'Sanyiin keenya baduuf jedha' - Warra adii Afrikaa Kibbaa US'tti baqachuu fedhan

Lafarraa meetira 4 kan ol fagaatu balballi elektrikaa sibiilarraa hojjetame, gubbaan isaa waan qara qaburraa bobbocame, qonnaan bulaan Maartinas konkolaataa fe'iisaa Piikaappiidhaan yoo dhufu, suuta qiqiqiqq… jechaa banama.
Kaameeraan seensa isaarraa dhaabbatee jiru sochiisaa hunda hordofa. Dallaan shiboo immoo ooyruu kutaa bulchiinsa Firii Isteet kan wiirtuu Afrikaa kibbaa keessatti argamtu tana marsee jira.
"Mana hidhaa fakkaata," balballi seensaa ooyruu wayita cufamu.
"Yoo dhufanii nu ajjeesuu barbaadan ni danda'u. Yoo xiqqaate hamma nu bira gahanitti yeroo jalaa fudhata."
Nama Waayit Afrikaanar kanaaf yaaddoon haleellaa baay'ee qabatamaa dha.
Ooyruu tana haadha warraa fi ijoollee dubaraa isaa lamaa waliin bulcha. Maqaa guutuu isaa nutti himachuu hin feene.
Akaakayyuu fi akaakayyuun haadha warraa isaa lamaanuu kan ajjeefaman haleellaa ooyruu keessatti isaanirratti raawwatameeni. Inni amma kan jiraatu maanaajarri ooyruu tokkoo, namni waggaa 21 Breendaa Hoorna, r bakka waggaa shan har'aa itti ajjeefamerraa fageenya konkolaataa sa'aatii lamaatirratti.
Inni fannifamee bantii muka elektirikiirratti argame. Maartinas hireen maatii isaa akka akkas ta'u hin fedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guraandhala, baqattummaa iyyatan.
"Waan kana milkeessee haati warraa fi ijoollee kiyya jireenya fooyyee akka jiraatan qophaayeen jira. Maalif jennaan, asitti qalamuu fi bantii mukaatti fannifamuu hin fedhu." jedha.
"Sanyiin uummata keenya Afrikaanar balaa jala jira"
Hidda dhaloota warra adii kan ta'an, keessummaa immoo haftee qubattoota Awurooppaa jalqabaati kan jedhaman, warri Afrikaanar Afrikaa kibbaa keessa jiraatan kumaan lakkaawaman, yeroo Donaald Traamp ajaja gara Ameerikaa isaan qubsiisuu mallatteessee kaasee Ameerikaa keessatti baqattummaan galmaa'uuf iyyachaa jiru.
Baay'inni lakkoofsi namoota iyyata kana galmaa'aa jiranii garuu hin baramne.
Onkololeessa darbe US baay'ina baqattoota waggaatti simattuu 125,000 irraa gara 7,500 gadi buusuuf akka jirtu ibsitus, Tiramp garuu Afrikaanaroota qubsiisuuf dursa kennuuf akka jiru ibse.
Sanada waajjira preezdaantii kan jornaalii guyyuu mootummaa Ameerikaarratti maxxanfame tokkorratti akka jedhutti kanneen simataman Afrikaanaroota Afrikaa kibbaa fi miidhamtoota kaan yakkii fi loogiin dachii handhuuraa isaaniirratti irratti raawwatamaa jiranii dha.
Maartinasiif kun fala ittiin rakkoo keessaa bahuuni.
" Haati warraa fi daa'imman koo yaaddoo malee akka jiraataniif lubbuu koo nan kenna. Sodaa keessa jiraachuu, beektaa? Jireenyi akkasii nama kamiifuu hin malu."
Yakkoonni haleellaa Afrikaa kibbaa keessatti baramoo dha.
Galmeen yakkaa dhihoo Sadaasa kurmaana tokkoffaa bara 2025 bahe akka agarsiisutti giddugaleessaan ajjeechaawwan 63 guyyaatti ni raawwatamu.
Kun kan bara 2024 yeroo wal fakkaataan wal bira qabamee yoo laalamu hir'ina agarsiisus, Afrikaan kibbaa yakka ajjeechaatiin addunyaarraa kanneen dursaa jiran keessayi.
Taaboo Maakoopoo loon bira dhaabbatee jira. Re'oonni isa biraa ni mul'atu. Shurraaba buburree uffatee bishaan qaruuraan harkatti baatee dhaabbata.
Qonnaan bultoonni gurraaleenis saaxilamoodha.

Qarqara magaalaa Fiiksbarg, magaalaa gaara Imperaanii miila jalatti argamtutti Taaboo Maakoopoon ooyruu xinnoo hektaara 96 kan hoolotaa fi loon irratti horsiisu qaba. Akkuma Maartinas namni ganna 45 kunis haleellaan ooyruurratti raawwatamu rakkoo ijoo dha.
"Isaan dargaggoota hidhatanii dha. Balaafamoo dha. Lubbuu isaanii dhabu ykn kan kee balleessu, beeylada sanneen fudhachuufi" jedha.
Taaboon, qonnaan bultoonni kutaa bulchiinsaa sana keessa jiran hundi, sanyii fedherraallee ta'an balaa haleellaaf saaxilamoo dha jedha.
"Hunduma keenya. Har'a haleellaan narratti raawwachuu danda'a. Kamii keenyarrattuu raawwachuu danda'a."
Yakkoota raawwatamanirratti tarkaanfiin Poolisii karaa nama gaddisiisun gad aanaa dha, yakki akka raawwatamu ni amanu, irratti hojjechaa jirra jedhanii dubbatus.
Kun kanaan osoo jiruu, lammiileen Afrikaa kibbaa eegumsa dhuunfaa irratti hirkatanii jiru.
Akka ragaa ejensiin to'annoo dhaabbilee eegumsa nageenyaa dhuunfaa agarsiisutti, eegdonni 630,000 hojii keessa jiru. Kun walitti ida'ama baay'ina poolisii fi waraanaa biyyattii caala.
Qonnaan bultoonni hedduun akka Morgaan Baareet, inni adii dha, yoo danda'an eegdota dhuunfaa ofii qacaratu. Inni ooyruu hektaara 800 caalu qaba. Lafti kun immoo dhaloota jahan darbaniif harkuma maatii isaa ture.
Jakkeettii furdaa fi qoobii ofirra buusuun konkolaataasaa koree halkan eegumsaaf baheera. Morgaanii fi maatii isaa jidduu halkan hundumaa bahanii paatrool godhu. Loon isaa keessaa jaha torban darbe hataman.
"Poolisii waamuu dandeessa, sa'aatii lama ykn sadi booda dhufuu danda'u, yeroo sanatti hattoonni badaniiru ta'uu danda'a" jedha.
Akkuma Taaboo, inni sababa bifa gogaa keenyaa miidhamne jedhee hin amanu. "Yaada haleellaan warra adii qofarratti raawwatama jedhu hin fudhadhu."
"Nama gurraacha raandii 20,000 qabu kan bakka nagaa qabu jiru, qixxuma nama adii raandii 20,000 harkaa qabu bakka nagaa jiruu argatanii jennaan haleelu."
"Duguuggaa sanyii warra adiirratti" raawwatamaa jira waan jedhamu irratti yaada maalii qabda jedhamee kan gaafatameef, "duguuggaan sanyii maal akka ta'e hubannoo dhugaa hin qaban" jedheen yaada jedhe.
"Wanni Ruwaandaatti raawwatame duguuuggaa sanyii ti. Wanti qonnaan bultoota adiirratti raawwatamaa jiru baay'ee badaa dha. Garuu, duguuggaa sanyiiti jettee waamuu waan dandeessu natti hin fakkaatu."
Traamp irra deddeebiin yaada duguuggaan sanyii qonnaan bultoota adiirratti raawwatamaa jira jedhu mormus, dureessi beekamaan Ameerikaa dhalootaan Afrikaa kibbaa ta'e Eloon Maask namootn siyaasaa Afrikaa kibbaa duguuggaa sanyii "si'aayinaan jajjabeessu" jechuun komachaa tureera.
Mootummaan biyyattii immoo Afrikaanarsii fi lammiileen Afrikaa kibbaa kaanis ni adamsamu kan jedhu cimsee waakkate.
Biyyattiin yakkamtoota sababa sanyii isaanii gad hin lakkiftu, garuu Caamsaa keessa, yaadota kanneen saaxiluun Ministeerri poolisii Seenzoo Michuunuu taateewwan ajjeechaa ooyruu keessatti raawwatameerratti ibsa kennan.
Michuunuun Onkololeessaa fi Bitootessa bara 2025 gidduu qofa qonnaan bultoonni 18 Afrikaa kibbaa keessatti ajjeefamuu yoo ibsu, kanneen keessaa 16 kan ta'an gurraachota yoo ta'an lama adii ta'uu ibse.
Dhugaan lakkoofsan deeggaramu kun osoo lafarra jiruu ammas garuu tiyooriin warri adiin sababa bifa isaanii addatti adamsamu kan jedhu yaadni garee finxaaleyyii siyaasaa gara mirgaan bu'uureeffamee ture har'as miidiyaalee idileetiin akkuma itti fufetti jira.
Adeemsi malaan sanyii adamsuu waan asiin dura gurraachota Afrikaa kibbaa 80% uummata biyyattii ta'anirratti waggoota kurnan hedduuf waan raawwatamaa ture dha.
Sirna appaartaayidii bara 1948 kaasee waggoota 46'f ture keessatti mootummaan warra adiitiin hogganamu uummata sababa bifa gogaa isaatiin qoodee seera itti baasee loogii irratti raawwachaa ture.
Seera loogiii duraan ture qoopheessaa jiru.
Mirgi filachuu, lafa bitachuu fi hojiiwwan ogummaa warra adii qofaaf adda baafamanii turan.
Gurraaleen Afrikaa kibbaa lafa isaaniirraa buqqaafamanii adda baafamuun iddoowwan isaaniif adda bahe iddoo barnoonni olaantummaa sanyiitiin kennamu keessatti daangeffamanii akka jiraatan godhamaa turan.
Kun sarbamaa fi hacuuccaadhaan raawwatamaa waan ture.
Sirni appaartaayidii bara 1994 badus olaantummaa fi gad aantummaan duraan hidda gadi fageeffate waggoota 30 boodas hinuma jira.
Mootummaan sirna appaartaayidii booda dhufes tarkaanfiiwwan imaammatoota kanneen miidhaman jajjabeessu, dhimmoota tokko tokkorratti adeemsa gumaa ittiin baasu fudhateera.
Garuu kunis "kootaa loogii sanyummaa" jedhamee qeeqa irratti kennamaa tureen hojirra akka hin oolle fi hin milkoofne ta'eera.
Ammas taanan, 72% kan ta'u lafti qonnaa dhuunfaa harkuma warra adii jiraachuu gabaasni odiitii lafaa mootummaa bara 2017 bahe ni agarsiisa. Warri adiin garuu uummata biyyattii keessaa 7.3% ta'u.
Riifoormiin lafaa qajeelfama bittaa gurgurtaa fedharratti hundaaye jajjabeessu qophaayus waan jijjiire baay'ee hin qabu.
Seerri haaraan mootummaan barana baase immoo mootummaan lafa qonnaa namoota dhuunfaan dhuunfataman beenyaa malee akka dhaalu aangoo kan kennuufi dha.
Kun garuu darbee darbee waan mul'atu dha akka ogeeyyiin seeraa BBC'n dubbise himanitti.

Biyyattii keessatti lafa qonnaa dhuunfaa hedduu kan dhuunfatan ta'anis haleellaan ooyruurratti raawwatamu garuu sanyii adiirrattis gurraacharrattis hinuma raawwatama.
Dubbiin siyaasaa garuu akka waan qonnaan bulaawwan adii qofti miidhamaa jiraniitti afarfama. Yakkii fi sarbamni garuu sanyii kan fooye miti.
Magalaaa qarqara Fiigsbarg jirtu Meqeleeng, kan sirna appaartaayidii gurraaleen bakka biraatii buqqaafamuun keessa qubsiifaman keessatti, Nitaabiseeng Nitaatakaanaa, man-kuusaa xiqqoo qabdi.
Amajjii 15 bara kana keessa wayita abbaan warraa ishee Tembaani Nikgaangoo balbala cufaa jirutti saamichi irratti raawwatame.
Inni gara ollaa isaatti baqachuuf yaalaa ture. Garuu kanneen isa ari'aa turan warri ollaa yoo balbala jalaa banan akka isaanis ajjeefaman akeekkachiifaman.
Nitaabiseng reeffa Tembaanii lafarratti argite.
"Qaama isaa keessa bakka hedduu rasaasatu ture. Bakka hundas waraaname. Ni wawwaranan. Dhakaan tumani" jetti. Namni tokkollee ajjeechaa kanaaf hin to'atamne.
Nitaabiseng amma ijoollee ishee afur kophaa guddifti.
"Ijoolleen gaaffii na gaafatu: 'Harmee abbaa keenya eenyutu ajjeese?' jedhu. Waan jettee deebiftu hin beektu" jetti.
Fiiksbarg irraa fageenya konkolaataa sa'aatii lama hin caallerra kan jiraatan, Maartinasii fi maatiin isaa iyyata koolugaltummmaa Ameerikaa guutanii itti milkaa'anii jiru.
Amma imalaaf baay'ee shurshuraa jiru. Guyyaan balallii yoom akka ta'e baruuf gurra qeensanii dhaggeeffachaa jiru.
Inni ammas warri adiin Afrikaa kibbaa keessatti adamsamaa jiru yaada jedhu cichee amana.
"Namni hedduun lafa dhuunfachuuf qonnaan bultootaa fi namoota adii biyya kanarraa obbaafachuun hojii siyaasa ti jedhee amanu.
"Yaaddoo kana obbaafadhee asii deemuun anaaf wann guddaa dha. Kadhannaa koo kan nan dhagahe Waaqa guddaa nan galateeffadha."












