Dirooniin Ameerikaa 'MQ-9A Riipar' diroonii balaafamaa addunyaa maaf jedhame?

MQ-9A Riipar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii ammayyaa Ameerikaa MQ-9A Riipar jedhamuun beekama

Waraana ammaayyaa keessatti diroonii fayyadamuun gahee guddaa bahataa jira. Haleellaa gaggeessuu, odeeffannoo sassaabuu, dhiyeessii waraanaf barbaachisu geessufi kaanifis oolaa jira.

Ameerikaan ammoo diroonii tajaajila waraanaaf fayyadamuu erga eegaltee bubbulteetti.

Keessumaa diroonii fageenya dheeraa sa'aatii dheeraaf imaluun haleellaa gaggeessufi tajaajila waraanaa biroof oolun beekamu MQ-9A Riipar fayyadamuu erga eegaltee waggaa 18 ta'eera.

Fuula marsariitii Humna Qilleensa Ameerikaa irratti akka ibsametti, US diroonii ammayyaafi balaafamaadha jedhamuun beekamu kana bara 2007 irraa kaasuni fayidaarra oolchuu kan eegalte.

US dirooniwwan MQ-9A Riipar kana har'as oppireeshiniiwwan biyyoota garaa garaa keessatti gaggeessituuf itti fayyadamaa jirti.

Bulchiinsi Tiraamp yeroo dhiyoo as naannoo Kariibiyaanii keessatti haleellaa bidiruuwwan Venezuweelaa irraa qoricha sammuu namaa adoochan fe'uun gara US geessu jedherratti duula haleellaa qilleensarraa gaggeessaa jira.

Haleellawwan qilleensarraa kana ammoo diroonii MQ-9A Riipar fayyadamuun gaggeessaa akka jiru Humni Qilleensaa US beeksiseera.

Ofii diroonii US kana maaltu diroonii ammayyaafi balaafamaa taasise? Teeknolojii akkamii fayyadam?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Diroonii MQ-9A Riipar kan omishu dhaabbata Ameerikaa meeshaalee waraanaa omishuun beekamu General Atomics Aeronautical Systems jedhamuudha.

Dirooniin nam-maleessi kun fayidaa garaa garaaf kan ooludha: fageenya dheeraa imaluun sa'aatii dheeraaf qilleensa turuun hordoffii gaggeessuu, odeeffannoo sassaabuu, haleellaa misaa'eelaa gaggeessuu fa'aadha.

Koochoon diroonii kanaa meetira 20 kan bal'atu yoo ta'u, meeshaa waraanaa ykn misaa'ela ulfaatina kg 1,701 baachuu akka danda'u Humni Qilleensa US fuula marsariitii isaa irratti ibseera.

Diroonii MQ-9A Riippar wantoota adda taasisan keessaa sa'aatii dheeraa qilleensarra turuu danda'uudha. Ulfaatina meeshaa waranaa baatu irratti hundaa'uun sa'aatii 40 oliif odeeffannoo sassaabaafi hordoffii waraanaa taasisaa qilleensarra turuu danda'a.

Kuni ammoo xayyaara waraanaa namni balaliisu caalaa dirooniin kun fayidaa guddaa akka qabaatu isa taasisa. Xayyaarri waraanaa paayileetiin balaliisu sa'aatiwwan muraasan alatti qilleensarra turuu hin danda'u- boba'aan dhumuu, paayileetiin dadhabuufi sababoonni biroos jiraachuu malu.

Teeknolojiifi dandeettii odeeffannoo sassaabuu

Diroonii MQ-9A Riipar yeroo xayyaara waraanaa fe'iisaa keessaa buufamu

Madda suuraa, Getty Images

Waanti biraa diroonii MQ-9A Riippaar adda taasisu teeknolojii ammayyaan dabaalamuu isaati. Teeknolojii seensarii qiyyeeffannoo ittiin adda baasan kan ammayyaa ta'e hidhachuun dirooniin kun halkanis ta'ee guyyaa balali'uu akka danda'u taasisa.

Kaameeraa sochii qiyyaafannoo bifa qulqullina qabuun waraabufi adda baasu, seensarii infiraareedii dukkana keessa waanta tokko sirriitti adda baasuu danda'u, sirna raadaarii sochiiwwan konkolaataafi bidiruu lafaa galaanarratti taasisan fageenyarraa adda baasuu danda'u kan hidhateedha.

MQ-9A Riippar maaltu diroonii balaafamaa addunyaa jechisiise?

Misaa'ela Hellfire

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'ela Hellfire jedhamuun beekamuufi dirooniin MQ-9A Riipar hidhatu. US jeneraala Iraan kan ta'e Qaasiim Suleemaanii bara 2020 Buufata xiyyaaraa Baagdaad keessaa yeroo bahu irratti qiyyaafachuun kan ajjeeste misaa'ela kana fayyadamuuni

Diroonii US kana diroonii balaafamaa addunyaa kan jechisiise dandeettii odeeffannoo basaasaa sassaabuu qofa osoo hin taane, haleellaa qiyyaafannoo isaa eeggate gaggeessufi misaa'ela hidhatuudha.

US haleellawaan qilleensarraafi odeeffannoo basaasaa biyyoota garaa garaa keessatti qaamolee shororkeessitoota jetturratti gaggeessituuf irra jireessan diroonii MQ-9A Riippar fayyadamti.

Biyyoota akka Somaaliyaa, Sooriyaa, Yamaniifi amma immoo galaana Kariibiyaanii irrati haleellaa qilleensarraa gaggeessituuf diroonii kana fayyadamti.

Misaa'el qiyyaafannoo barbaachisaa ta'e haala amansiisaa ta'een adda baasee haleelu akka hidhatu godhamuuni kan hojjatame.

MQ-9A Riippar misaa'ela ammayyaa haleellaa cimaafi miidhaa guddaa geessisuu danda'u hidhachuunsaa diroonii balaafamaa addunyaa akka jedhamu wantoota taasisan keessayi.

US qaama irratti xiyyeeffachuu barbaadde tokko diroonii kana bobbaasuuf sa'aatiwwan dheeradhaaf bahaa gala hordofuu dandeessi. Odeeffannoo qabatamaa irratti hundaa'uun misaa'ela ammayyaa diroonichi hidhateen haleelti.

Bara 2020 keessa US jeneraala beekamaa Iraan kan ta'e Qaasiim Suleemaanii kan ajjeeste diroonii MQ-9A Riippar fayyadamuun akka ta'etu himama.

Gatiin diroonii MQ-9A Riippar tokkoo dolaara miliyeena 56.5 akka ta'e ragaan marsariitii Humna Qilleensaa US irratti ibsame ni agarsiisa.