemtanii osoo daawwattanii haalawwan dhalootichi dubbisaa jiraachuusaa ragaa bahan agarra” jedhan.
Haa ta’u malee, aadaa dubbisuu caalmaatti guddisuuf kitaabileen ammayyaa yeroosaanii eeggatan akka jiraatan gochuun akka barbaachisu himaniiru.












