Badhaasa Noobelii Nagaa 2025 dubartiin mo'atte Maariyaa Machaadoo eenyu?

Badhaasa Noobelii Nagaa bara 2025 hoggantuun Paartii mormituu Venezuweelaa Maariyaa Kuuriyaa Machaadoo mo'atte.

Badhaasa kanaaf Doonaald Tiraamp haalaan eegamanii ture.

Hogganaan Koreen Badhaasa Noobelii Nagaa Machaadoon ''ulaagaalee hundaa'' badhaasichaaf Alfireed Noobel tarreessan guuttee waan argamteef badhaafamte jedhe.

''Paartii mormitootaa Venezuweelaa hundaa tokkoomsiteetti, ce'umsa gara dimokiraasitti taasifamu dursuun hojii guddaa hojjetteetti'' jedhe korichi.

Isa dura paartileen mormituu biyyicha adda wal qoqqooduun wla balaaleffachuu malee sirna Nikolas Maduuruu kan biyyicha bulchaa jiru irratti waliin dhaabbatanii mormanii hin beekan.

Maariin garuu kana cabsuun tokkoomsuu dandeesseetti.

Machaadoo meeshaaleen ykn qajeeltoowwan dimokiraasii hundi qajeeltoo nagaa tahuu agarsiifteetti'' jedhan hogganaan korichaa.

Itti dabaluun Looreetiin kun ''fuulduraaf bakkatti mirgi nama hundaa kabajamu uumuuf abdii guutuu guduunfatteetti,'' jedhan.

''Fuulduratti namni hunduu nagaan jiraachuu danda'a,'' jedha ibsi korichaa. Venezuweelaan biyya mootummaa abbaa irreen gaggeeffamtu yoo taatu mirgi namoomaa akka malee sarbamuun beekamti.

Maariyaan badhaasicha mo'achuukoo yommuun dhagahu ''hedduu nahe'' jechuun fuula X ishee irratti barreessite.

Viiidiyoo karaa yeroo isheen filannoo irraa dhorkamtu ishee bakka bu'ee dorgome Edmundoo Gonzaaleziif ergitee AFP dhaqabeen oduu kana yeroo dhageessu hedduu rifachuu himte.

"Gammachuu irraa kan ka'e naanee jirra,'' jedhe Gonzaalez. Innis waggaa kana dura biyyaa baqateera.

''Maali kuni! Amanuu hin danda'u,'' jette Maariyaan kan dhokattee jirtu viiidyoo ergite irratti.

Viiidyoon ishee kun fuula X Gonzaalez irratti maxxanfameera.

Filannoo pirezidaantummaa bara darbee irratti akka hin hirmaanneef dhorkamtee ture. Filannichi haqa qabeessa akka hin taane hawwaasni idil-addunyaa himeera.

Yeroon filan`noof magaalaa Karakas keessa ture, uummata baay'ee gara daandiitti waamuun akka ishee deeggaraniif duula gaggeessaa turte jedhan hoogganaan paartii mormituu biyyichaa Edmuund Gonzaaleez.

Bulchiinsa Nikoolaas Maaduuruuf nama siyaasaa uummataa fi paartilee siyaasaa biyyattii tokkuumsu tahuu ishee agarsiifte jedhan.

Filannoon dura sagaleen ture hunduu akka isheen filannicha mo'attu kan agarsiisu ture.

Taajjabdoonni filannoo wantoota ifa hin taanee fi sirrii hin taane hedduu gaggeeffamuu ibsanis Nikoolas Maduuroo marsaa sadaffaaf filannicha mo'achuu ibsan.

Erga bu'aan filannoo ifoomsamee garuu guutummaa biyyattii keessatti fincilli ka'eera. Kun hundi garuu tarkaanfii mootummaan fudhateen dhaabbachuu danda'e.

Erga guyyaa sanaa as hoggantuun paartii mormituu Maariyaa Machaadoo dhokattee turte. Yeroo sana yeroo muraasaaf hidhamtee gadhiifamte.

Ergasii uumamtatti hin mul'anne. Dhokattee turte.

Hogganaan Koree Badhaasa Noobelii Nagaa Jorgen Waatnii Firaaydnes badhaasicha eenyu argachuu akka qabu wagga waggaan akak mari'atan himan. Lubbuu isheef jecha dhokattee kan jirtu Maariyaan hojii gaarii hojjetteef badhaasa isheef malu hin dhabne.

Korichis dhokkattee jiraattus badhaafamuu akka qabdu itti amanee kennuufii ibse.

Maariyaan kan dhokattee jiraachuu jalqabde erga Hagayya bara 2024 asidha.

Venezuweelaa keessa akka jirtu ibsuun badhaasichi waan isheen qabsoofteef keessatti akka ishee onnachiisu himan.

Ji'a Muddee dhufu yeroo badhaasichi kennamu Oslootti argamtee fudhattii jedhamanii yoo gaafataman, ni dhufti kennee abdanna. Garuu lubbuu isheef waan sodaattuuf dhokattee jirti jedhan.

Dimokiraasiin addunyaa irraa duubatti deebi'aa jira kan jedhe korichi kan inni hundaa'uu fi eegamu namoota lubbuu isaaniif balaa dhufu hundaa fudhachuun callisuurra dubbachuu filataniini jedhe.

Maariyaan isaan keessaa tokko. Badhaasa Noobelii Nagaa bara kanaa Doonaald Tiraamp akka isaaf malu irra deddeebiin kaasaa ture.

Gaggeessitoonni adda addaallee Tiraampiin kaadhimaniiru. Maariyaan garuu dimokiraasii Venezuweelaa keessatti dagaagsuuf falmii gooteef injifatteetti.

Maariyaa Korinaa Machaadoo hundeessitoota paartii mormituu Vente Nenezuweelaa jedhamuuti.

Paartii bilisummaa fi dimokiraasiitti amanu yoo tahu paarticha waayillan ishee kaan wlaiin tahuun bara 2023 hundeessite.

Miseensa Mana Maree Waliigalaa Venezuweelaa tahuunis sagalee guddaan filatamteetti.

Sarbama mirga namoomaa fi qisaasama mootummaa maduuroon biyyicha keessatti dhaqabu mormaa turte.

Amma garuu ofiiyyuu dhokattee kan jirtu Maariyaan badhaasa Noobelii Nagaa namoota nagaaf dhabbataniif kennamus mo'atteeti.