Daawwadhaa: Dargaggoo funyoo lafarraa 185m fagaatee hidhameerra deeme

Daawwadhaa: Dargaggoo funyoo lafarraa 185m fagaatee hidhameerra deeme

Atileetiin Istooniyaa Jaan Roos funyoo gamoowwan beekamoo Kataar lama gidduu hidhameerra 150m imale.

Funyoo yookiin wadaroon cimaa ta'e kuni lafarraa 185m fagaata.

Fageenyi inni amma wadaroorra imale waan kana dura ta'ee hin beeknedha jedheera Rooyitars gabaasa isaan.

Dargaggoon kuni dorgommii gosa ispoortii kanaa ''Slackline World Champion'' jedhamu si’a sadii sadii injifateera.

Erga fageenya gamoowwan lamaan gidduu xumuree booda Jaan Roos gammaduu ibse.

Waan kana milkeessuuf yeroo bubbeen xiqqaafi aduun hin jirre filachuufi kana gochuunis rakkisaa akka ta’e dubbate. Daawwadhaa!