Aanaa Ancaaritti dhibeen namoota ajjeese kan Jiinkaatti mudateen tokkoo?

Dhibeen haaraan 'Haemorrhagic Fever' jedhamu tibbana Kibba Itoophiyaa Jiinkaatti mudachuun lubbuu namootaa galaafachuun gabaafameera.
Dhibeen gurmuu vaayirasoota adda addaatiin uumama jedhamee shakkame kanaan hanga ammaatti Hakiimota dabalatee lubbuu namoota ja'aa darbuutu himame.
Dhibeen kuni Jiinkaatti mul'achuu ministeerri fayyaa erga ifoomseen duuba miidiyaalee hwaasummaa irratti dhukkubni isaan walfakkaatu Godina Harargee Lixaa, Aanaa Acaaritti mudateera jechuun qoodaa turan.
Boodarra Ministeerri Fayyaa dhibeen Jiinkaatti mula'ate vaayirasii Maarbarg jedhamu akka tahe ibseera.
Namootni lama mana yaalaatti du'an...
Dhimma dhibee aanaa Ancaaritti mudate jedhame kanarratti kan dubbifne ittigaafatamaan waajjira fayyaa aanichaa Obbo Hayiluu Katamaa, aanicha ganda tokko keessatti dhibeen namoota hedduu qabe turuu himan.
"Aanaa ancaar ganda Incinnii kan daangaa aanaa Asakoo irratti argamtutti A.L.I gaafa Hagayya 14, bara 2017 irraa eegaluun 'Relapsing Fever' yookan Gubaa qaamaa irra deddeebiin mudatu"
"Dhibeen kuni gosa Taayifasii ta'ee hamma kana dura turerra olka'ee bifa weeraraatiin ilaalamee tarkaanfiin kan irratti fudhatamuu qabu ture. Ogeessonni gandatti gadi bu'anii kana hojjechaa turani" jedhan.
Dhibeen kuni qulqullina dhuunfaa gahaa dhabuurraa ilbiisota akka injiraanii, tukaanaa fi tafkiitiin namarraa namatti kan darbu akka ta'ee fi olaantummaan baattuun dhibee kanaa injiraan akka ta'e himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Gandi kuni diinagdeedhaan dadhabaa kan ta'ee fi uummanni hedduun kan keessa jiraatu, qulqullinni laafaa bakka ta'edha. Guyyaa dhibeen kuni mudachuun gabaafamerraa eegaluun ogeessi mana manarra deemuun namoota qabaman yaalaa turani" jedhan.
Dhibee kanaan waliigala namootni 71 qabamanii turuu fi isaan keessaa namootni lama lubbuun darbuu himan Obbo Hayiluun. Haa ta'u malee hawaasni naannoo namootni biraa sadii sababa dhibee kanaatiin lubbuun darbuu waan himaniif waliigala lubbuun namoota shanii darbeera jedhan.
Namootni yaala argatan 71 kana keessaa 12 haala ulfaataa keessa akka turanis eeran. Ogeessonni fayyaa aanichaa gandichatti ramadamuun hojiin hordoffii, tajaajila yaalaa fi hubannoo uumuu hojjetamaa waan tureef gaafa Onkololeessa 16, bara 2018 irraa kaasuun dhibeen kuni to'atameera jedhu Obbo Haayiluun.
Dhibeen aanichatti mudatee ture kuni kan Jiinkaatti mudate waliin amalli walfakkeessu Hoo'ina qaamaa olaanaa qabaachuu qofa malee dhukkubni kuni tokko miti jedhu.
Dhibeen aanicha Ganda Incinnitti mudate kuni to'annoo jala akka oolee fi erga namni dhibee kanaan qabamee gabaafamuun dhaabbatee torbee lama ta'uus himan.
"Amma erga namni dhibee kanaan qabame hin jiru jedhamee torbee lama ta'eera. Ta'ulleen namni dhibee kanaan qabame hanga guyyoota 20tti mallattoo agarsiisuu dhiisuu mala kan jedhuun gareen hordoffii ogeessota fayyaa gandichuma jiru"
"Garuu dhibeen aanaa keenya keessatti mudate kuni akka miidiyaa hawaasummaa irratti odeeffamu weerara olaanaa osoo hin taane waan humna buufata fayyaatiin ol hin taanee fi humna aanaatiin to'atame" jedhan Obbo Hayiluun.
Dhibeen akkanaa akka deebi'ee hin kaanee fi namarraa namatti daddarbee hin babal'anneef hawaasni waan gochuu qabus dhaaman.
"Amma uummata miidhaa kan jiru sodaa fi bolola. Hawaasni qulqullina qe'ee fi kan dhuunfaa eeggachuu, wadaaja taa'uu dhiisuu, walitti tuuta'anii taa'uu dhiisuu, Huccuu tokko waliin uffachuu fi siree tokkorra waliin rafuu irraas ofqsachuu qabu" jedhan.















