Zubimendiin Arsenaal dhufuurratti shakkiin ka'uu fi taphattoota beekamoo Sa'udiitti barbaadamaa jiran

Taphataan sarara gidduu Riyaal Soosidaad, Maartiin Zubimendii

Madda suuraa, Getty Images

Sa'ud Arabiyaarraa fedhiin waan jiruuf Tootrenhaam Saan Heung-min gurguruu danda'a; Taphataan sarara gidduu Riyaal Soosidaad, Maartiin Zubimendii gara Arsenaal dhufuurratti gaaffii kaasaa jira; Haroon Raamsdeel ammoo gara Weest Haam deemuuf waliin dubbachaa jira.

 Saan Heung-min

Madda suuraa, Getty Images

Tappataan sarara fuula duraa Tootenhaam Saan Heung-min amma xiyyeeffannoo Kilaboota Sa'ud Arabiyaa keessa galeera.

Tootenhaam ammoo taphattoota biroo fudhachuuf barbaadaa waan jiruuf taphataa lammiii Kooriyaa Kibbaa umuriin isaa waggaa 32 ta'e kana gurguree maallaqa argachuu barbaada.

Taphataan sarara cinaa Maanchester Yunaayitid Jaadon Saanchoo akkuma kana kilaboota Sa'udii Piroo Al-Hilaal, Al-Itihaad fi Al-Naasiriin barbaadama jira. Taphataan lammii Ingilaand umuriin isa waggaa 25 ta'e kun yeroo ammaa ergisaan Chelsiif taphachaa jira.

Taphataan sarara gidduu Riyaal Soosidaad uuriin isaa waggaa 26 ta'e Maartiin Zubimendii jijjiirraan gara Arsenaal deemuurratti gaaffii kaasaa jira.

Taphataan lammii Ispeen kun "carraan ni jiru" jechuun fuuldratti eessa akka deemurratti ifatti akka hin beekne dubbateera.

Taphataan sarara fuula duraa Bireentiford fi Kaameruun Biriyaan Mbeumo Maanchester Yunaayitid yoo deeme miindaa torbanitti paawondii 250,000 nan argadha jedhee eegaa jira.

Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun Maanchester Yunaayitid deemee miindaa kana argannaan, kan inni amma argachaa jiru harka shan kan caalu ta'a.

Inter Miilaan taphataan duraanii Arsenaal Seesk Faabirigaaz leenjisaa isaa akka ta'uuf gaafachaa jira. Faabirigaazs yeroo ammaa manaajera Koomoo yoo ta'u, Simoonee Inzaagii yoo gadhiise bakka isaa akka bu'u eegama.

Kiristaal Palaas keessaa qabeenya kan qabuufi abbaa qabeenyaa kilaba Faransaay Liyoon Joon Tekistar, gahee kilabicha keessaa qabu gara caalu gurguruuf akka fedha qabu beeksiseera. Kana kan gochuu barbaadeef ammoo seera Uefa abbaa kilaba baayye ta'uu dhorku cabsee bara dhuftu Kiristaal Paalaas Yurooppaa Liigii keessaa akka hin haqamne gochuufidha.

Jaaden Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

Karra eegaan lammii Ingilaand Aroon Ramsadeel kilaba bara kana Piriimer Liigii keessaa barana gadi bu'e Saawozhampitan gadhiisee weest haam deemuuf waliin dubbachuu jalqabeera.

Umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 27 kan ta'e Raamsdeel irraa Saawuzhaampiten Paawondii Miliyoona 20 argachuuf jira.

Taphataan sarara gidduu lammii Kirooshiyaa yeroo ammaa Riyaal Maadiriidiif taphatu Luukaa Moodirich AC Miilaan galuuf dubbii afaaniin waliif galeera. Taphataan umuriin isa waggaa 39 ta'e kun ganna kana Fifa Club World Cup irratti erga taphateen booda Riyaal Maadiriid gadhiisa.