Jijjiirraa taphattootaa Awurooppaa har'aan waan odeeffamaa jiru

Maarkus Raashfoord

Madda suuraa, Getty Images

Maanchistar Yunaayitid Maarkus Raashfoord kan amma ergisaan Aston Viilaa jiru, Jaadon Saanchoo kan amma ergisaan Chelsii jiruufi Antoonii kan amma Riyaal Beetis jirugurguruuf kaayyoo akka qabu himamaa jira.

Taphataan sarara duraa kilaba bara kana Piriimer Liigii keessaa bu'e Ipsiwiich Liyam Deelaap Maanchester Yunaayitid fi Cheelsii waliin dubbachaa jira. Jifataan Leester Siiti Jaamii Vaardiin ammoo xiyyeeffannaa Vaaleenshiyaa keessa galeera.

Bara kana qabxii dhabuurra darbee bu'uuf qarqararratti rarra'ee xiqqoof kan oole Maanchester Yunaayitid, ganna dhufu kana of ijaaruuf yaadaa jira.

Kilabni kun taphattoota ergisa kennee jiru keessaa taphataa sarara fuulduraa Ingilaand Maarkus Raashfoord, ganna 27, fi Jaadon Saanchoo, ganna 25, akkasumas taphataa sarara cinaa Biraazil Antoonii, ganna 25, gurguruuf dursa kenneera. (Manchester Evening News)

Xumura Waancaa Shaampiyoons Liigii Awrooppaaf dhiyaatee kan kufe Maanchester Yunaayitid kilaba Amballii isaa Biruunoo Fernaandeez fudhachuuf gaafatu kamiyyuu dideera. Kilabiin Sa'ud Arabiyaa Al-Hilaal taphataa sarara gidduu lammii Poorchugaal ganna 30 kana Club World Cup dura mallatteessisuuf fedhii guddaa agarsiisee ture. (GiveMeSport)

Kana malees, Maanchistar Yunaayitid taphataa sarara ittisaa lammii Nezerlaand ganna 25 ta'e Taayirel Malaasiyaa kan bara kana ergisaan PSV deemee waancaa injifate gurguruuf jira. (Manchester Evening News)

Taphattoota ergisaan jiran kanneen gurguruun Ruuben Amoorim baajata jijjiirraa ganna kanaa paawondii miliyoona 100 ni qabaata jechuudha.

Kibxata darbe xumura Awurooppaa Liigii Tootinaamiin mo'amus, deeggarsa cimaa Maanchistar Yunaayitid qaba leenjisaan kun. (Guardian)

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan sarara fuulduraa buleessi Leesteer Siitii fi garee biyyaalessaa Ingiliiz Jaamii Vaardii kan umuriin isaa ganna 38 ta'e Kilabiin Ispeen Vaaleenshiyaan xiyyeeffannoon kajeelaa jira. (Sun)

Niwukaastil Yunaayitid Baarseloonaa fi Riyaal Maadriid mo'atee harkaa fudhachuun taphataa sarara fuulduraa Ispeen ganna 18, Antooniyoo Kordeeroo Maalaagaa irraa mallatteessifatera. (Chronicle)

Taphataan sarara fuulduraa Ipsiwiich Taawon umuriin isaa ganna 22 Ingiliiz Liyam Deelaap Cheelsii fi Maanchistar Yunaayitid waliin haala ganna kana jijjiirraa taasisuu danda'u irratti mari'ateera. (Fabrizio Romano karaa CaughtOffside,)

Eessumni Viktor Gyokeres akka jedhutti, taphataa sarara fuulduraa lammii Siwiidin umuriin isaa ganna 26 ta'e ganna kana Maanchistar Yunaayitid fi Arsenaal fudhacuuf kajeelaa jiraatanis isaan mo'achuun fedha jechuun tapha irbaata maatii isaanii irratti dubbate. Kun dhugaa ta'aa kan teenyee ilaallu ta'a. (Sun)

Tootenhaam Awurooppaa Liigii injifachuun booda taphataa sarara ittisaa Kiristaal Paalaas fi Ingilaand ganna 24 Maark Guhii ganna kana akka isaanitti makamu amansiisuuf yaalaa jira. (GiveMeSport)

Dura taa'aan Tootenhaam Daani'eel Leeviin erga kilabichi Awurooppaa Liigii injifatee booda haasawa taasisaniin kan galateeffatan yoo ta'u, waancaan kun Ispeers 'karaa gara caalutti' kaa'uu danda'a jedhanii amanu. (Metro)

Notingihaam Forest taphataa sarara fuulduraa Ingiliiz ganna 17 Leesteer Siitii Lorenz Hutchinson fudhachuuf adeemsa jiru hordofaa jira. (Mail), kan alaa

Taphataan sarara fuulduraa Ispeen duraanii Liivarpuul Albart Riyeraa ganna 43 leenjisaa Haal Siitii itti aanu ta'uuf dorgomaa adda dureedha. (Talksport)