Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii ijoolleeshee waliin bosona bofaafi bineensaan guutame keessa osoo jiraattuu argamte eenyuudha?
Dubartiin lammii Raashiyaa taate kibba Indiyaa bulchiinsa Karnataakaa keessa ijoolleeshee dubaraa lama waliin holqa bosona bineensotaafi bofaan guutame keessa osoo jiraattuu argamuun poolisii Hindiitti gaaffii uumeera.
Lammiin Raashiyaa kun Niinaa Kutiinaa jedhamti; Adoolessa 9, 2025 poolisoonni eegumsarra turan bosona Gokkaarnaa kan gaarreen Raamteertaa irratti argamu keessatti argan.
Angawoonni Indiyaa akka jedhanitti, dubartiin ganna 40 ijoolleeshee dubaraa lama waliin holqa keessa jiraataa turte sanada seera qabeessa homaatuu hin qabdu.
Ammaaf mana hidhaa lammiileen biyya alaa keessa turan keessa tursiifamaa akka jiraniifi yeroo dhiyootti gara biyyasaanitti akka gaggeeffaman ibse poolisiin Hindii.
Miidiyaan Indiyaa dubartii kana gaafachuun akka gabaasetti, ijoolleeshee waliin bosona keessa jiraachutti gammaduu ibsite.
"Uumamni [bosonni] fayyaa gaarii namaa kenna," jechuun miidiyaa Indiyaa ANI jedhamutti dubbatte.
Niinaan ijoolleshee lamaan waliin holqa bosona keessatti argamu keessa osoo jiraattuu erga argamtee booda illee torbee tokko kan ta'uuf akkamitti bosona Hindii gosa bineensotaafi bofaa miidhaa geessisan keessa akka dhufteefi yeroo hagamiif jiraataa akka turte ifa hin turre.
Poolisiin tasuma holqasheen keessa jiraattutti bahe
"Naannichi bakka turistoonni itti heddummaataniidha, garuu bofa heddutu keessa jira. Waktii roobaa sigigaachuun lafaas itti heddummata. Nageenya turistootaa eeguuf jennee bara darberraa kaasnee bosonicha eeguu jalqabne," jedha ajajaan poolisii aanaa Uttara Kannadaa M Narayaanaa.
Poolisoota eegumsarra turan wayyaa afame wayii arganii maalummaasaa adda baasuf osoo tabba gadi bu'aa jiranii isaan keessaa tokko wadaroo huccuun irra afame gufata.
Gidduma kanaan ijoollee dubaraa Niinaa keessaa tokko holqa keessaa gadi baatee poolisii erga argitee booda fiigdee ol holqatti deebite.
Poolisoonni faana dhahanii gaafa holqicha seenan haadha Niinaa Kutiinaa ijoolleeshee lamaan wajjin argan.
Holqi isaan keessa jiraatan bishaan kan galchuufi waan irra rafan waan akka pilaastikaa waan nyaatan muraasa qofa akka qaban ibse poolisiin Indiyaa.
Viidiyoo poolisiin Indiyaa waraabe irraa akka mul'atutti, ijoollen Niinaa lamaan wayyaa aadaa Indiyaa ibsu uffatanii fuula isaanii irraas gammachuutu mul'ata.
"Dubartiin suniifi ijoolleenshee bakkicha jiraachutti gammadoo fakkaatu. Bakkicha jiraachuun isaanif balaa akka qabu amansiisuuf yeroo nutti fudhateera," jedha poolisii Indiyaa kan ta'e Narayaanaa.
Bineensonniifi gosoonni bofaa nama miidhan heddu naannicha keessa akka jiran poolisiin yoo itti himu, "Bineensonnifi bofti nuuf hiriyaadha, namatu balaafamaadha" jettee akka deebisteef.
Erga holqicha keessaa baraaramanii booda Niinaa Kutiinaafi ijoolleeshee lamaan hospitaala geeffamuun fayyummaansaanii ilaalamee nagaa ta'uusaanii mirkanaa'era.
Niinaa Kutiinaa eenyusheen?
Qondaalli Biiroo Lammiilee Biyya Alaa Galmeessu Indiyaa tokko BBCtti akka himanitti, dubartiin kun lammii Raashiyaa yoo taatu, gara biyyasheetti ni deebifamti.
Biirichi qonsiilaa Raashiyaa magaalaa Chenaayitti argamu akkasumas embasii Raashiaa magaalaa Deelhitti argamu beeksisus deebii akka hin arganne beeksise.
Lammiin Raashiyaa ijoolleeshee waliin bosona keessaa argamte kun miidiyaalee Hindii ANI fi PTI waliin turtii taasisteen, Raashiyaa keessatti akka dhalatteefi waggoota 15 darbaniif achi akka hin jiraanne himte.
Biyyoota akka Kostaa Riikaa, Maleezhiyaa, Baalii, Taayilaand, Neeppaalifi Yukireen keessa akka jiraattes ibsite.
Walumaa galatti ijoollee afur waggaa 5 hanga 20 ta'an akka deessefi ilmi angafaa bara darbee balaa daandirratti mudateen du'uu himte.
Qondaalonni Indiyaa ammoo ilmishee lammaffaa kan ganna 11 Raashiyaa keessa akka jiraatuufi dubarri lama ishee waliin jiraachuu odeeffannoo kana qonsiilaa Raashiyaaf qooduu himan.
Biiroon Indiyaa Lammiilee Biyya Alaa Galmeessu torbee darbe, abbaa ijoollee dubaraa lamaan bira gahuufi abbaan ijoolleettii abbaa qabeenyaa lammii Israa'el ta'e Diroor Goldisteen jedhamu ta'uu beeksise.
Dabaluunis Niinaa Kutiinaafi ijoolleesaa lamaaniif baasii barbaachisu kaffalee akka gara Raashiyaa geessu amansiisuuf yaalaa akka jiru ibse.
Diroor Goldisten lixa Hindiitti kan argamtu magaalaa Go'aa keessa akka jiraatu ibsuun, ijoollee fudhattee osoo isa hin beeksisin manaa baduufi boodarra poolisii akka beeksise miidiyaa Hindii NDTV jedhamutti hime.
Mootummaan Indiyaa ijoolleesaa gara Raashiyaa akka hin ergineef waan danda'u hunda akka godhus hime.
Akkamiin ijoolleeshee waliin holqatti galte?
Niinaa Kutiinaa ijoolleeshee waliin akkamiifi yoom holqa bosona bineensonniifi bofti itti baay'atu akka dhaqxe odeeffannoon ifa ta'e hin jiru.
Tirbanoota hedduuf holqicha keessa jiraataa akka turan akka itti himte beeksise poolisiin.
Lixa Indiyaa bakka Gowaa jedhamu irraa akka dhufteefi achittis holqa keessa jiraachaa turuufi mucaashee dubaraa tokko holqa kana dura keessa jiraataa turte keessatti dhalachuu himte.
Lammiin Raashiyaa kan taate Niinaa Kutiinaa yoom gara Hindii akka dhufte hin beekmne.
Paaspoortii ishee akka gatte poolisiitti himtus, poolisiin paaspoortii ishee kan duraanii meeshaalee ishee keessaa arguu ibsuun, viizaa bizinasiitiin gara Hindii dhufte.
Yeroon turtiishee erga dhumee booda bara 2018 biyyaa akka baatu beeksisee ture. Chaappan paaspoortii isheerra jiru akka agarsiisutti, ji'a sadi booda Ebla 19, 2018 Neeppaal seente. Sana booda garuu garam akka deemte waanti agarsiisu hin jiru.
Niinaa Katiinaa garuu erga bara 2018 Hindii baatee biyyoota afur deemuu miidiyaa ANI tti himtee turte. Walumaa galatti ammoo biyyoota 20 akka deemte himti.
Niinaa Kutiinaa maaf holqa keessa jiraatti?
Holqa isheen keessa jiraataa turte keessatti boci waaqa tolfamtuu warra Hinduu argamuu hordofee waa'ee hafuuraa shaakaluu holqicha keessa jiraachuu akka eegaltetu gabaafame.
Haata'u malee, Niinaan himannaa kana soba ta'uu himuun kophaa bakka uumamaa jiraachuun fayyummaaf gaarii akka ta'e amantee akka deemte miidiyaa Hindiitti himte.
Bosonaafi holqa keessa jiraachuun baay'ee akka itti toluufi ijoolleenshees achi turuutti gammaduufi fayyaaleyyii ta'uu himte.
Waanumti tokkollee akka isaan hin mudaane himuun "ijoollee kee bosona keessatti akka du'aniifi miti kanan fide.
Baay'ee gammadoo turan. Bishaan gaara irraa bu'u daakaa turan, bakka ciisichaa gaarii qabu, supheefi wantoota garaa garaa irraa bobboca hojjatu...nyaata gaarii ta'e bilcheessen nyaanna turre," jechuun holqa bosona guddaa keessatti argamu keessa jiraachuun akka isheefi ijoolleeshee gammachiise himte.