Taalibaan kitaabni dubartootan barreeffaman Yunivarsiitiiwwan Afgaanistaan ​​keessatti akka hin tajaajille dhorke

Mootummaan Taalibaan kitaabota dubartootni barreessan yunivarsiitiiwwan Afgaanistaan ​​keessatti baruufi barsiisuuf akka hin oolle dhorke.

Dhorki kun qaama murtee dhiheenya kana Yunivarsiitiiwwan keessatti mirga namoomaa fi miidhaa saalaa seeraan ala ta'e barsiisuu keessaa tokko ta'uun himameera

Kitaabonni dubartootaan qophaa'an gara 140 - mata dureewwan akka "Nageenya Laaboraatoorii Keemikaalaa" jedhu dabalatee - kitaabotni dubartootaan barreefaman gara 680 sababa "imaammata farra Shari'aa fi Taalibaniin" ta'aniif "yaaddoo" ta'anii argaman keessaati.

Yuunivarsiitiiwwanis kana booda gosoota barnootaa 18 barsiisuun akka hin hayyamamneef itti himameera.

Akka qondaalli Taalibaan tokko sababa isaa ibsanitti, ''seera bu'uuraa Shari'aa fi imaammata sirnichaa kan faallessudha'' jedhan.

Labsiin kun uggura fi daangaa walduraa duubaan Taalibaan erga aangootti dhufee kaa'e keessaa isa dhumaa dha.

Torban kana qofa intarneetiin faayibar optikii bulchiinsa biyyattii 10 keessatti murtii Mana Murtii Waliigalaa Taalibaaniin safuun akka hin badne ittisuuf deebii jedhuun uggureera

Taalibaan dubartoonni kutaa 6ffaa ol akka hin baranne kan dhorke yoo ta'u, giddugala leenjiiwwan bara 2024 irraa eegalee leenjii kennaa turan cufuun tajaajila leenjii narsummaa dubartii deessisuu akka kennu taasifameera.

Gosoota barnootaa 18 yunivarsiitiiwwan keessatti kennamanii fi dubartoonni irratti hirmaatan keessaa jaha addatti dubartoota irratti kan xiyyeeffatedha.

Koorniyaa fi Misooma, Gahee Dubartoonni walqunnamtii Keessatti Qaban fi Hawaasummaa Dubartootaa gosoota barnootaa yunivarsiitiiwwan Afgaanistaan ​​irraa dhorkaman keessaa muraasadha.

Mootummaan Taalibaan akkaataa hiika aadaa Afgaanistaanii fi seera Islaamaa irratti hundaa'uun mirga dubartootaa akka kabaju ibsa.

'Qaawwa barnoota keessatti umamu'.

Miseensi koree kitaabota dubartootan barreeffaman dhorkuu keessatti hirmaate tokko murtoon kun sirrii ta'uu BBC Afgaanistaaf mirkaneesseera.

"Kitaabonni dubartootaan barreeffaman hundi akka sirna barnootaa keessatti itti hin fayyadamne dhorkamaniiru" jedheera.

Osoo Taalibaan gara aangootti hin dhufin dura itti aanaa ministeera haqaa kan turteefi kitaabota hedduu kan barreessite Zaakiyaa Adeliin murteen kitaabota dubartoota tajaajila barnoota irraa dhorkuu akka hin ajaa'ibsiifne dubbatteetti.

''Taalibaan waggoota afran darban keessatti waan hojjatan ergan argee booda sirna barnootaa akka jijjiru eegen ture,'' jetteetti.

"Ilaalchi fi imaammanni Taalibaan dubartoota jibbisiisu dubartoonni akka hin baranne dhorkuu qofa osoo hin taane, ilaalacha, yaadaafi barreeffama isaaniis ukkaamsa," jette

Qajeelfamni haaraan kun ji'a Hagayyaa keessa kan bahe ta'uu ragaan BBC Afgaanistaan ​​arge ni mul'isa.

Itti aanaan daayreektarri akaadaamii Ministeera Barnoota Olaanoo mootummaa Taalibaan Zahur Rahman Aryubi xalayaa yunivarsiitiiwwaniif barreessan keessatti murteen kun ''hayyoota amantii fi ogeeyyiin'' ta'uu ibsaniiru.

Uggurri kun kitaabota dubartootaan barreeffaman qofa osoo hin taane, kanneen barreessitoota ykn maxxansitoota Iraan maxxanfaman illee kan ilaallatudha.

Miseensi koree kitaabota kana BBC'tti akka himanitti, kaayyoon isaanii ''barnoonni Iraan akka kaarikulamii Afgaanistaan ​​keessa hin seenne'' ittisuudha.

Murteen fuula 50 qabu kun yunivarsiitiiwwan Afgaanistaan ​​hundaaf ergame mata dureewwan 679 kan tarreesse yoo ta'u, isaan keessaa 310 barreessitoota Iraan kan barreeffaman ykn maxxansitoota Iraan kan maxxanfaman ta'uu ibsameera.

Garuu piroofeesarri dhaabbata tokkoo maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafate, qaawwa bu'aa kanaan uumame guutuun rakkisaa ta'a jedhee sodaachuu dubbataniiru.

''Kitaabonni barreessitootaa fi hiiktoota Iraan barreessan yunivarsiitiiwwan Afgaanistaanii fi hawaasa barnootaa idil-addunyaa gidduutti riqicha jalqabaa ta'uun tajaajilaa turaniiru. Kitaabonni kana altokkoon dhbamsiisuun barnoota olaanoo keessatti qaawwa guddaa uuma,'' jedhan.

Yunivarsiitii Kaabuul irraa piroofeesarri biraa akka jedhanitti, haala akkanaa keessatti, uggura Taalibaan kaa'e ilaalcha keessa galchuun, kitaaba barnootaa mataa isaanii qopheessuuf dirqamu.

Garuu gaaffiin guddaan kitaabonni barnootaa oomishaman ulaagaa idil-addunyaa guutuu fi dhiisuu isaaniiti.

BBC'n dhimma kana ilaalchisee Ministeera Barnootaa mootummaa Taalibaan irraa deebii hin arganne.