Gamtaan Awurooppaafi Meeksiikoon taarifa Tiraampiin mufatan

Pirezidant Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gamtaan Awurooppaa tarkaanfii deebii kennuuf dhaadateera

Pirezidant Tiraamp taarifa 30% Gamtaa Awurooppaafi Meeksiikoorratti kaa'uuf dhaadatan.

Haa ta'u malee, Gamtaan Awurooppaafi Meeksiikoon yaada Tiraamp kana mormuun mufii ibsani.

Meeksikoon yaadi Tiraamp dhiheessan ''sirrii miti'' jechuun ibsitee, dhimmi birmadummaa ishee kan mariif dhihaanne ta'uu beeksiste.

Gama kaaniin, Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awuroppaa Ursulaa von der Leyeen yoo barbaachisaa ta'e ''tarkaanfii deebii madaalawaa'' ta'e fudhachuuf dhaadataniiru.

Haa ta'u malee, lamaanuu US waliin marii taa'uuf fedha akka qaban ibsaniiru.

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp biyyoonni kunneen yoo haaloo bahuuf sosso'an oomisha US galchan irratti qaraxa dabalataa akka kaa'an akeekkachiisaniiru.

Pirezidant Tiraamp torban kana oomisha Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Kanaadaafi Biraazil irratti taarifa baatii itti aanu eegale hojiirra oolu ifa godhaniiru.

Xalayaa gaafa Jimaataa Tiraamp Pirezidantii Komishinii Gamtaa Awurooppaaf barreessaniin akkana jedhan:

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Gamtaa Awurooppaa waliin dhimma hariiroo daldalaarratti mari'achuuf waggoonni turan.

''Amma sababa taarifa keessan, akkasumas imaammata daldalaa, imaammata daldalaan ala, fi danqaawwan daldalaa keessaniin wal caaltee daldalaa dhuferraa fagaachuu qabna.''

''Haala nama gaddisiisuun hariiroon keenya kan waloo miti,'' jechuun katabaniif.

Pirezidant Tiraamp miidiyaa Fox News waliin turtii taasisaniin biyyoonni tokko tokko ''amma baay'ee mufataniiru'' jechuun dubbtaniiru.

Ta'us, taarifni bu'aa ''dolaara biiliyoona dhibbaan lakka'amu argamsiisaa'' jira jechuun himan.

Tiraamp irra deddeebiin Gamtaa Awurooppaa irratti xiyyeeffataniiru.

Yeroo darbe miseensota Gamtaa Awurooppaa irratti taarifa 20% irra ka'aniiru.

Eegasii mariin daldalaa yeroo laafaa adeemu oomishoota Gamtaa Awurooppaarratti taarifa ka'an gara 50%'tti guddisuuf dhaadataniiru.

Akka odeeffannoon waajjira bakka bu'aa daldalaa US irraa argame agarsiisutti, biyyoota Gamtaa Awurooppaa fi Yunaayitid Isteet gidduu walcaalteen daldalaa dolaara biiliyoona 235.6 galmaa'eera.

Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Leyeen Gamtaan Awurooppaa ''Hagayya 1 dura waliigalteerra gahuuf hojjechuuf'' qophii akka qabu himaniiru.

''Faayidaa Gamtaa Awurooppaa eegsisuuf tarkaanfii hunda fudhanna. Yoo barbaachisaa ta'e tarkaanfii deebii madaalawaa ta'e dabalatee,'' jedhaniiru.

Miseensota 27 kan qabu Gamtaan Awurooppaa US waliin marii taasisuuf fedha qaba.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon taarifa Tiraamp dhiheessaniin ''baay'uma akka wal hin galle'' ibsaniiru.

Yoo waliigalteerra hin gahamu ta'e Gamtaan Awurooppaa ''tarkaanfii deebii amansiisaa ta'e qopheessuu akka saffisu'' yaada dhiheessaniiriu.