Ameerikaan Venezuweelaa irratti waraana banuu barbaaddi- Maduuroo

Pirezidaantiin Venezuweelaa Nikoolaas Maduuroon Ameerikaan ''waraana labsaa jirti'' jechuun himate.

Ameerikaan doonii waraanaa ishee isa addunyaa irraa isa guddaa jedhamu gara daangaa Venezuweelaatti butteetti.

Naannichatti muddamni waraanaa hammaataa jira. Ministirri Ittisaa Ameerikaa, Peetee Heegiiz, doonii waraanaa Ameerikaa guddicha USS Jerlad R Foordi jedhamu akka gara Kaaribiyaaniitti siqu ajajaniiru.

Dooniin kun xiyyaarota waraanaa 90 baachuu danda'a. Dooniin kun Medetiraaniyaanii irra ture. Jimaata kaleessaa ammoo gara Kaaribiyaaniitti akka siqu ajajan.

''Waraana haaraa bara baraan turu uumaa jira'' kan jedhan Maduuroon ''kana booda waraanatti hin gallu jedhnii waadaa erga seenanii amma immoo waraana biraa dhalaa jiru'' jedhe.

Ameerikaan naannoo Kaaribiyaaniitti waraana ishee akka dabalaa jirtu ibsiteetti. Waraana qoricha sammuu hadoochu irratti gaggeesinudha jedhan.

Xiinxaltoonni garuu kun tooftaa ittiin Nikoolaas Maduuroo aangoo irraa ittiin fonqolchuu barbaadanidha jedhan.

Ameerikaan Nikoolaas Maduuroo akka pirezidaantii biyyichaatti hin ilaaltu. Filannoo bara 2024 gaggeeffame hawwaasni idil-addunyaa sagalee tokkoon haqa qabeessa miti jedhee mormeera.

Paartiin mormituus akkasuma filannicha mo'adheera jedhe ture. Tibbanuma Ameerikaan haleellaa qilleensarraa 10 bidiruu Venezuweelaa irratti raawwatteetti.

Ministirri Ittisaa US, Peetee Heegiz, bidiruu sanarra kan turan ''shororkeesitoonni qoricha sammuu hadoochuu Naarkootik tahan'' jaha dhabamsiisamaniiru jedhan.

Haleellichi galaana kaaribiyaanii keessatti gaggeeffame. Peetee Heegiz bidirichi kan dhaabbata qoricha sammuu hadoochu daddabarsuun akka addunyaatti beekamuu fi Veenezuweelaa keessa maandheffate Tren de Araguwaa jedhamuuti jedhan.

Dhaabbanni kun Ameerikaadhaan shororkeessummaan kan galmaa'edha.

Haleellaan kun kan balaaleffatame yoo tahu, xiinxaltoonni ammoo seera qabeessummaa isaa gaafataa jiru.

Nikoolaas Maduuroon yeroo dheeraaf diina Tiraampa tahee kan turedha. Tiraamp dursaa dhaabbata qoricha sammuu hadoochuuti jechuun Maduuroo himata.

Bi-qabaan yoo ilaalamu daddabarsa qoricha sammuu hadoochu naannichatti gaggeeffamu keessaatti Venezuweelaan bal'inaan hin hirmaattu.

Kookeenii bal'inaan hin oomishtu. Kana kan oomishu Kolombiyaa, Peeruu fi Booliviyaadha.

''Kun dhimma mootummaa biyyichaa jijjiiruuti. Amma biyyicha weeraru osoo hin taane mallattoo isaa itti agarsiisaa jiru, jedhan dhimma Laatin Ameerikaa irratti xiinxala kan kennanniifi dhaabbata Chaataam haawos keessa kan hojjetan Dr Kiristoofer Sabatiinii.

Sochii fi muddamni humna waraanaan amma uumamaa jiru Maduuroo fi humna waraanaa biyyattiitti ''sodaa naquun'' akka isaan Maduurootti garagalan gochuudha jedhan.

Paantagon Jimaata kaleessaa yoo ibsu, dooniin waraanaa USS Jeraald R Foord gara Ajaja Kibba Ameerikaatti akka bobba'u ajajameera. Gidduugala Ameerikaa, Ameerikaa Kibbaa fi Kaaribiyaanii keessatti ergama qabatee socho'a jedhe.

Daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu jeequu fi haleeluuf humni waraanaa dabalataas ni bobba'a jedhan. Dubbii Himaan Humna Ittisa Ameerikaa, Siin Paarnel, dhaabbata yakkaa daangaa qaxxaamuru kana ni dadhabsiifna jedhan.

Xiinxaltoonni akka namoota qoricha daddabarsan kamiyyuu galaana irratti to'achuuf humna hamma kana gahu US bobbaaste hin gaafatu jedhu.

Dhimmichas pirezidaantii Venezuweelaa aangoo irraa kaasuu akka tahe amanu.

Dooniin waraanaa kun haleellaa qilleensarraa US gaggeesituuf waan barbaachisu dhiyeessa.

Tiraamp dhimma Venezuweelaa yoo kaasan tarkaanfiin haleellaa qilleensaan qofa osoo hin taane ''lafatti'' fudhatamu jiraachuu danda'a jedhan.

''Amma dhugumatti tarkaanfii lafa irratti fudhachuu yaadaa jirra. Sababni isaa sochii galaana irratti godhamu to'annaa kenya jala oolchineerra,'' jedhe Tiraamp.

BBC'n Ameerikaan xiyyaarota waraanaa ishee naannoo Poortoo Rikootti akka dabaltee jirtu adda baaseera.

Tiraamp hulaa dadabarsa qoricha sammuu hadoochuuti jechuun daanaa lafaa Venezuweelaa keessa galee haleellaa banuu akka barbaadu CNN gabaaseera.

Dooniin waraanaa kun xiyyaarota waraanaa baachuu qofa osoo hin taane xiyyaarota geejibaaf oolan qabachuu danda'a.

Misaa'elootaa fi kaanis ofirratti qabatee socho'a.