Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Baahirdaaritti daangaan yeroo sochii fi dhorkaawwan biroon labsaman
Magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahirdaar keessatti jiraattotaa fi konkolaattota irratti daangaan yeroo sochii fi dhorkaawwan biroon kaa’aman.
Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa erga eegalee waggaa tokkotti siqaa jiru kanaan walqabatee kan hundaa’e- Manni Maree Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar, Dilbata kaleessaa (Adoolessa 28, 2024) wayita dhorkaawwan kunneen labsu rakkoo nageenyaa magaalattii furuuf akka ta’e eere.
Bu'uura kanaan magaalaa Baahirdaar keessatti galgala sa'aatii 3:00 irraa kaasee hanga barii sa'aatii 12:00tti sochii namootaa fi konkolaattotaa irra uggurri kaa'ameera.
Uggurri sochii kun konkolaattota qaamolee nageenyaa, ambulaansii fi konkolaattota balaa abiddaa kan hin ilaallanne ta'uu kan ibse mana maree nageenyaa , konkolaattonni kunneeniifi kanneen biroonis yeroo kamiyyuu humnoota nageenyaatiin akka sakatta’aman hubachiise.
Qabiinsa meeshaa waraanaa ilaalchisee, miseensota humnoota nageeyaa fi kanneen hojii nageenyaa irratti bobba’aniifi hayyamni sochii kennameef malee meeshaa waraanaa qabachuun dhorkameera.
Miseensonni humna nageenyaa yeroo hojiitti hin bobbaafamnetti meeshaa waraanaa qabatanii socho’uu akka hin dandeenyes ibsameera.
Ibsi Manni Maree Nageenyaa Magaalaa Baahir Daar baase kun, rakkoolee magaalattii keessa jiran wantootni "hammeessaa jiran" adda baafamuu eeruun, "rakkoon irra caalaan gargaarsa bajaajiin kan uumamuudha" jedha.
Kanaaf, konkolaattota biroo irraa haala adda ta’een, bajaajonni magaalaa Baahirdaar keessatti tajaajila geejjibaa bal'inaan kennan, galgala sa’aatii 12:00 hanga ganama sa’aatii 12:00 gidduutti akka hin hojjenne dhorkamaniiru.
Baajoonni kunneen golgaa keessoo isaanii haguugee dhoksu akka buqqisan, kallattii irra ramadaman qofa akka socho'anii fi ragaa eenyuummeessaa ykn taagii haaraa waajjira geejjibaa magaalichaatiin isaaniif kenname akka maxxansan seerri haaraan kun ajajeera.
Abbootiin qabeenyaa Baajaajiis konkolaachisaa qacaranii ykn kireeffatanii kan hojjechiisanis yoo ta'e kontiraata isaanii poolisii fi waajjira geejjibaa magaalichaatti beeksisuu akka qaban dirqamni irra kaa'ameera.
Nageenyaa fi tasgabbii magaalattii fooyyessuuf jecha doqdoqqeen yeroo hin murtoofneef akka hin sochoone Manni Maree Nageenyaa Magaalichaa labseera.
Namootaa fi konkolaattota uggura sochii fi dhorkaa kaa’ame cabsan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu fi itti gaafatamummaa seeraa kan hordofsiisu ta’uus seerri haaraan kun eereera.
Akkasumas, namoonni meeshaa waraanaa qabatanii deemuun faallaa uggura kanaa ta'anii argaman meeshaan waraanaa isaanii akka irraa fudhatamu ibsameera.
Waldhabdeen humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faanoo gidduutti naannoo Amaaraa iddoowwan hedduutti erga ka’ee waggaa tokko ta'eera.
Bara darbe gara xumuraa irratti hidhattoonni Faannoo magaalaa Baahirdaar dabalatee magaalota naannochaa hedduu to’annoo jala oolchuutti dhihaatanii wayita turan naannocha keessatti dhiphina guddaan uumamee ture.
Yeroo sanatti gaaffii bulchiinsa naannichaa hordofuun mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa labsuun, humni ittisaa naannoo Amaaraatti bobbaafamee magaalota to’achuu fi seera kabachiisuu eegale.
Labsiin yeroo hatattamaa naannichatti ji'oota 10f hojiirra oolaa ture Caamsaa darbe kan xumurame yoo ta'u, waldhabdeen humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu jiru garuu naannoo Amaaraa naannoo adda addaatti itti fufee jira.