Poolisiin Meksiikoo koroojoo 45 reeffi namootaa keessa jiru argan

Madda suuraa, JALISCO STATE PROSECUTOR'S OFFICE
Aanga'oonni Meksiikoo korojoowwan 45 reeffa namootaa qabatan magaalaa lixa biyyattii taate Gudaalajaar cinaatti qillee keessatti argan.
Qondaaltoonni osoo dargaggoota wiirtuu waamicha bilbilaa keessa hojjetan torba bakki bu'ame dhabame barbaadaa jiranitti ture kan reeffa kanneen argan.
Reeffa argame kana keessatti dubartoonniifi dhiiroonni kan argaman yoo ta'u, meeqa akka ta'an garuu ammatti adda hin baafamne.
Barbaachi kunis sababii haala teessuma lafaa rakkiisaafi hanqina ifaatiin harkifatee guyyoota torbaaf itti fufaniiru.
Waajjiirri abbaa langaa mootumaa bulchiinsa naannoo lixaa, Jaaliskoon ibsa isaanii keessatti, eeruu baduu namoota torbaa ilaalchisee hordofuun barbaacha qilleewwan keessatti eegalameen koroojoon qaama namootaa qabatan kunneen Mirador del Bosque'tti argaman.
Hojjattoonni balaa ibiddaa fi ittiftoonni siviilii poolisoota waliin ta'uun hojjataa kan jiran yoo ta'u, gareen helikoptaraas eeffa kaasuun waliin jiru.
Korojoon jalaqabaa guyyaa Kibxataa kan argame yoo ta'u, sababii haala teessuma lafaafi hanqina ifa aduutiin garuu qorannichi Roobii deebi'ee eergaluun hanga qaamni namootaa hafan hundi argamaniitti hojjatan jedhan qondaalli abbaa alangaa.
Qondaaltoonni dabaluun eenyummaan reeffa namoota ajjeefamaniifi sababii du'asaanii hanga adda baafamuutti hojjachuu akka itti fufan dubbatan.
Akkasumas, bakka buuteen namoota badan torbaas hanga argamuutti itti fufuun hojjenna jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Reeffii namoota kanneenii attamiin akka qilee keessatti gataman baruun dadhabulleen, yakki bakka butee dhabamuu Meeksikoo keessatti baramaadha.
Akka odeeffaannoon mootummaarra argamu himutti, namoonni kuma 100 ol bakka buteensaanii kana dhabame yoo ta'u, irra caalaan isaanii yakka gareen raawwatamuuf kan saaxilamanidha. Kanneen gochaa kana raawwatan yeroon itti adabaman garuu muraasa.
Erga bara 2007, yeroo pirezidantiin Felipe Kaalderoon ''qoricharratti duula labsanii'' asitti namoonni baayyeen badaa jiraachuu agarsiisa odeeffannoon mootummaa irra argame.
Namoota bakka buuteensaanii dhabame jedhamuun gabaafaman keessaa harki nuusni dhiiroota fi kanneen harka shan keessaa tokko ta'an ammoo kan umuriinsaanii waggaa 18 gadiiti.
Maatiiwwan namoota badanii akka jedhaniitti, mootummaan barbaachuuf baayyee hojjataa hin jiru. Wayita isaan firoonni jalaa baduu gabaasaniitti qondaaltonni gargaarammaa ilaalchaa qabu jedhan.
Dhaabbanni Mootummaan Gamtoomaniis gocha kana ''taatee gaddisiisaa ilmaan namaa'' jechuun ibseera.
Eddoon Jaaloskoo jedhamu kun jidduugala falmiin qoricha itti gaggeeffamuufi kan gareewwan ciccimoo ta'an keessa socha'aniidha.
Garee qoricha sammuu hadoochoo dadabarsan Jalisco New Generation cartel (CJNG) fi morkataa isaa Nueva Plaazaa kan bara 2017 CING irraa foxxoqe jidduutti hokkarri bulchiinsuma kana keessatti ka'unsaa ni yaadatama.












