Jimmatti hattuu ragaa eenyummaasaa ibsu mana hatuuf seene keessatti dagatee bahe

Seenaan yakkaa magaalaa Jimmaa keessatti dhiheenya raawwate mammaaksa Oromoo 'harka hanna bare dooluutu shokoksa' jedhu qabatamaan waan ibsu fakkaata.
Dargaggeessi yakka hannaatiin waggaa dura itti murtaa'ee hidhaa xumuree bahe bariidhuma hidhaa baheen hannaa raawwate.
Kan nama dinqisiisu garuu guyyuma tokkolleen ooluu obsa dhabee hannatti bobba'uusaa miti. Akkaataa itti eenyummaan isaa baramedha.
Abbaa Alangaa aanaa Magaala Jimmaatti abbaa adeemsa yakkoota adda addaa kan ta'an Aadde Jamiilaa Jamaal BBCtti akka himanitti, himatamaan Fu'aad Abbaa Fadad jedhamu kuni ALI bara 2017 keessa yakka hannaatiin himatamee murtii argatee ture.
Haa ta'uutii ALI Fulbaana 02, bara 2018 yakka ittiin adabame kana adabbiisaa xumuruun xalayaa ittiin adabbiisaa xumure fudhatee mana amala sirreessaatii gadhiifame.
Himatamaan kuni xalayaa mana amala sirreessaatii kennameef kana kiisa isaa keessa kaa'ateera.
Mana amala sirreessaa turee bahus garuu amallisaa akka yaadame hin sirranne.
Gaafa mana amala sirreessaatii bahe kana barii magaala Jimmaa bakka mandara qocii jedhamutti mana namaa seenee yakka hannaa raawwata.
Mana miidhamaa dhuunfaa kana erga seeneen booda TV fi Risiivarii fudhata. Garuu, osuma mana hannaaf seene kana jiruu surree abbaa manichaa argee jennaan kansaa jijjiirratee bahuuf murteessa.
"Himatamaan kuni manuma hannaaf seene kana keessatti surree miidhamaa dhuunfaa jijjiirratee kansaa achuma mana keessatti dhiisee baha.
''Yoo kana godhu waraqaan kaleessumtii mana amala sirreessaatii fudhatee bahe surreesaa keessatti hafe" jedhan Aadde Jamiilaan.
Miidhamaan dhuunfaa gaafa manasaa argu qabeenyisaa saamamuu hubatee surree namni mana keessatti dhiisee bahe kana yoo sakatta'u xalayaa kana argate.
Eenyummaan nama mana isaa saamee xalayaa kanarraa waan argameef poolisiitti gabaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xalayaan kiisha hattuu keessaa argame kuni mana amala sirreessaa magaala Jimmaa geeffamee qulqulloofnaan ragaa sirrii isaan biraa bahe akka ta'e mirkanaa'e jedhan Aadde Samiiraan.
Himatamaan kuni garuu guyyootaaf bakka jiru argamuu hin dandeenye. Hordofffiin itti fufe.
Amalli bare nama hin dhiisu akka jedhan himatamaan kuni guyyaa biraa hiriyaasaa waliin ta'uun mana nama biraa hannaaf cabsanii yeroo seenan harkaa fi harkatti qabaman.
Miidhamaan dhuunfaa mannisaa saamamee xalayaadhaan eenyummaa nama isa saamee bares dhihaatee namni manasaa saame isa ta'uun mirkanaa'e.
Poolisiin ragaa qulqulleessuun abbaa alangaaf erga dabarseen booda dhimmi hattuu kana mana murtii aanaa magaala Jimmaatti ilaalamaa ture.
"Himatamaan kuni yakka kana raawwachuusaa mana murtiirratti jecha amantaasaa kenneera" jedhan Aadde Jamiilaan.
Manni murtii aanaa magaalaa Jimmaas hattuu ragaa mana hannaaf seenetti dagatee bahee fi hidhaa bahee ganamumasaa hannatti deebi'e kana dhaddacha Onkololeessa 20, bara 2018 ooleen hidhaa salphaa waggaa lamaa fi ji'a ja'aan adabe.












