Mo'attuun dorgommii bareedinaa nama gaa'ela qabu wajjin ''kachachalte'' gonfooshee deebiste

Shamarreen dorgommii bareedinaa Jappaan mo’atte nama gaa’ela qabu waliin kachachalte gabaasni jedhu bahuu hordofee gonfoo mo’achuusheetiin argatte deebiste.

Shamarreen dhalattuu Yukireen taate bareedinaan mo’atte kun gabaasni hariiroo dhiira gaa’ela qabu waliin qabdi jedhu baheen booda fedhiisheetiin injifannoon ishee akka haqamu taasisfteetti.

Dubartii umuriin waggaa 26 kan taate Kaaroliinaa Shiinoo torban lama dura ‘Miss Jappaan’ jedhamtee yeroo filatamtetti dhalattuu Yukireen ta’uusheetiin walqabsiisees falmiin ka’ee ture.

Hanga lammummaa Jappaan qabaattetti miidhaginaan mo’achuushee haala gaarii ta’een kanneen ilaalan akkuma jiran, warri kaan ammoo duudhaa miidhagina Jappaan bakka hinbuutu jechuun falmanii ture.

Osoo falmiin kun jiruu ture barruun biyyattii tokko nama gaa’ela qabu tokko waliin ''kachachalteetti'' gabaasa jedhu kan baase.

Akka gabaasa barruu Shukaan Bunshin jedhamu kanaatti, shamarreen miidhaginaan mo’atte kun nama gaa’ela qabu doktora ta’eefi dhiibbaa uumu waliin hariiroo jaalalaa qabdi ture.

Namni maqaan Kaaroliinaa Shiinoo waliin ka’u kun gabaasa kana ilaalchisee yaada kamiyyu kennuurraa of qusateera.

Gabaasni kun bahee torban tokko keessatti warri dorgommii miidhaginaa qopheessan deebii jalqabaa kennaniin, Kaaroliinaa Shiinoo namni isheen waliin hariiroo jaalalaa uummatte kun gaa’ela akka qabu hin beektu ture jechuun isheef falmaniiru.

Haata’u malee, ibsa dabalataan kaleessa kennaiin, namni kun nama gaa’ela qabu ta’uufi kan bultoo ijaarrate akka beektu amantee gaabbii qabdu dubbachuushee himan.

Dubartiin miidhaginaan mo'attee 'Miss Jappaan' jedhamte kun yakka raawwatteef dhiifama gaafachuun injifannoo kanarraa of haqxeetti.

Tarkaanfiin isheen fudhatte kunis qopheessitoota biratti fudhatama argachuusaa Waldaan 'Miss Jappaan' beeksiseera.

Kaaroliinaa Shinoo ibsa Wiixata baasteen, jalqaba yeroo gabaasichi bahu sodaafi naasuun waan itti dhaga'ameef deebii kennite ta'uu dubbachuun warra ishee diqisiifatan, akkasumas uummata dhiifama gaafatteetti.

"Rakkoo cimaa uumeef, akkasumas warra na deeggaran ganuu kiyyaaf dhiifaman gaafadha," jetteetti.

Bakki ishee mo'attee 'Miss Jappaan' jedhamuun irratti muudamtee ture kunis waggaa tokkoof banaa ta'ee akka turu ibsameera.

Kaaroliinaa Shinoo seenaa Jappaan keessatti shamarree sanyii Awurooppaa of keessaa qabaattee dorgommii 'Miss Jappan' mo'atte jalqabaa jedhamtee ture.

Maatii Yukireen irraa kan dhalatte Kaaroliinaa Shinoo umuriin ishee yeroo waggaa shan ture haadhashee waliin gara Jappaan deemte.

Kan ittiin waamamtus nama lammii Jappaan abbaa biddeenaashee ta'ettidha.“

Afaan Jappaan sirriitti dubbachuus ta'e barreessuu kan dandeessu yoo ta'u, waggaa tokko dura ture lammummaa Jappaan kan argatte.

Lammummaa argattee booda yaada kenniteen, "yeroo baayyee nama Jappaan ta'uun kiyya fudhatama hin arganne ture, har'a lammii Jappaan ta'uun koo fudhatama argachuusaatti na gammachiiseera," jette.